“Paarkii Agroo indastirii Bulbulatti invastimantii qarshii biliyoona 1.5 eegalleerra” -Haaji Tofiiq Kadiir

Bayyanaa Ibraahimiin

Nama ijoollummaadhaan mul’ata nama guddaa horate, kan kudhan kufee, kudhan ka’ee gufuu jireenyaa hunda obsaafi murannoodhaan injifate, nama beekaa, waadaa eegaa!. Nama bakka rakkoon jirtuu hundatti argamu, faayidaa biyyaa kan dhuunfaasaa dursu, ofiif jiraachuu caalaa namaaf jiraachuun isa gammachiisu nama arjaa, fagoo ilaalaa.

Mana barumsaatti kubbaa huccuu irraa suphee barattootatti saantima 50 gurgururraa har’a warshaa qarshii biiliyonotaan lakka’aamu dhaabuutti ga’e, dhaabbata abbaansaa umuriisaa guutuu waardiyyaa itti ta’e har’a bitachuu danda’e, nama mul’ataa, darbees jiraataa kan ta’e Haaj Tofiiq Kadiir Keessummaa Bariisaa torbee kanaati. Turtiin isaan waliin taasifne immoo akka armaan gadiitti dhihaateera.

Bariisaa: Mee dursaatii dubbistoota keenyaan wal baraa.

Haaji Tofiiq: Tole, ani maqaan haatiifi abbaan koo naaf baasan Tofiiq Kadiir yemmuu ta’u, namootni hedduun garuu maqaa koo isa sirrii warri koo naaf baasan kana caalaa maqaa ‘Haaji’ jedhuun na beeku. Keessattuu iddoo hojiitti maqaa gabaabsuufis jecha maqaa ‘Haaji’ jedhu kana fayyadamu.

Bariisaa: Eessatti dhalattanii guddattan, haalli guddina keessanii immoo maal fakkaata ture?

Haaji Tofiiq: Ani kan dhaladhee guddadhe Qellem Wallagaa Muggiitti. Haalli guddina koos akkuma ijoollee baadiyyaa kamittuu maatii gargaaruufi barnoota hordofuun ture. Garuu maatiin koo harka qalleeyyii waan turaniif barnoota sirnaan hordofuus ta’ee hedduu imaluu hindandeenye.

Maatiin koo akka ani ijoollee nama kamittuu akkan baradhee biyyaafi isaanis gargaaruuf hanga danda’an natti himaa turanis, haalli jiruu maatiikoofi hiyyummaansaanii garaakoo waan na hammeesseef baruumsa giddutti addaan kutee hojii barbaachaaf gara Naannoo Gaambeellattis imalee achitti hojii kophee qulqulleessuu eegaleen ture.

Bariisaa: Barnoota addaan kuttanii hojii biraatiif gara naannoo hinbeekneetti imaluun isinitti hin ulfaannee umuriin keessa turtan ijoollummaadhaan waan tureef?

Haaji Tofiiq: Maal sitti fakkaate, abbaan koo dhaabbata misoomaa mootummaa tokko keessatti hojii waardiyyaatiin nu horachaa ture. Mindaan inni ji’a guutuu roobaafi aduu keessatti waadamee argatu qarshii 60 ture. Kanaaf qarshii 60 ji’atti argatu kanaan maatii horachaa ijoollee barsiisuun hangam akka ulfaatu namuufuu ifaadha.

Sababa kanaaf jecha barnoota adda kutee maatii koo gargaaruu akkan qabu murteeffadheeni kan hojii barbaachaaf gara Gaambeellaatti imale. Osoo barnoota hindhiisiin duras hanga kutaa shanaffaatti yemmuun baradhu mana barnootaatti kubbaa huccuurraa hojjachuun barattootaaf saantima 50tti gurguree haadha koof kennaa ture.

Boodarratti garuu kunis hangas mara maatii deggaruu waan hindandeenyeef barnoota addaan kutuudhaan gara Naannoo Gaambeellaatti badee, achitti hojii kophee qulqulleessuu eegale. Osuma hojii kophee qulqulleessuu kana ho’ifadhee hojjechaa jiruu guyyaa tokko namni ani hineegne tokko achitti na argee natti iyyee na qabsiisuudhaan gara Muggiitti deebisee maatiitti na kenne.

