Finfinnee: Sagantaan imalaa deeggarsa hawaasni hidha haaromsaa guddichaaf qabu cimsuufi galii walitti qabuu kaayyeffate “Imala Hidha Haaromsaa” jedhu dheengadda eegalame.
Saganticha Waajjirri Qindeessaa Ijaarsa Hidha Haaromsaafi Dhaabbanni Tola Oolaa Baraaraa Seenaa, Aadaafi Hambaa Itoophiyaa jedhamu waloon qopheessuun ibsameera. Hoggantoota olaanaa bulchiinsa magaalaa Finfinneefi keessummoota kabajaa hirmaattota imalichaa ta’aniif gaggeessaan taasifameera.
Imalichi ji’a tokkoof kan turu ta’uufi magaalota naannolee 50fi aanaaleetti kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera. Daayrektarri Olaanaan Waajjira Qindeessaa Pirojektii Hidha Haaromsaa Itoophiyaa
Doktar Aragaawii Barihee, ijaarsa hidhichaaf deeggarsi Itoophiyaanonni taasisan cimee ittifufuu akka qabu dhaamaniiru. Hojiilee misoomaa garaagaraa tokkummaan waltumsuun waliin hojjennaan Itoophiyaan sababa hinguddanneef hinqabdu jedhaniiru jechuun TOIn gabaaseera.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 4 Bara 2015