Duudhaa walkabajuufi walii obsuu caalaatti dagaaguu qabu

Itoophiyaan biyya s a b d a n e e s s u m m a a , a f d a n e e s s u m m a a f i heddumminni keessatti bal’atee mul’atuudha. Addaddummaan saba, afaan, amantii, ilaalchaafi kanneen biroo garuu waggoota dheeraaf miidhaginashee ta’anii turaniiru. Ummanni biyyattii addaddummaasaa lakkaa’uurra waan tokko isa taasisu cimsatee wajjummaasaa gabbifachaa yoona ga’eera.

Erga yeroo dhihoo as sababootaafi fedhiiwwan garagaraatiin nagaa biyyattii jeequun tokkummaa ummataa diiguuf herregamee hojjetamaa kan jiru ta’uus walitti hidhamiinsi ummattoota biyyattii hundee gadi fageeffate akka salphaatti lafa dhahuu hindandeenye.

Keessumaa qaamoleen tokkummaa ummattootaa diiguun bu’aa siyaasaa argachuuf wixxirfatan amantiifi sabaan walitti buusuuf yaalanillee milkaa’uu hindandeenye; kanaaf ammoo ayyaanni Cuuphaa dheengadda guutuu biyyattiitti nagaan kabajamee darbe agarsiistuudha.

Addatti magaalaa gudditti Itoophiyaafi Oromiyaa akkasumas teessoo gamtaa Afrikaa kan taate Finfinnee keessatti yaaddoofi munyuqqiiwwan garagaraa jiraatanis ummatichi akkuma duriisaa waldanda’uufi walii obsuun ayyaanasaa kabajateera.

Ayyaanichi ayyaana hordoftoota amantii Ortodoksiifi Kaatolikii biratti ho’inaan kan kabajamu ta’us obboloonni pirotestaantiifi musliimaa osoo hinhafiin bakkeewwan bultii taabotaa qulqulleessuun har’as wajjummaasaanii mul’isaniiru.

Kabaja jalabultii Kataraarraa kaasee hanga kaleessa taabotoonni hundi bakka boqotanirraa gara teessoosaaniitti deebi’anitti yommuu daandiin cufamu inni ayyaanicha hinkabajne mufannaa malee obsaan dabarseera. Yommuu geejibni dhabamus daandii dheeraa miilaan deemuun duudhaa walkabajuu durumaa kaasee jiru ammallee cimsee ittifufsiiseera.

Kanneen ayyaanicha hinkabajnes bakkeewwan kabaja ayyaanichaatti argamuun taateewwan achitti raawwataman hunda bifa dinqisiifannaan ilaalaa miidhagina ayyaanichaa ta’anii darbaniiru.

Gama biraatiin Magaalaa Dirre Dhawaatti dargaggoonni tola ooltoonni hordoftoota amantii Muslimaa ta’an ayyaanichi nagaa kabajamee akka xumuramuuf nageenya eegsisuun cinaatti hordoftoota amantichaaf bishaaniifi nyaatawwan garagaraa qopheessanii dhiheessuun shoora olaanaa taphataniiru.

Gochi gaariin kun hiika guddaa kan qabuufi wajjummaa Itoophiyaanotaa durumaa ture caalaatti kan cimsu ta’uu kan agarsiisuudha. Kanneen waldhabuufi wal loluu ummattootaarraa bu’aa argachuuf hawwaniif garuu gadda cimaadha.

Mootummaannis ayyaanni baranaa bifa nagaafi tasgabbii qabuun kabajamee darbuu ibsuun ummataaf galata dhiheesseera. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, ayyaanni Cuuphaa baranaa haala adda ta’een karaa nagaa kabajamuu eeranii, kun akka ta’uuf, abbootii amantii Ortodoksii hoggansa ittigaafatamummaa fudhatan hundaaf, hordoftootaafi amantoota ayyaanichaa, ayyaanni haala bareedaafi nagaa akka ta’uuf gumaachan hundaaf, akkasumas, caasaalee nageenyaafi hoggantoota magaalaa keessattuu dargaggoonni ittigaafatamummaa guddaa fudhatanii magaalattii miidhagsuufi qulqulleessuun ayyaanichi haala bareedaan akka gaggeeffamu gochuudhaan sirni eegalamee akka xumuramuuf carraaqqii nuffii malee taasisaniif galateffataniiru.

Duudhaan baroota ce’ee as ga’e kun caalaatti cimee dhalootatti darbuu malee homaa tokkoon gufachuu hinqabu. Ummanni kan isa baasu beekee qaamolee tokkummaasaa diiguu barbaadan haala kanaan walkabajee, tokkoomeefi wajjin hiriiree yaadasaanii fashaleessuu qaba. Dhaloota jalaa dhufus jibba osoo hintaane jaalala, lola osoo hintaane araara, walsalphisuu osoo hintaane walkabajuu, walitti aaruu osoo hintaane walii obsuu barsiisuu qaba.

Mootummaanis milkaa’ina cimaa ayyaana baranaarratti galmeessise cimsee ittifufuu qaba. Tarkaanfiifi to’annoon qaamolee waan seerriifi heerri hineeyyamne qabachuun ummata jidduutti burjaajii uumuuf socho’anirratti eegales cimsee ittifufuu qaba.

Duudhaaleen akkanaas gaafa ayyaanni ykn taateen tokko kabajamu qofa osoo hintaane jireenya guyyuu keessattillee gabbachaa yoo deeman nageenyaafi tokkummaa ummati hawwu fagoo hinta’u.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 13 Bara 2015

Recommended For You