Waasihun Takileetiin
Akka biyyaattis ta’e akka Oromiyaatti lakkoofsi dargaggootaa yeroorra yerootti dabalaa deemuunifi fedhii hojii wajjin walsimachuu dhabuun hudhaa biyyattii guddaa ta’ee mul’ataa jira. Hudhaa kana furuuf sochiiwwan garagaraa taasifamaa kan turan yoo ta’u, bakkeewwan hordoffiifi deeggarsi laafettimmoo araada hinmalleef saaxilamanii yaaddoo biyyaa kan ta’anis tokko lama miti.
Dhaloota kana baraaruu jechuun immoo biyyittii itti fufsiisuu waan ta’eef sakaallaa dargaggoota duubatti harkisaa jiru kana ciruuf ilaalchaafi yaadaan isaan gahoomsuun barbaachisaadha. Dargagoonni yaaddoo osoo hintaane utubaa biyyaa akka ta’aniif sadarkaa Oromiyaatti hojiileen hubannoofi jijjiirama yaadaa fiduu dargaggootaaf kennamaa turuu Hoggantuun Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaa dubbatu.
Hoggantuun biirichaa Dubree Saamiyaa Abdallaa turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, sadarkaa Oromiyaatti sochiin dargaggoota dinagdeen humneessuufi yaada qalbiin jijjiiruu olaanaa hojjetama tureera. Isa kanaaf immoo sababa guddaa kan ta’e jiraachuu biyya tokkoof gaachana kan ta’an dargaggoota waan ta’aniifidha. Dargaggoonni yeroo rakkinaa sadarkaa milishaarraa hanga raayyaa ittisa biyyaatti biyyasaaniif hiriiruun lubbuusaniif osoo hinwaakkatiin aarsaafi wareegama barbaachisu kaffaluun walabummaa biyyasaanii kabachiisaa turaniiru ammas ittuma jiru.
Kanamalees hojiilee ijaarsaa, misoomaa akkasumas kan mootummaa garagaraarratti bobba’uun ijaarama biyyaa keessatti qooda dargaggoonni bahachaa jiran gahee leencaa kan taphatu ta’uu eeranii, sadarkaa Oromiyaatti ilaalcha dargaggootaa qaruufi dinagdeen gahoomsuun walqabatee leenjiin garagaraa kennamaa tureera. Akka Oromiyaattis dargaggoota miliyoona afurii ol qaamaafi ilaalchaan jijjiirama yaadaa akka fidaniif leenjisuuf karoorfamee karooraa ol hojjetamuu danda’uu himu. Keessumattuu karoora ji’a jahaa gama kanaan qabamee tureen leenjiin sadarkaa naannoo hanga aanaatti gadi bu’e ilaalchisaanii akka qaramu aadaan hojii tuffachuufi filachuu akka hafuu qabu hojjetamuu kaasu.
Oromiyaa keessatti hojii uummatanii dinagdeen of humneessuu akka danda’aniif hojii tuffachuufi filachuun akka hafu hubannoo uumameen sadarkaa qophee qulqulleessuurraa kaasee hanga olaanaatti kallattii maallaqni itti argamuu danda’urratti leenjiin kennamuu himanii, leenjiin kennamaa ture kun jijjiirama yaadaa guddaa kan fide ta’uu haala yeroo ammaa dargaggoonni itti jiranirraa hubachuun akka danda’amu ibsu. Kunis hedduunsaanii hojii tuffachuu keessaa ba’anii hojii dhuunfaa isaanii uummachuusaaniin bu’aa galmeessisuun ofirra darbanii namoota biroof abdii ta’aa jiraachuu himu.
Akka Dubree Saamiyaa jedhanitti, keessumattuu akka biyyaatti Oromiyaan lakkofsa uummataan dursaa kan jirtu akkuma taate lakkoofsi dargaggootaas dachaan dabalaa jira; fedhiin hojiis akkasuma humnaa ol guddachaa jira. Lakkoofsa guddaa dargaggootaa akka biyyaatti olaanaa ta’eefi fedhii hojii isaan qaban walsimsiisuuf miirri hojii tuffachuu kanaan dura ture hafee kophee qulqulleessuu, hojii qulqulllina naannawaa, waardiyyummaa, daldala, nageenya kabachiisuufi kkf akkaatuma sadarkaa barnootasaaniin hojiii sasalphaa hanga hojjetaa mootummaa olaanaa ta’aniitti carraa hojii akka uumamuufii ta’ee jira.
Miirri hojii tuffachuu diinagdeen duubatti kana nama deebisu ta’uu isa darberraa waan barameef amma dargaggoonni qabeenya uumamaa naannawasanii jirurratti gurmaa’uun kallattii hundaan dinagdeen ofijaaruu qaamaafi ilaalchaan jijjiirama akka fidan hojii hojjetameen bu’aan quubsaa galmaa’u kaasu.
Dargaggoo araadaafi ilaalcha hinmalle keessaa baasuuf bakka oolmaasaanii mijataa taasisuun isa ijoo yoo ta’u, gama kanaanis hojiin jajjabeessaa hojjetamuu dubbatu. Bakki oolmaa dargaggootaa kun wiirtuu bashannanaa sammuun itti boqatan sochii qaamaa itti taasisaan akka ta’uuf kan akeeke yoo ta’u bakkee tokko tokkotti tajaajila hinmalleef wayita oolfamu akka mul’atu kaasu.
Kunimmoo rakkoo nageenyaan kan walqabatu yoo ta’u adeemsaan furuun wiirtuu dhaloonni qaamaafi ilaalchaan itti of ijaaru akka ta’uuf mootummaan naannoo irratti hojjetaa jiraachuu eeranii, dargaggoonni abdii biyyaa ta’an ilaalchaafi yaadaan bilchaatanii diinagdeen akka of hinijaarre sakallaawwan garagaraa akka jiranis ni ibsu.