Namni sun nama Gaambeellaatti hojii barsiisummaa irratti bobba’eefi nama dhihoo abbaakoo kan tureedha. Osoo fuula isaa hinilaaliin kopheesaa qulqulleessee erga xumureen booda yemmuu qarshii irraa fudhachuuf ol jedhee ilaalu obboleessa abbaakoo ta’uusaa baree qarshichas dhiisee ka’e jalaa fiige. Innis “hattuu hattuu qabaa” jechaa na duukaa fiigee naqabsiisee akka ani gara maatiitti deebi’u nataasise jechuudha.

Bariisaa: Sana booda gara barnootaatti deebitan moo akkam taatan?

Haaji Tofiiq: Erga wasiilli koo biyyatti na galcheen boodattis ani garaan koo hojiidhaaf kutatee waan ka’eef ammas qe’ee taa’uunis ta’ee baruumsa itti fufuun natti ulfaannaan ammas ka’een gara biyya biraatti bade. Yeroo kana amma wasillikoo dura Gaambeellaadhaa qabee na fide haadhaafi abbaakootiifis xalayaa barreessee “mucichi gaafa dura Gaambeellaatti bades hojii irra ture malee hannarratti hinargine waan ta’eef, homaa hinshakkinaa inni hojiif ka’eeraatii obsaa” jedheeni.

Yeroo lammataaf yemmuun badetti garuu gara magaalaa Gaambeellaa osoo hintaane magaalaa xiqqoo Itaangi jedhamtutti ture. Magaalaattiin qarqara biyya Sudaaniitti kan argamtu waan taateef daldala ho’aatu keessatti gaggeeffamaa ture. Kanaaf anis achitti meeshaaleefi omishoota nyaataa achumaa bitaa achitti gurguran ilaalee daldala zayitii keessa gale. Osuma baay’ee hinturiin haalli gabaas gaarii waan ta’eef ofirra darbee haadha tiyyaafis zayitiifi midhaan nyaataa bitaa erguu jalqabe.

Hamma tokko erga hojjadheen booda hojichaan baay’ee deemuu dadhabus yaada hojii guddaa tokko qabadhee gara biyyaatti deebi’e. Innis maaliidha yoo jette, buna baay’inaan dhaabuudhaan hojii omisha bunaa keessa yoo seename bu’aan gaarii ta’e argamuu akka danda’u amanee Itaangi irraa ammas gara Muggiitti deebi’e.

Haala kanaan qe’etti galee maatii waliin buna baay’inaan dhaabne. Yaada buna biyyatti dhaabuu qofa osoo hintaane, wanti akka biyyatti deebi’u na taasise keessaa inni guddaan haala magaalaa Itaangi ture. Magaalattiin daldalaaf mijooftuu taatus, haalli namootni achi jiran keessa jiraatan waca, iyya machaa’uufi haalota yaraa heddu waan qabduufi.

Sababa kanaaf anis humnaan osoo hintaane fedhiifi murtii kootiin qe’etti deebi’ee buna dhaabuudhaan jiruu maatii kootii jijjiirutti ka’e. Abbaan koos yeroo boqonnaa isaa ana gargaaree buna kanneen kunuunsa. Boodarra bunni gurguramuu eegallaan mana citaa irraa gara mana qorqoorroo baallee 20 ijaarrachuutti ceene. Qarshiin dur dhabamte dhuftee anis buna omishurraa gara daldala bunaatti seenee maallaqa qabachuu eegale. Haala kanaan yeroo ani daldala bunaa sirritti ho’ifadhee hojjechaa jiruu ammas bara 1983tti wanti abdii nama kutachiisu tokko na qunname.

Innis, osoo buna baay’inaan bitee iddoo biraatti gurguruuf socho’aa jiruu bunni na harkaa saamamee harka duwwaatti hafe. Anis abdii kutachuudhaan hojii daldalaa keessaa ba’ee aariidhaan gara raayyaa ittisa biyyaatti makame.

Bariisaa: Bunichi maaliif isin harkaa fudhatame? Eenyutu fudhate?

Haaji Tofiiq: Maal sitti fakkaate, eeyyamni daldalaa hinjiru waan ta’eef mootumaatu kontirobaandiidha jedhee narraa fudhate. Anis sana booda gara manaatti deebi’uu waan hinbarbaanneef achumaan raayyaa waraanaatti makame jechuudha.

Raayyaan ittisaas ani yeroo sanatti afaanota garagaraa afur waanan danda’uuf akkuma leenjii xumureen naannawuma Ayira Gullisootii hanga Dambi Doollootti akka tajaajiluuf ramadamee tajaajila kennaa tureera. Yeroo sanatti finciltootni Sudaan kibbaa gareen Riikmaachaariin durfamu naannawa sanatti socho’aa ture. Anis afaansaanii waan danda’uuf hojiidhaan waldeggaraa turre.

