Waldaa Fardeen Agawoo: Ibsituu eenyummaa saba Awwii

Saamraawiit Girmaatiin

Itoophiyaan biyya sabaafi sabalammootaan badhaate yoo taatu kunis qabeenyawwan aadaa hedduu nama hawwatan akka qabaattu taasiseera. Kanaanis aadaawwan garagaraa Galmee Dhaabbata Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (United Nations Educational, Scientific and Cultural Organization ‘UNESCO’)tti galmeeffachuu dandeesseetti; kaanis galmeesisuuf yaaliitti jirti.

Aadaa sabootaa keessumaa yeroo dhihoo as bifa miidhagaan kabajamaa dhufan keessaa Naannoo Amaaraa, Godina Awwii, Ummata Agawoo biratti Kibxata darbe kan kabajame Ayyaanni Waldaa Fardeen Agawoo isa tokko. Ayyaanichis bakka abbootiin fardaa kuma afur ta’an, keessummoonni waamichi taasifameef, anga’oonni mootummaa naannichaafi jiraattoonni argamanitti Magaalaa Injibaaraatti sirna ho’aan kabajameera.

Waldaan Fardeen Agawoo Bara 1932 kan hundaa’e yoo ta’u ammaan tana miseensoota kuma 62 ol akka qabu himama. Waldaan kunis ibsituu gootummaa, tokkummaafi wajjummaa ummata Awwii ta’uudhaan waggoottan 83n darban tajaajileera. Waldichi dargaggootaafi shamarran umuriin isaanii 18 ol ta’an miseensummaadhaan kan hirmaachisu yoo ta’u, kanaafis yoo danda’an farda cimaa bitatanii waldicha keessatti kan hirmaatan yoo ta’u, seeraafi sirna waldichaa eeganii buluufis dirqama ni qabu. Miseensi waldichaa kamuu jireenya hawaasummaa kanneen akka gaddaafi gammachuu, hojii misoomaa hojjechuuf kan dirqisiisu yoo ta’u, ji’a ji’anis buusii miseensummaa buusuun dirqama.

Ayyaanni waggaarraa gara waggaatti midhaginnisaa dabalaa dhufe kunis ji’a tokkoo dura hambaa kiliyaa biyya keessaa ta’uun galmaa’eera. kanas cimsanii hojjechuun galmee ‘UNESCO’rratti galmeessuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuudha kan ibsamu.

Alaqaa Xilaayee Ayyanoo, Durataa’aa Waldaa Fardeen Agawoo yoo ta’aan isaanis yaada EBCf kennaniin, fardi Agawoo biratti bakka olaanaa kan qabu yoo ta’u qonnaaf, guluffiif, yommuu namni dhukkubsatu mana yaalaa ittiin geessuuf, misirroota ittiin waa’eelchuuf, kan du’e ittiin awwaaluuf, keessummoota kabajaa ittiin simachuuf akka fayyadaman himu.

Waggoota 100 duras biyyattii yommuu diinni weerare gootoonni Agawoo fardaan duulanii eeboo, gaachanaafi goraadeedhaan diina injifachuu eeranii, gala kan itti fe’aniifi isaanillee gaafa dadhaban kan ittiin deemaa turan ta’uu ibsu. Oolmaa fardi jireenyasaanii keessatti qabu ilaaluun ummanni Agawoo waldaa dhaabbachuu akka qabu irratti walii galee dhuma bara 1932tti waldichi akka hundaa’e kaasu.

Abbootiin waldicha osoo hinjalqabiin waggoota 100 durallee haala garagaraan kabaja fardaaf qaban ibsachaa kan turan yoo ta’u yommuu waldicha hundeessaniis yaadannoodhumaaf malee bifa kanaan guddatee haala ammayyaawaatiin ni kabajama jedhanii yaadanii akka hintaane kan himan durataa’ichi, dhaloonni abbootiirraa imaanaa fuudhe garuu kabajni guyyichaa yaadanoorra darbee bu’aa dinagdeef ooluu akka qabu irratti mari’atamaa jiraachuu himu. Kanaanis dirreen irratti kabajamu kan mataasaa jiraatee, wantoonni ayyaanicha miidhagsan hedduun itti dabalamanii ‘UNESCO’ irratti akka galmaa’uuf hojjetamaa akka jiru dubbatu.

