Natsaannat Taaddasaatiin
Sagantaan sosochii invastimantiifi industirii “Itoophiyaan haa omishtu, Oromiyaan haa omishtu” jedhu qindoomina Biiroo Invastimantiifi Industirii Oromiyaafi Ministeera Industiriin qophaa’e dheengadda Magaalaa Bishooftuutti adeemsifameera. Saganticharratti omishaaleen industiriiwwan gara garaa agarsiisaaf dhiyaataniiru.
Hoggantoonni seektara invastmantiifi industirii naannoo Oromiyaafi federaalaa, invastaroonni, hoggantoonni baankotaa, omishtoonni industirii, waldaaleen IMX gara invastimantiitti ce’an saganticharratti argamuun gabaasa sochii invastimantiifi industirii magaalota Bishooftuufi Duukam akkasumas kan Biiroo Invastimantiifi Industirii Oromiyaa dhiyaaterratti marii bal’aa taasisaniiru. Saganticharratti invastaroota raawwii hojiisaaniitiin fakkeenya ta’aniif beekamtiin kan kenname yoo ta’u, omishaaleen industiriiwwan gara garaas agarsiisaaf dhiyaataniiru.
Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa haasaa baniinsa sagantichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, sagantaan sosochii “Itoophiyaan haa omishtu, Oromiyaan haa Omishtu” jedhu kun omishaafi omishtummaa guddisuu, guddina dinagdee biyyaa si’eessuu, galii sharafa alaa argamsiisuufi carraa hojii bal’aa uumuu keessatti gahee guddaa qaba. Sagantichi mootummaafi abbootiin qabeenyaa harka walqabatanii omishaafi omishtummaa industirii guddisuufi rakkoolee sektaricha mudatan furuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Industiriiwwan biyyattiin qabdu guguddoon Oromiyaatti argamu kan jedhan Obbo Alamaayyoon, kanneen keessaa ammoo magaalonni Shaggar, Duukam, Bishooftuufi Adaamaa adda durummaan eeramu.
Oromiyaan giddugala invastimantiifi industirii waan taateef guddina industirii biyyattii milkeessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jirti. Omishaalee industirii waliin yoo guddifne malee hiyyummaa injifachuufi ce’uu hindandeenyu. Dhaadannoo, “Itoophiyaan haa omishtu, Oromiyaan haa Omishtu” jedhu qofaan omishaafi omishtummaa industirii guddisuun waan hindanda’amneef rakkoolee sektaricha mudatan furuuratti xiyyeeffannee waliin hojjechuu qabna jedhu.
Magaalaa Bishooftuu keessa pirojektonni invastimantii 636 kaappitaala biiliyoona 16.4 sochoosuun hojiilee invastimantii adda addaarratti bobba’uun namoota kuma 35 oliif carraa hojii uumanii jiraachuu himanii, Magaalaa Duukam keessa ammoo pirojektonni invatimantii 700 omisharra jiru.
Magaalota lamaan keessa invastimantoota kuma tokkoofi 300 ta’an kan jiran yoo ta’u, baay’ina invastimantootaa, omishaafi omishtummaafi kaappitaalasaanii dachaan yoo daballe malee Oromiyaan omishaa jirti jechuu hindandeenyu.
Invastaroota rakkoolee isaan mudatan dandammatanii hojjechaa jiran galateeffataniiru. Invastimantoonni lafa invastimantiif fudhatan waggoota 14 oliif utuu hinmisoomsin turan kan akka invastimantii ‘Getshet”fi Warshaa Sibiilaa Sheebaa waggoota 16 oliif hojiimalee taa’aa jiruufi kanneen biroonis magaalattiitti kan argaman ta’uu himaniiru.
Bulchiinsi magaalattii rakkoolee industiriiwwan mudatan furuun omishaafi omishtummaasaanii dachaan dabaluuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu himanii, invastaroonni damee hojii industirii gara garaarratti bobba’anis akkaataa waliigaltee, seeraafi qajeelfama invastimantii eeganii akka hojjetaniif dhaamsa dabarsaniiru. Baankonnis lafee dugdaa invastarootaa waan ta’aniif rakkoo gama qarshii liqiin walqabatee mul’atu furuurratti xiyyeeffatanii akka hojjetaniif yaadachiisaniiru.
Hogganaan Biiroo Invastimantiifi Industirii Oromiyaa Obbo Ahmad Idris akka jedhanitti, Itoophiyaan waggoota dhiyoo as imaammata dinagdee mijataa baasuudhaan invastaroota biyya keessaafi alaa damee hojii invastimantii manifaakchariingiirratti bal’inaan akka hirmaatan taasisaa jirti.
Riifoormii dinagdee keessumaa waggoota afurii biyyattiitti taasifameen bu’aalee jajjabeessoon galmaa’aa jiru. Haata’u malee bu’aan barbaadamu damee industiriifi manifaakcheriingiirraa bu’aan barbaachisu argamaa hinjiru. Ministirri Industiriifi Biiroon Invastimantiifi Industirii Oromiyaa damee industiriifi manifaakcheriingiirraa bu’aan barbaadamu akka argamuuf sagantaan sosochii invastimantiifi industirii “Itoophiyaan haa omishtu, Oromiyaan haa omishtu” jedhu kutaalee biyyattii gara garaatti adeemsisaa jiraachuu dubbatu.
Oromiyaa keessa pirojektonni invastimantii manifaakchariingii kuma torbaafi 343 lafaafi eyyama invastimatii kan fudhatan jiraachuu himanii, isaan keessaa %40.3 kan ta’an kaappitaala qarshii biiliyoona 83.2 galmeessisuun qabatamaan hojiitti seenuun namoota kuma 135fi 221f carraa hojii dhaabbii, namoota kuma 52fi 996f carraa hojii yeroo uumaniiru. Pirojektoonni manifaakcheriingii naannichaa harki caalu sababoota adda addaatiin humna guutuun omishaa hinjiran. Pirojektonni manifaakchariingii hojiirra jiraniyyuu %20 hanga %40tti omishaa jiru.