Osoo raayyaa ittisaa keessatti guddinas agarsiisaa biyyas tajaajilaa jiruu guyyaa tokko abbaan koo na bira dhufanii na waliin oolanii bulanii na gorsan; “ilaali ilma koo, ani umurii koo guutuu hojii mootummaa qacaramee hanga har’aatti jiruu gaarii hinjiraanne, biyya immoo kan gargaaran loltuu ta’uu qofaadhaan osoo hintaane, daldalaa cimaa ta’uudhaan, qonnaan bulaa cimaa ta’uudhaanis gargaaruu ni danda’ama. Kanaaf hojii kana keessaa ba’ii daldalatti deebi’i” jechuun na gorse.

Anis yeroo sanatti loltoota achi keessa jiran waliin hedduu waan wal jaalannuuf isaan dhiisee deemuun hedduu natti ulfaatee keessa kootti yeroo dheeraadhaaf yaadaa ture. Yeroo sanatti immoo mindaan koo qarshii 130 irraa 150tti guddatee waan tureef anis kanatti gammachuu qaban ture. Suuta suutaan immoo gara sadarkaa guddaa ta’eetti akka guddadhus wantootni agarsiisan turaniiru.

Mallaqa ji’aan argadhu sana immoo walakkaasaa adda hiree poostaa keessa ka’uudhaan gara biyyaatti erga malee akka warra kaanii itti dhugee ittiin hin sirbine. Osuma akkasiin jirruu erga abbaankoo na gorse deeme booda yaanni natti baay’achaa hirribni na didaa dhufe. Guyyoota lamaa walitti aansee tasumaa rafuun dadhabe sababa yaadaatiin. Kanarraa kan ka’e eeyyama gaafadhee boqonnaaf yemmuun gara biyyaatti deebi’u biyyi jijjiirama guddaa keessa jirti. Bunni ani dur dhaabee biraa deeme sunis ga’ee akka gaaritti gurguramuurratti argama.

Kanaaf anis yaadakoo jijjiiree loltummaa keessaa bahee gara hojii dhuunfaa kootti deebi’uudhaaf murteeffadhee gaaffii na gadhiisaa galfadhee gara manaatti bahe jechuudha.

Yeroo loltummaa keessa turetti godina Wallagga Lixaa keessatti ummanni alaabaa Oromiyaa akka baruufi fudhatu taasisuu keessatti namni shoora guddaa taphates ana. DHDUOn gaafa duraa alaabaa paartii tokkicha malee kan naannoo hinqabu ture. Boodarratti alaabaan naannoo Oromiyaa kan haalluu Abbaa Gadaa sun uumamtee gara ummataatti yemmuu baatu, naannawa godina Wallagga Lixaa keessatti ummanni alaabichi kan Abbaa Gadaa ta’uusaa baree akka fudhatuuf hojii guddaa hojjachaa turre. Kanaaf Ayiraa Gullisoo hamma Dambi Doollootti baadiyyaa keessa imallee alaabaa kana ummata barsiisaafi fudhachiisaan ture.

Alaabaan ani gaafas ummanni Oromoo akka fudhatuuf hojii ummata barsiisuu irratti hojjachaa ture sun har’a balbala Paarkii Indaastirii Bulbulaatti yemmuu balaliitu arguun koo keessa kootti gammachuu addaa uumti.

Bariisaa: Bu’aa ba’ii hedduu keessa dabartanii yeroo ammaa paarkii Agroo Indaastirii Bulbulaatti invastaroota dursee gale keessaa isin nama tokko waan ta’eef mee achitti maal hojjachaa jirtu?

Haaji Tofiiq: Waan si dhibu indaastirii kana keessa galuun waan salphaa hinturre. Hiriyyootni kiyyaafi gorsitootni hedduu osoo lakkii hingaliin naan jedhaniiti kan kutadhee murtee dhuunfaa kootiin achitti gale. Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa yeroo hedduu gara indaastiriitti galuu kana baay’ee sodaatu waan ta’eef anaanis akka hingalleef kan na sodaachisaa ture hedduudha.