Akka ibsa Alaqaa Xilaayeetti guyyaan ayyaana Waldaa Fardeen Agawoo kun utuu hinga’iin dura ji’oota lama sadiif aanaalee garagaraarra deemuun ayyaanicha kabaju. Ayyaana guddicha Amajjii 23 kabajamuuf garuu guluffiifi taphawwan aadaa naannawichatti beekaman biroo taphachuun akkasumas, sirba aadaa sirbuuniifi utaalchoodhaan keessummoota nagaa gaafachuun kan kabajamu akka ta’e himu.

Waldichi kan godina ykn aanaa tokko qofa osoo hintaane qabeenya biyyaa ta’uusaatiin akkasumas ilaalcha siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta’uusaatiin lammileen biyya keessaafi ala jiran dhufanii akka daawwataniifi deeggarsa barbaachisullee taasisan waamicha dhiheessu. Akkasumas ayyaanicha ‘UNESCO’tti galmeessuuf yaalii taasifamu keessatti beekumsaafi muuxannoo qooduun waan isaan irraa eegamu akka taasisanis ni gaafatu.

Barsiisaan Seenaafi dhalataan naannawichaa Mallas Ingidaa gamasaaniin, ummanni Agawoo farda dhimmoota garagaraaf kan itti fayyadamu ta’us keessumaa bara 1888 yommuu Xaaliyaaniin biyya weerarte waamicha kallattii arfaniin taasifame fudhachuun kan duulan keessaa ummatichi tokko ta’uu kaasu. Waggaa 40 boodas yommuu Xaaliyaaniin humnashee sassaabbattee marsaa lammaffaaf Itoophiyaarratti waraana bantu ummati naannawichaa si’a lammaffaaf aarsaa kanfaluun seenaa boonsaan akka galmaa’uuf kan gumaachee fardeensaatiin duuluun ta’uu himu.

“Ummanni naannawichaa mammaaksa “fardi ni geessa malee hinwaraanu” jedhutti hinamanan. Sababnisaa fardi waraanatti geessee sochii yeroo waraanaa taasifamuun du’aafi mada’aa waan tureef. Kanarraa ka’uun oolmaa gootoota Itoophiyaa akkasumas fardeen Agawoo yaadachuuf jecha waggoo 83 har’aa miseensoota 30 ta’aanii waldaa hundeessan. Ummanni naannawichaas kabaja olaanaadhaan guyyicha kabaju” jedhu.

Akka hayyuun kun jedhanitti, sirna kabaja ayyaanichaaf Amajjii 21fi 22 irraa kaasee keessummoonni gara magaalaa Injibaaraa kan seenan yoo ta’u, dorgommiiwwan fiigichaafi miidhaginaa akkasumas, agarsiisni fardeen Agawoos adeemsifamaniiru. Dorgommiin farda gulufsiisuu, miila tokkoon dhaabsiisuufi kkf taasifamuunis namni injifate badhaasa jajjabeessaa ni argata. Kanas kan ilaalanii qabxii kennan abbootii muuxannoo ga’aa qabaniidha.

Walumaagalatti ayyaanichi bakka Pirezidaantiin naannichaa Doktar Yiliqaal Kaffaalaafi keessummoonni biroo argamanitti kabajameera. Dorgommii miidhaginaa Amajjii 22 taasifameenis Dubree Zaman injifachuun waggaa tokkoof ambaasaddara aadaa naannawichaa akka taatuuf gonfoo fudhatteetti.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 27 Bara 2015

Recommended For You