Biiroon Invastimantiifi Industirii Oromiyaa humna omishuu pirojektota manifaakcheriingii guddisuun humna guutuun akka omishan taasisuuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Invastaroonnis muuxannoo gaarii walii qooduudhaan bu’a qabeessummaa damichaa mirkaneessuun imala badhaadhinaa biyyattiin jalqabde milkeessuu keessatti gumaacha irraa eegamu akka bahataniif gaafataniiru.
Xiyyeeffannaa mootummaan federaalaafi naannichaa damee invastimantiifi industirii guddisuuf taasisee hojjechaa jiruun bu’aalee jajjabeessoon galmaa’aa jiraachuu kan himan Obbo Ahmad, bu’aalee damicharra argaman caalaatti guddisuuf sagantaan sosochii invastimantiifi industirii “Itoophiyaan haa omishtu, Oromiyaan haa omishtu” jedhu kun magaalota Oromiyaa adda addaa keessattis kan ittifufu ta’uu dubbataniiru.
Ministir De’etaan Industirii Obbo Taareqany Bulultaa akka jedhanitti, sagantaan sosochii “Itoophiyaan haa omishtu” jedhu bara 2014 Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin kan jalqabame yoo ta’u, guddina damee industiriitii mirkaneessuufi rakkoolee damichaa furuuratti xiyyeeffata. Ministirri Industiriis rakkoolee damee industirii mudatan furuuf sektaroota gara garaa waliin hojjetaa jiraachuus eeraniiru.
Damee industirii babal’isuufi omishaafi omishtummaasaa guddisuun dinagdee biyyattii si’eessuufi utubuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu himanii, mootummaan guddina damichaatiif xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechaa jira. Rakkoolee omishtoota industirii furuufis sektaroota mootummaa federaalaafi naannolee waliin hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Utuu sagantaan sosochii “Itoophiyaan haa omishtu” jedhamu hinjalqabamin dura industiriiwwan biyyattii 479 cufamanii turuu himanii, erga sagantaan sosochichaa jalqabee industiriiwwan cufamanii turan keessaa 200 omishuu jalqabaniiru. Kanaafuu sagantaan sosochii kun guutummaa biyyattiitti cimee kan ittifufu ta’uu eeru.
Oromiyaan damee hojii invastimantiifi industiriif mijattuufi filatamtuu taatus damee kanarraa bu’aan barbaachisu argamaa kan hinturre ta’uu himanii, carraawwan invastimantiifi industirii naannichis ta’e biyyattiin qabdu hundumaatti fayyadamuuf mootummaan federaalaafi naannichaa waliin hojjechaa jiru. Biyyoota addunyaa waliin dorgomuuf damee industirii guddisuun dhimma murteessaa waan ta’eef xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjetamaa jira. Industirii biyyattii guddisuuf rakkooleen damicha mudatan furuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Guddina dinagdee biyyattii si’eessuuf omishaafi omishtummaa industiriifi qonnaa dachaan dabaluu, omishaalee qonnaatti sona dabaluun gabaa addunyaaf dhiyeessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu himanii, dameen industirii bara 2015 kun namoota 111f carraa hojii uumeera: galii sharafa alaa doolaara miliyoona 194 biyyattiif argamsiiseera. Damee industirii guddisuufi babal’isuun carraa hojii bal’aa uumuu keessattis gahee guddaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Sagantaan sosochii “Itoophiyaan haa omishtuu” omishaalee biyya alaatii galaa turan kan biyya keessaatiin bakka buusuun bu’aa olaanaa argamsiisaa jiraachuu himanii, yunifoormiin loltuu biyyattiis biyyuma keessatti omishuun baasii qarshii biiliyoona 2.3 baraaruun danda’ameera. Omishaaleen industirii biyyattii adeemsa keessa omishaalee biyya alaatii galan akka bakka bu’an taasisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuus dubbataniiru.
Omishaalee biyya alaatii galan hiri’isuufi omishtoota industirii biyya keessaa jajjabeessuu yoo baanne hirkattummaa jalaa ba’uu hindandeenyu kan jedhan Obbo Taareqanyi, mootummaan yeroo darbe omishaaleen 38 alaa akka hingalle taasiseera. Omishaalee akka biyya hingalle taasifaman kunneen biyya keessatti omishuu danda’uu qabna.
Sagantaan sosochii “Itoophiyaan haa omishtuu” kuni guddina industirii biyyattii mirkaneessuufi rakkoolee damecha mudatan furuurratti xiyyeeffatee ittifufiinsaan kan adeemsifamu ta’uus eeraniiru. Ministeerichis rakkoolee damee industirii mudatan furuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu eeranii, abbootiin qabeenyaa damee industirii adda addaarratti hirmaatanis bu’aa caalu galmeesisuuf cimanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Humni ibsaa addaan ciccituun, hanqinni bu’uuraalee misoomaa, eyyamni invastimantii lafarra harkifachuun, lafti invastimatiif kenname utuu hinmisoomin turuufi baankiin walqabatee qarshii liqiirratti hanqinni jiraachuun rakkoolee guguddoo damee industiriirratti mul’atan ta’uu rakkoolee kunneen qindoominaan furuurratti xiyyeeffatamee kan hojjetamu ta’uun saganticharratti dhimmoota ka’aniidha.
BARIISAA SANBATAA Amajjii 20 Bara 2015