Boodarratti gorsitoota invastimantii kiyya walitti qabee isaan waliin mari’achuu yemmuu eegalu, jarris akka ani gara indaastirii kanaatti galee biyyaaf ashaaraa koo kaa’u na jajjabeessinaan asitti gale. “Bu’aa guddaa achirraa argachuu yoo baatte maqaa keefi kutannoo ati biyyakee guddisuuf qabdu waan agarsiisuuf gali” naan jennaan anis maallaqa guddaa baasee achitti lafa fudhadhee gara warshaa ijaaruutti gallee jirra amma. Achitti hojii eegaluun koo immoo invastarootni biraa ana ilaalanii akka dhufaniifis carraa kan saaqu waan ta’eef hojii fakkeenyummaa qabu kana kutannoo guutuun eegalle.

Bariisaa: Warshichi achitti ijaartan kun maal omisha? Kaappitaala hangamiin?

Haaji Tofiiq: Warshaan achitti ijaaraa jirru kun kan Zayita omishu akkasumas, saliixa, abasuuda, atarafi kkf daakuun sonni itti dabalamee gabaa biyya keessaafi irra caalaatti immoo gabaa alaatiif erguudha. Hojiin kun immoo guddaafi qaama tokko qofaadhaan kan hindanda’amne waan ta’eef dhaabbilee biyyoota garaa garaa shan hirmaachisuun yeroo ammaa gara hojiitti gallee ijaarsa warshichaa raawwachiisaa jirra.

Hojii kanaaf immoo qarshii biliyoona 1.5 ta’u invasti ta’eera. Kanaaf yeroo ammaa kana al tokkotti hojii hedduu keessa gallee jirra jechuun ni danda’ama. Gama tokkoon lafa qopheessaa, gama kaaniin lafa argamerratti dhaabbanni Dubaayi hojii ijaarsaa akka raawwatu, karaa biraan immoo dhaabbanni biyya Hindii tokko maashinoota omishaaleen armaan olitti ibsaman sunniin ittiin daakaman akka qopheessu ajajneerra. Kanaaf yeroo gabaabaa keessatti omisha akka eegallus abdii guddaa qabna.

Bariisaa: Yoom guutuutti hojii eegaltu? Biyyaaf hoo faayidaa akkamii qabaata?

Haaji Tofiiq: Jalqabumarraa kaasee wanti yeroo tokkotti hojii sadii afur hojjechaa jirruufuu ijaarsi warshichaa ariitiin xumuramee gara hojii omishaatti akka galamuufi. Kana waan ta’eef, sagantaa “Itoophiyaan Haa omishtu” jedhu keessaa nama tokko ta’uu waan barbaaduuf ji’oottan jaha keessatti guutuutti xumuramee akka hojiin ala ergii eegaluuf karoorfannee hojjachaa jirra.

Hojiin kun akka ariifatuufi sababa hanqina dolaaraatiin hingufanneef jecha baankota torbaaf xalayaa barreessinee doolaara akka nuuf kennan gaafannee turre. Yeroo ammaatti maallaqa nuti gaafanne doolaara miiliyona jaha keessaa miiliyoona lama argannee hojii keenya sirnaan adeemsisaa jirra.

Waan sidhibu keessaa isa baankiin biyyaaleessaa nuuf kenne duwwaa osoo hintaane, Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bifa baratamaa hintaaneen hojiin nuti hojjachaa jirru kun hunda caalaa qonnaan bulaa nuti saliixaa, ataraafi saanyiiwwan warshichaaf barbaachisan irraa binnuuf carraa guddaa akka ta’e hubatanii doolaara kuma 285 ta’u nuuf kennanii jiru.

Kana waan ta’eefis hojii keenya haala gaarii ta’eefi bifuma yaadameen deemaa jira jechuun ni danda’ama. Yeroo baankotaaf xalayaa barreessu sana akkuma waadaa galetti doolaarri ani amma hojiidhaaf fudhadhe kun gaafa warshichi aleergii jalqabetti kan mootummaan ittiin naafxaafi boba’aa adda addaa biyyaaf bitu, kan dawaa ykn qorsaafi wantoota biyyattiin barbaadduuf ooluudha malee kan ani ittiin daldaluu miti.

Bariisaa: Gama hojii tola ooltummaatiinis maqaan keessan ni ka’a waan ta’eef mee isaan gurguddoo ta’an nuuf kaasaa

Haaj Tofiiq: “Rasuulli (SAW) ykn ergamaa Rabbi akki jedhanitti, “Nama jechuun kan ofiisaatiif jiraate osoo hintaane, kan namoota biroo jiraachiseedha” kun immoo nama amantii kamiyyuu hordofuuf kan hojjetuudha. Namni tokko hanga lafarra jirutti ofiisaa qofaaf jiraatee darbuun bu’aa hinqabu waan ta’eef, isa wal dhabu araarsaa, isa rakkate gargaaruu keessattis yeroo hedduuf hirmaachaa tureera.