Akka ibsa hoggantuu tanaatti, keessumattuu naannawaa dhaabbileen barnoota olaanaa, kolleejjiiwwan, manneen barnootaafi bakkeewwan bashannanaa tajaajila hinmalle jechuunis araada jimaa, dhugaatii, shiishaafi gaanjaan itti aarfamu ta’uun dargaggoota sakaalaa jiru. Araadonni akkasii kun dargaggoota dinagdeen kan sakaalan qorqalbii kan jaamsan ta’aa waan jiraniif qaamota dhimmisaa ilallatu waliin hojjetamaa jira.
Wiirtuu daldalaa naannawaa dhaabbilee barnoota olaanaa, kolleejjiiwwaniifi manneen barnootaa jiran eeyyama daldala mana nyaataa, mana bunaafi shayee kan baafatan ta’us cinaatti tajaajila araada badaa jimaa, shiishaa, gaanjaa, tamboofi kkf dhoksaan kennuun dargaggoota ilaalchaan, dandeettiifi dinagdeen naafessaa farra jijjiiramaa ta’aa akka jiru kaasu.
“Hojmaanni badaafi yakki akka babal’atuufis sababa guddaa ta’uun fayyadamummaa dargaggootaa hubaa jiru. Kun akkanaan kan itti fufu taanaan dhaloota ol adeemoo bor biyyattiif wabii ta’uu danda’u horachuun waan hindanda’amneef gamanumaa irratti hojjechuun murteessaa ta’ee argameera. Araada hamaa dhaloota nyaatu kana warreen babal’isan dhaabsisuun hojii Biiroo Dargaggoofi Ispoortii qofa waan hintaaneef seektaroonni dhimmisaa isaan ilaallatu marti waliin hojjechuun dirqama” jedhu.
Yeroo ammattis leenjii dargaggoota qaamaafi ilaalchaan jijjiiruuf akka Oromiyaatti gaggeeffamaa jiru keessatti hammachiisuun biiroo daldalaa, nageenyaa, fayyaa, dargaggoofi ispoortii, hawaasummaa waliin ta’uun hojiin dhaloota baraaruufi biyya ijaaruu hjjetamaa jiraachuu Dubree Saamiyaan ni himu.
Ammallee dargaggoota gara araada hinmalleetti kanneen oofan keessa rakkoon hojidhabdummaa isa ijoo yoo ta’u kun akka furamuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jiru cimee itti fufaa jiraachuu kaasanii, aadaan hojii yoo fooyya’een alatti dargaggoonni eeggattummaa jalaa waan hinbaaneef miirri kun akka cabuuf humna guutuun hojjetaa jiraachuu himu.
“Dargaggeessi eeggattummaa jalatti biyyi kufaatii biyyaa waan ta’eef eenyumtuu humna qabutti fayyadamee aadaa hojii tuffachuu maqsee diinagdeen of humneessuu akka qabu cichamee hojjetamaa jira. Keessumattuu bara 2015 rawwii hojii ji’a ja’aa keessatti dargaggoonni karooraa ol ta’an aadaa hojii gabbifachuu, nageenyarratti hirmaachuu, qaamaafi dinagdeen of ijaaruu irratti hojii hubannoo uumuu fudhatanii kan jiran yoo ta’u duubdeebiin olaanaa argameera” jedhu.
Akka ibsa hoggantuu tanaatti, akka Oromiyaatti dargaggoota miliyoona afuriif leenjii ijaarsa dandeettiin walqabatu kennuuf karoorri qabamee hojiitti kan seenamee yoo ta’u, kunis haala gaariin milkaa’eera. Biyya ofii keessa taa’anii hojii uummachuun osoo danda’amuu godaansa seeraan alaan biyya ormaatti kan hiraaran akkasumas dandiirratti kan du’anii irbaata galaanaafi qurxummii ta’an hedduudha.
Kanamalee hojjetanii diinagdeesaanii, kan maatiifi biyyasaaniif wabii ta’uu osoo danda’anii humnoota badiif meeshaa ta’uun gaaga’ama keessa kan seenanis isaan ta’uu eeranii, biiroon isaanis dargaggoo biyyasaaf yaaddoo osoo hintaane abdii egeree ta’u horachuuf humna guutuun hojjetamaa jira.
Dhimmi dargaggoota dinagdeen, ilaachaafi yaadaan humneessuu gahee Biiroo Dargaggoofi Ispoortii qofa waan hintaaneef sekteroonni dhimmisaa ilaallatu, abbootiin qabeenyaafi tola ooltonni deggarsa barbaachisu taasisuu akka malan kallattiin taa’ee irratti hojjetamaa jiraachuu himu.
Akka fakkeenyaatti deggarsa dhaabbata UNDPn taasifameen bakka oolmaa dargaggootaa aanota kudha lamaaf kitabilee, teessoofi minjaaloonni arjoomamuu eeru.
Bakkeewwan hanqinni dhiyeessiiwwan oolmaa dargaggootaaf barbaachisan mul’atutti godinaaleen humna qabaniin akka deeggaran taasifamee fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu himanii, dargaggoonni biyyaaf utubaa ta’uu osoo malanii hirkattummaa jalatti kufuun fafummaa biyyallee kuffisu waan ta’eef sochii mootummaan taasisu cinatti dhaabbileen miti mootummaas deggarsa taasisuun dhaloota egeree biyyaaf abdii ta’u horachuuf tumsuun barbaachisaadha.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 27 Bara 2015