Waaliyaan taphoota gulaallii waancaa Afrikaa ji’a dhufuu dirreesaa ala taphata

 Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa Waaliyaan taphoota gulaallii waancaa Afrikaa baatii dhufu taphatu ammas dirreen ala akka taphatu ‘CAF’ beeksise.

Gulaallii Waancaa Afrikaa bara 2023 Kotidivaar qopheessituuf Misir, Maalaawiifi Giinii waliin kan ramadame gareen biyyaaleessaa Itoophiyaa baatii Bitooteessa dhufu Giinii waliin tapha dhaqaa gala akka taphatuuf sagantaan qabameera.

Taphoota lama irraa qabxii sadi argatee ramaddiicha dursaa kan jiru gareen biyyaaleessa Itoophiyaa, ammas istaadiyeemiin dorgommicha keessummeessu dhabamuusaatiin biyyaan alatti akka taphatu CAF ibseera.

Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa ‘CAF’ dheengadda ibsa baaseen biyyoota ardichaa istaadiyeemii dorgommicha keessummeessu hinqaban jedhe keessaa morkattuun Itoophiyaa Giiniinis keessatti argamti.

Taphoonni gulaallii waancaa Afrikaa Itoophiyaan Giinii waliin taphattu lamaanuu istaadiyeemii bilisaarratti akka taphatamuu maluus ‘CAF’ beeksiseera. Konfedereeshinichi ibsa baase kanaan Itoophiyaan alatti biyyoonni Afrikaa kanneen akka Botsuwanaa, Burkinaafasoo, Burundii, Keeppi Veerdee, Afrikaa Giddugaleessaa, Dimookraatawaa

 Koongoo, Iswaatinii, Gaambiyaa, Giinii, Giinii Bisaa’oo, Keeniyaa, Lesetoofi Laayibeeriyaan istaadiyeemii ulaagaa dorgommichaa guutuu akka hinqabnees ibseera.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 27 Bara 2015

Recommended For You