Hojii akkasii keessaa inni muraasni, yeroo ADWUI gaaffiin mormiin ummataa itti baay’ataa dhufetti hoggantoota yeroo sanaa ministira muummichaa dabalatee qaamaan quunnamuun akka jijjiirama fidan, biyya tasgabbeessaniifi gaaffii ummataatiif deebii quufsaa kennan warra kadhachaa ture keessaa tokko ana. Sochii sanaanis boodarratti paartichi gadi ba’ee “shamneerra, tortorreerra” jechuudhaan akka of haaroomsuuf dirqamsiiseera.

Yeroo walitti bu’iinsa naannoolee Oromiyaafi Somaalee giddutti uumame sanas deggarsa walitti qabaa buqqaatota biraan gahuu keessatti, waraana gara kaaba biyyattii uumamee tureen namoota naannoo Amaaraafi Affaar keessatti buqqa’aniifi rakkinaaf saaxilamaniif walduraa duubaan maallaqa miiliyoona 10fi sahn (wal duraa duubaan) ummattoota sanaaf gumaacheera. Magaalaa Bishooftuutti immoo ijoollee sababa waraanaatiin abbaan irraa du’e walitti qabee barsiisaan jira.

Bariisaa: Dhaabbata dur abbaan keessan hojii eegdummaatiin keessa tajaajilaa turan har’a boodarratti akka isin bittantu himama waan ta’eef mee waan sanarraa nuuf ibsaa?

Haaji Tofiiq: Seenaa baay’ee garaa nama nyaatu. Yeroo hunda abbaakoo na yaadachiisuudha seenaan sun. Dhaabbanni abbaan koo eegaa ture sun Dhaabbata Gabaa Bunaa Itoophiyaa jedhama. Gaafa warshaan sun gurguramuuf jedhu abbaan koo dhibamaa waan tureef akka warshaa sana keessaa meeshaa ta’e hatee gurguratee ittiin yaalamuuf namootni hedduu gorsaa turanis abbaan koo didee yaala dhabuudhaan dhibee sanaan du’e.

Warshaan abbaan koo waggoota hedduuf eegaa tureefi osoo isa eegu wareegame sun, kan gaafa inni dhibame “meeshaa ta’e keessaa hatii gurguradhuu yaalami” jennaanis didee qulqullummaasaatiin gara aakeraatti biraa imale sun, har’a gargaarsa Rabbiitiin harka koo harka ilmasaatti deebi’ee jira.

Dhaabbanni sun lafa hektaara 30 bal’atuufi bunni irratti omishamu yemmuu ta’u, dhaabbaticha gaafa mootummaan dhaabbilee misoomaa gurguruuf caalbaasii itti baasu dorgomee bitadhe. Akkasitti seenaan irra deebiidhaan dalagame jechuudha.

Bariisaa: Invastaroonni baay’inaan gara paarkichaatti akka galaniifi bifa walii galaatiin dinagdee biyyaa akka utubaniif dhaamsi keessan maali?

Haaji Tofiiq: Yoo dhugaa dubbanne Paarkiin Agroo Indaastrii Bulbulaa iddoo mijataafi lafa diriiraa, akkasumas magaalaa guddittii biyyaa irraa fageenya dhihootti argamuufi daandii ariitii Finfinnee Hawaasaa qaxxaamuree kan darbu waan ta’eef iddoo filatamaadha.

Kanaan dura wanti akka rakkootti ka’aa ture immoo hanqina bishaan qulqulluu warshaaleen nyaataa barbadan dhabuu yemmuu ta’u, rakkoon kunis yeroo ammaa furamee waan jiruuf abbootiin qabeenyaa qalbii guutuun asitti dhufanii hojjachuun ofiifi biyyasaaniis gargaaruu qabun jedha.

Hunda caalaa immoo biyya keenya nutu guddisa malee Ameerikaa ykn Chaayinaan dhufanii akka nuuf guddisan eeguu hinqabnu. Kana waan ta’eefis hunduu damee irratti bobba’erratti kutatee hojjachuudhaan biyya misoomteefi lammii qanani’ee jiraatu haa horannuun dhaamsa kiyya.

Bariisaa: Yeroo nuuf kennitaniif guddaa galatoomaa!

Haaji Tofiiq: Isinis ulfaadhaa.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 27 Bara 2015

Recommended For You