Naannoon Oromiyaa iddoowwan hawwata turizimii uumamaafi namtolchee hedduu qabdi. Godina Harargee Bahaatti kan argamtu Aanaan Baabbillee ammoo aanaalee Oromiyaan qabdu keessaa iddoowwan hawwata turistii hedduu qabaachuudhaan beekamti.
Guyyaa Turizimii Addunyaa akka Oromiyaatti dhiyeenya kana Godina Harargee Bahaa Magaalaa Hararitti kabajameen iddoowwan hawwata turizimii godinichaas ta’e Aanaa Baabbillee hedduun daawwatamaniiru. Barreeffamni kun iddoowwan hawwata turizimii Aanaa Baabbillee ibsuurratti xiyyeeffata.
Odeeffannoon Waajjira Aadaafi Turizimii Baabbillee irraa arganne akka mul’isutti, Arbi Baabbillee, Bishaan Hadhoo, Jaldeessa Adii, Dhagaa Baabbillee, Dawoo Waraabessaa Baabbilee, Holqa Buttuu, Holqa Bishaan Hadhoo, Holqa Soof Suufii Muusaa, Hallayyaa Aw-Bilaal, Masgiida Kuulafaa’uul Rashiidiin, Masgiida Ekeyoo, Masgiida Sheek Huseen, Awwaala Maanguddoo Arfan Qalloo iddoowwan hawwata turistii uumamaafi namtolchee aanichi qabu keessaa muraasa. Waajjirri Aadaafi Turizimii aanichaas iddoowwan hawwata turizimii aanichaa to’achaafi hordofaa jiraachuu ibseera.
Iddoowwan hawwata turizimii uumamaa:
1. Arba Baabbillee: Arbi Baabbillee Godina Harargee Bahaa, Aanaa Baabbillee, Araddaa Erer Ibaadaatti argama. Arbi Baabbillee sanyii Arbaa “Leexoodente Afrika Orlisis’ kan jedhamu yoo ta’u, guddina qaamaafi qaama isaarraa rifeensa dhabuun arboota biroorraa adda isa taasisa. Arbi Baabbilee daangaa biyyaa hinqaxxaamuru. Kana jechuun Arbi Baabbillee daangaa biyyaa keessa qofa jiraata jechuudha. Arbi bineensa gamtaan jiraatuufi socho’uudha.
Baay’inni Arba Baabbillee 550 ol yoo ta’u, dheerinni isaa meetira afur, ulfaatinni isaa ammoo kiilogiraama 300-400 ta’a. Arbi Baabbillee irra caalaa naannawaa Erer, Gobellee, Fadiisiifi Mayyuu Muluqqee jiraata. Dahoon Arba Baabbillee Heektaara kuma ja’aa ol ta’a. Arbi biqiloota kan sooratu yoo ta’u guyyaatti kuntaala 3-4 nyaata. Arbi altokkotti bishaan liitira 200 olitti tilmaamamu dhuga. Arbi bineensa halaalatti suufuun diinasaa beekuu danda’uudha. Arbi bineensa bosonaa akka namaatti yaaduudha.
2. Bishaan Hadhoo: Bishaan Hadhoo magaalaa Baabbileerraa kiilomeetira 24 fagaatee Araddaa Ifaadiin, Ganda Abbaayitti argama. Bishaan kun dhandhama hadhaawaa qabaachuunsaa bishaan biroorraa adda isa taasisa. Bishaan Hadhoo dhukkuboota qaamarratti ba’an kan akka roobbii ni fayyisa. Bishaan kun yoo danfisan hindanfu, kanaafuu midhaanis hinbilcheessu, aannanitti yoo naqan ammoo ni ciccira. Bishaan Hadhoo albuuda of keessaa waan qabuuf gara fuulduraatti yoo qoratame tajaajila adda addaatiif ooluu ni danda’a.
3. Jaldeessa Adii: Jaldeessi kun magaalaa Baabbillee irraa kiilo meetira sadii fagaatee, Araddaa Jaalallee, Gaara Daakataa irratti argama. Jaldeessi kun sanyii Jaldeessa hamaa ‘Diroos Baaboon’ jedhamuudha. Jaldeessi kun bifaan adii yoo ta’u, keessaayyuu qaamnisaa gara morma gubbaa baay’ee adiidha.
4. Hallayyaa Aw-Bilaal: Hallayyaan kun Aanaa Baabbillee, Araddaa Najataa Gammachiis Ganda Erer Merroo jedhamutti argama. Hallayyaan kun uumamaan hawwataafi kan nama ajaa’ibsiisuudha. Hallayyaan kun yeroo ilaalan afaansaa dhiphaa yoo ta’u, dhaabbii nama tokkoo erga gad seenee booda bal’achaa deema. Hallayyaan Kaalidiifi Hallayyaan Kanniisaa Hallayyaa Aw-Bilaal irraa kiilomeetira tokko fagaatanii argamu.
