Daldala Seeraan Alaa Ittisuun Dirqama Lammii Hundaati

Waltajjiin marii “Gumii Balal” marsaa 28ffaan ‘Daldala Seeran Alaafi kontiroobaandii ittisuun dirqama lammummaati’ jedhuun geggeeffamaa jira.

Mariin Gumii Balala dhimma waloo irratti hayyootaafi dhimmamtoota mariisisuun kan beekkamu guyyaa har’aas dhimma daldala seeran alaafi miidhaa kontorbaandiin guddina biyyaaf diinagdee irratti qabu xiyyeeffannoo keessa galchuun qaama dhimmi illaalu waliin mari’atamaa jira.

Marii kanarratti daldalli seeraan alaa babal’achuun diinagdee biyyaa kan quucarsu, sochii hawaasummaa kan daangessuufi siyaasarratti dhiibbaa kan geessisu ta’uun sadarkaa hundatti hubatamuu akka qabuufi uummanni kana hubachuun dirqama ofii akka qabu marii kana irratti ka’ee jira.

Marii kanaan akka Naannoo Oromiyaatti daldala seeraan alaa hambisuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa turuun ibsamuun, baatii tokko keessatti namoonni daldalaa seeraan alaarraatti bobba’an 120 kan to’ataman yoo ta’u konkolattonni meeshaalee kontiroobaandii fe’anii socho’an 98 to’annoo jala ooluun ibsameera. Kana malee mankuusaawwan 869 samsamuufi kanneen biroorraattis tarkaanfiileen fudhataamaa jiraachuun ibsame.

Daldalli Seeran alaafi kontorbaandiin galii mootummaa daran kan miidhuu, daldaltoota seera qabeesaa ta’an bu’aa akka hin arganne kan taasisuufi gatii gabaa kan qaalessu ta’uu bira darbee meeshaaleen gara biyyatti seeran alaan galan ulaagaa kan hin guunne ta’uu akka danda’u hubatamuu akka qabu marii kanaan ibsameera.

Daldalli seeran alaa gufuu waan hundaa ta’ee kallattiidhan uummatan kan miidhuu waan ta’eef hawaasni daldala seeran alaa ittisuu irratti gahee abbummaa bahachuu akka qabu ibsameera. Marii kana irratti koomiishinara Koomiishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa dabalatee hoggaantoonni Biiroolee Oromiyaafi hayyoonni diinagdee argamaniiru jechuun Tajaajilli Kominikeeshinii Oromiyaa gabaase.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 27 Bara 2015

Recommended For You