Finfinnee: Biyya tokko keessatti mootummaa jabaafi sirna cimaa ijaaruuf ogeessa kominikeeshinii imaammataafi tarsiimoo mootummaa hubatee hojjetu, mootummaafi ummata gidduutti walhubannaa uumuu danda’u horachuun murteessaa ta’uun ibsame.
Kunis odeeffannoo qulqulluu, si’ataafi wayitawaa ta’e hawaasa biraan ga’uun akkasumas mootummaafi ummanni akka walhubatu taasisuun mootummaafi sirna cimaa ijaaruuf barbaachisaa ta’uun himame.
Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaas ogeessota Kominikeeshiniif sadarkaa naannoodhaa hanga aanaatti jiraniif leenjii dandeettii hubannoo cimsuu kaleessa eegalee Adaamaatti kennaa jira.
Leenjichis hojii kominikeeshinii irratti ogeessotaaf hubannoo uumuun imaammataafi tarsiimoo mootummaa hubatanii akka hojjetan akkasumas ummata burjaajii keessaa baasuun olaantummaa yaadaafi odeeffannoo mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uu Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa jalqabbii leenjichaarratti ibsaniiru.
“Seenessa dogoggora karaa dogoggora ta’een seeneeffamuun biyya keenya keessatti rakkoo ta’aa jiran bifa haaraafi karaa sirrii ta’een seenessuun ijaarsa biyyaafi obbolummaa sabootaa karaa cimsuu danda’uun ummata bira qaqqabsiisuuf raayyaa kominikeeshinii cimaa ijaaruu gaafata. Leenjichis dandeettii raawwachiisummaa ogeessotaa cimsuuf kan qophaa’edha” jedhu.
Duula maqaa balleessii ummata irratti banamaa jiru hambisuun ummanni odeeffannoo sirriifi wayitaawaa akka argatu taasisuuf caasaan kominikeeshinii sadarkaan jiru gahee olaanaa kan qabu ta’uus dubbataniiru.
Ajandaawwan ummata burjaajessuuf dursanii bocaman fashaleessuun ummanni odeeffannoo sirrii akka argatu gochuuf dandeettii hojii kominikeeshinii yeroon gaafatu hidhachuun barbaachisaa ta’uu eeranii, hirmaattonni leenjichaas leenjii kennamu naamusa cimaadhaan hordofanii galtee godhachuun ummanni isaan tajaajilan odeeffannoo sirrii akka argatu taasisuuf gahee isaan irraa eegamu bahuu akka qabanis hubachiisuusaanii Biiroo Komikeeshinii Oromiyaarraa odeeffanne.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 27 Bara 2015