Carraa Waaliyaan tapha ‘CHAN’tiin marsaa ittaanuutti darbuuf qabu dhiphate

Finfinnee: Shaampiyoonaan kubbaa miilaa ‘CHAN’ taphatonni liigii biyyaa keessaa qofti irratti hirmaatan A.L.A bara 2009 Kotidivaar magaalaa Abijaanitti jalqabame. Kunis taphattoota piroofeeshinaaloota hinta’iiniifi liigii biyyaa keessatti taphataniif walmorkii biyyooleessaa irratti akka hirmaatan carraa banuuf yoo ta’u waggaa lamatti al tokko gaggeeffama.

Baranas yeroo jahaffaadhaaf biyyoonni hirmaachuuf carraa argatan magaalota Aljeriyaatti Amajjii 13 bara 2023 irraa kaasee ramaddii shanitti qoodamuun walfalmaa jiru.

Ramaddii tokkoffaa keessatti qopheessituu waancaa dabalatee biyyoota sadii wajjiin hirmaachaa kan jiru Waaliyaan taphawwan lama taasifachuun Mozaambiik wajjiin 0-0 adda bahee Aljeeriyaatiin 1-0n mo’ameera. Har’a ammoo Liibiyaa wajjiin tapha sadaffaa adeemsifata jedhamee eegama.

Ramaddii kanarraa qopheessituu waancaa kan taate Aljeeriyaan taphawwan lameen taasifattetti Liibiyaafi Itoophiyaa haala walfakkaatu 1-0n mo’achuun qabxii jahaafi qooda galchaa lamaan dursaa jirti.

Aljeeriyaan tapha sadaffaa har’a kan taasifattu Mozaambiik wajjiin yoo ta’u, mo’attus mo’amtus tapha ittaanuuf dabarteetti. Ramaddii kanarraa Mozaambiik Aljeeriyaa 2-0n mo’annaan qabxii torbaafi qooda galchaa sadiin tokkoffaa taatee dabarti.

Itoophiyaan Liibiyaa 3-0n mo’attee Mozaambiik ammoo Aljeeriyaadhaan 1-0n mo’amnaan qabxii afuriifi qooda galchaa lamaan Aljeeriyaatti aantee tapha ittiaanuutti darbuuf carraa qabdi jechuudha.

Haala kanaan Waaliyaan mo’atee biyyoota saddeettan ramaddiisaanirraa darban keessaa tokko ta’aa jechuun baay’ee rakkisaadha. Kanaafuu carraan Waaliyaan tapha ittaanuutti darbuuf qabu dhiphaadha.

Yeroo baay’ee leenjistonni kubbaa miilaa garee biyyaalessaa Itoophiyaafi federeeshiniin kubbaa miilaa Itoophiyaa Waaliyaa tapha ‘CHAN’f qopheesuurra Waancaa kubbaa miilaa Afrikaaf qopheessuurratti dhama’u.

Sababni isaa taphatoonni pirofeeshinaalonni baay’een kilaboota biyyaa alaatiif taphatan tapha biyyooleessaarratti muuxanno waan qabaniif isaan walitti qabuun yeroo gabaabaa keessatti shaakalchisuun shaampiyoonichaaf qopheessuun waan isaan hinrakkifneefi. Haa ta’u malee, dargaggoota muuxannoo ga’aa hinqabne walitti qabuun torban tokkoof shaakalchisuun tapha biyyoolessaarratti hirmaachuun isaanirraa qabxii eeguun ulfaataadha.

Taphatonni ‘CHAN’ irratti hirmaatan kunneen baay’een isaanii dargaggoota waan ta’aniif garee biyyaalessaa ijaaruun bu’uurri isaan ta’uu osoo beekamuu qaamni dhimmichi ilaallatu xiyyeeffannaa kennuu dhabuurraa kan ka’e qabxiin yeroo baay’ee galmaa’u gadaanaa ta’eera.

Walmorkii baranaa kanatti ramaddii lammaffaa keessatti biyyoonni ramadaman Ugaandaa, Seeneegaal, Riippaabilika Dimokraatawa Koongoofi Kotidivaar yoo ta’an Ugaandaan qabxii afuriin dursaa jirti. Ramaddii sadaffaarraa ammoo Maadaagaaskaar qabxii sadiin dursaa kan yoo jirtu yoo ta’u, Sudaanifi Gaanaan qabxii malee lammaffaafi sadaffaadha.

Ramaddii kana keessatti ni hirmaatti jedhamtee hanga guyyaan shaampiyoonichaa jalqabamutti eegamaa kan turte Morookoon sababii hinbeekamneen hafusheetiin walmorkicharraa haqamteetti.

Ramaddii arfaffaa keessatti Maalii, Angoolaafi Moritaaniyaan kan argaman yoo ta’u, Maaliifi Angoolaan qabxii tokko tokkoon sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa, Moritaaniiyaan qabxii malee sadarkaa sadaffaarratti argamti.

Ramaddii shanaffaa keessatti biyyoonni sadan argaman Kaameeruun, Naayijeeriyaafi Koongoo yoo ta’an hanga kaleessaatti qabxiin isaanii adda hinbaane.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015

Recommended For You