5. Dhagaa Baabbillee: Dhagaan kun Aanaa Baabbillee Araddaa Jaalallee keessatti argama. Dhagaan Baabbillee gaara Dhaakataa gubbaatti waan argamuuf maqaa biraa Dhagaa Daakata jedhamuunis ni beekama. Dhagaan kun daandii asfaaltii guddicha Magaalaa Hararii kaasee Magaalaa Baabbillee keessa darbuun gara Magaalaa Jigjigaatti geessurratti waan argamuuf daawwattoota hedduudhaan daawwatama. Dhagaan kun yoo ilaalan kallacha Abbaan Gadaa addarra kaawwatu fakkaata.
Dhagaan kun meetira 24 kan ol dheeratu yoo ta’u, dhagaan gabbaasaarratti argamu ammoo meetira ja’a dheerata. Bal’inni dhagaa kanaa meetira 22 yoo ta’u, yoo ilaalan waan salphaatti walirraa bu’u fakkaata. Garuu Xaaliyaaniin dhagaa kana madfiin rukuttee walirraa buusuu akka dadhabdetu dubbatama. Kun dhagaan kun hangam cimaa akka ta’e mul’isa. Dhagaan kun iddoo hawwata turizimii ta’uun Dhaabbata Hambaalee Itoophiyaa ta’uun galmeeffameera.
6. Dawoo Waraabessaa Baabbilee: Dahoon kun Aanaa Baabbillee, Araddaa Jaalalleetti argama. Iddoon kun iddoo hawwata turizimii akka addunyaatti beekamuu qabuudha.
7. Holqa Buttuu: Holqi kun Aanaa Baabbillee, Araddaa Gambeelaa, Ganda Tulluu Shiree fuulduratti argama. Holqi kun Goda Buttuu jedhamuunis ni beekama. Holqi kun kallattii kaabaatiin Magaalaa Baabbileerraa kiilomeetira 17 fagaatee gaara jalatti waan argamuuf daawwachuuf kan namatti toluudha. Holqi kun ulaa guddaa ittiin seenamu qaba. Keessi holqa kanaa sadarkaa adda addaa kan qabu yoo ta’u, keessi isaa bal’aadha.
8. Holqa Bishaan Hadhoo: Holqi kun Aanaa Baabbillee, Araddaa Ifaadin Ganda Abbaayiifi Ganda Fakkatee gidduutti argama. Holqi Bishaan Hadhoo kun maqaa biraatiin Holqa Dibbee jechuudhaanis ni beekama.
Iddoowwan hawwata turizimii namtolchee
1. Holqa Soofi Muusaa: Holqi kun Magaalaa Baabbilleerraa kiiloomeetira 23 fagaatee Aanaa Baabbillee, Araddaa Rahamata Salaamaa, Ganda Hajjii Gadoofi Ganda Ekayoo jidduutti argama. Namni Holqa kana ijaarsise Soofi Muusaa waan jedhamuuf Holqa Soofi Muusaa jedhamee waamama. Yeroo diinni ummata keenya waraanuuf dhufu gandi guutuun holqa kana keessa seenuudhaan diina jalaa baqata. Kanaafuu holqi kun holqa seenaa guddaa qabuudha.
2.Masgiida Kuulafaa’uul Rashiidiin: Masgiidi kun Aanaa Baabbillee, Ganda Adam, Araddaa Rahamata Salaamaa keessatti argama. Masgiidichi umurii waggaa 500 olii ni ta’a jedhamee dubbatama. Magaalaa Baabbilleerraa tilmaamaan kiiloomeetira 20 fagaatee argama.
Masgiida kana masgiidota biroorraa waanti adda godhu namni Xahaara ykn ulaagaa qulqullina amantii Musliimaa hinqabne tokko dhufee masgiida kana keessa yoo rafe ganama dhibee ykn kosii gubbaarratti of arga. Iddoon kun iddoo hawwata turizimii seenaa waggoota dheeraa qabaachuun beekamuudha.
3. Masgiida Ekeyoo: Masgiidi kun maqaa Ekeyoo jedhamu jecha Afaan Arabaa irraa kan moggaafame yoo ta’u, hiiknisaa ‘Eyey’ jechuun bishingaa jechuudha. Dur bishingaan ganda kanatti hedduu waan toleef Ganda Bishingaa jedhanii moggaasan. Masgiida kana kan adda taasisu durirraa kaasee hanga ammaatti utuu hinhaaromfamin tajaajila kennaa jiraachuusaati.
4. Masgiida Awu-Shariif: Masgiidi kun hambaalee seenaa umurii dheeraa (waggaa kuma tokkoofi 120 ol) lakkoofsiseedha. Masgiidi kun Hogganaa Daandii Daldala Afrikaa bahaa kan ta’eefi lammii Turkii Sulxaan Abduu Jaliiliin ijaarame. Masgiidni kun biyyeefi dhagaarraa kan ijaarame yoo ta’u, gubbaansaa mukaan ijaarame. Masgiidichi ammayyuu iddoo hawaasni itti salaatuufi itti kadhatu ta’ee tajaajilaa jira.
5. Awwaala Maanguddoo Afran Qalloo: Awwaalli kun Awshariif bakka Haroo Diimtuutti argama. Iddoon awwaalaa kun hanga ammaatti kan hinbiqilchine waan ta’eef iddoo daawwatamuu qabuudha.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Amajjii 6 Bara 2015