Daldalli seeraan alaa gochoota daldalaa seeraan dhorkaman seera cabsanii raawwachuun kan ibsamuudha. Akkasumas meeshaalee seeraan dhorkaman omishuu, gurguruu, geejibsiisuufi gocha kanaaf haala mijeessuurratti bobba’uullee kan dabalatuudha.
Kontirobaandiin ammoo meeshaalees ta’e, omishaalee akka biyya keessa hingalleefi biyyaa hinbaaneef seerota Komiishiinii Gumurukii Itoophiyaatiin dhorkaman cabsanii raawwachuudha. Kanaaf, daldalli seeraan alaafi kontirobaandiin sirni daldalaa haqaqabeessi akka hinjiraanne gochuu qofa osoo hintaane ummannis ta’e biyyi faayidaa argachuu qaban kan dhabsiisuufi biyyallee tasgabbii kan dhorkuudha.
Naannoon Oromiyaa ammoo handhuura sochii daldalaa guguddaa garagaraa, daandiiwwan guguddoon naannoleefi biyyoota ollaa walquunnamsiisan kan keessa qaxxaamuran ta’uun walqabatee gocha daldala seeraan alaafi kontirobaandii hamaadhaaf kan saaxilamteedha. Kun ammoo qabeenyi naannichaa qixa sirriin misoomee faayidaa maluuf akka hinoolle gufuu guddaa ta’eera.
Oromiyaatti daldalli seeraan alaafi kontirobaandiin hundee gadi fageeffatee akka jiru qaamolee dhimmi ilaallatuun tibbana ibsameera. Mootummaan naannichaas kana hubachuun naannichatti sirna daldalaa haqaqabeessa mirkaneessuuf ji’oota lamaan as kallattii kaawwachuun koreen taaksifoorsii ittisaafi to’annoo daldala seeraan alaafi kontirobaandiirratti hojjetu qaamolee adda addaarraa ijaaramee sochiitti seeneera. Bu’aalee guguddoonis yeroo gabaabaa kana keessatti argamaa jiru.
Daldala seeraan alaafi kontirobaandii ittisuun bu’aalee argaman guddisuun akka barbaachisus waltajjii marii Gumii balal 28ffaa tibbana mataduree, “Daldala seeraan alaafi kontirobaandii ittisuufi to’achuun dirqama lammii hundaati” jedhuun adeemsifamerratti ibsameera.
To’annoo cimaa ji’oota ja’an darbanitti daldaala seeraan alaarratti taasifameen omishaaleen qarshii miliyoona 521tti tilmaamaman qabamaniiru, qaamoleen daldala seeraan alaarratti bobba’an 120s akkasuma to’atamaniiru.
Bu’aan argame abdachiisaa ta’us koreen dhimma kana ittisuufi to’achuuf hundaa’e xiyyeeffannaan kennu sadarkaalee hundatti walfakkaachuu dhabuu, qabsoon gama kanaan taasifamu laafaa ta’uu, sirna to’annoo teknolojii cimaadhaan deggaruu dhabuu, qindoominni laafaa ta’uufi ilaalchi hannaafi karaa qaxxaamuraatiin duroomuu mul’atu ammallee dhimmoota xiyyeeffannaan irratti hojjechuu barbaadaniidha.
Daldala seeraan alaafi kontirobaandii ittisuu dura qabeenya jiru sirriitti adda baasanii beekuufi ummanniifi raawwataan mana hojii kamuu keessa jiru xiyyeeffannaan akka hojjetu gochuunis dhimma murteessaadha.
Dhaabbata cimaa beekumsaafi ga’umsaan qabeenya kana sirnaan hogganee bu’aa ummataafi biyyaatiif oolchu ijaaruunis dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabuudha. Hojii qindoominaan jalqabame sadarkaalee hundatti cimsuufi ittigaafatamummaan akka jiraatu gochuunis barbaachisadha.
Walumaagalatti maalummaa daldala seeraan alaafi kontirobaandii, miidhaa hamaa gochoonni kunniin ummataafi biyyarratti geessisaa jiran akkasumas hojiilee ittisaafi to’annoorratti qindoominaan eegalaman cimsuufi dhimmoota yeroo ittaanutti xiyyeeffannaa barbaadanirratti sirnaan hojjechuun murteessaadha.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015