Obbo Qajeelaan ambaasaaddara Morokoo wajjin mari’atan

Riippoortara gaazexichaatiin

Finfinnee: Ministirri Aadaafi Ispoortii Kabajamoo Obbo Qajeelaa Mardaasaa ambaasaaddara biyya dorgommii waancaa addunyaa baranaa sadarkaa afraffaa ta’uun xumurte, Morokoo wajjin mari’atan.

Biyyi ardii Afrikaa, Morokoon karaa ambaasaaddarashii hawwii gaarii Itooophiyaan dorgommicha dura ibsiteefiif akkasumas deeggarsa Itoophiyaanonni yeroo dorgommii taasisaniif galata dhiyeessaniiru.

Obbo Qajeelaanis Itoophiyaan garee kubbaa miilaa biyyaalessaa cimsuuf karaa Morokootti wiirtuu leenjisa taphattoota kubbaa miilaa Afrikaatiin deeggarsa gochuu danda’amurrattiifi Itoophiyaanis atileetiksiidhaan keessumaa karaa dubartootaa muuxannoo waljijjiiruun danda’amurratti bal’inaan mari’ataniiru.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015

Recommended For You