Liigiin Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa dhiyeenya kana yaa’ii tokkoffaasaa Magaalaa Adaamaatti geggeeffateera. Dambiin ittiin bulmaata liigichaa waggaa lamaafi walakkaaf hojiirra oolu, akkasumas sagantaan liigichaafi gabaasni sochii liigichaa waggaa lamaan darbanii mul’isu yaa’ichaaf dhiyaatee irratti mari’atameera.
Pirezidaantii Ittaantuu Liigichaa Shamarree Fadiilaa Biyyaa gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasifteen akka jettutti, liigichi yaa’iisaa tokkoffaa tibbana Magaalaa Adaamaatti taasiseen dambii ittiin bulmaata liigichaa waggaa lamaaf walakkaa ittaanuuf hojiirra oolu, sagantaa liigichaafi gabaasa liigichaa waggoota lamaafi ji’oota ja’an darbaniirratti bal’inaan mari’ateera. Yaadotaafi gaaffilee hirmaattonni liigichaa dhiyeessanirrattis deebii ga’aan kennameera. Yaa’icharratti hirmaannaan shamarranii %51.2 akka tures eerteetti.
Yaa’icharratti dhimmoota fayyadamummaa dargaggootaafi shamarranii mirkaneessuu danda’anirratti bal’inaan mari’atamuu eertee, dambiin ittiin bulmaata liigichaa waggoota lamaafi walakkaa dhufuuf akka hojiirra ooluuf qophaa’es haala hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa dabaluufi mirkaneessuu danda’uun fooyya’ee akka qophaa’u ta’eera jetti.
Haala dambichi ittiin hojiirra ooluufi hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggoota guddisuu danda’uufi kallattii hojii gara fuulduraarratti bal’inaan mari’atamuus ibsiteetti.
Hojiileen rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa hir’isuuf raawwatamaa turanirrattis bal’inaan mari’atatameera kan jettu pirezidaantiin ittaantuu liigichaa, hojii liigichi waggoota darban gama hojii dhabdummaa dargaggootaa hir’isuuf hojjechaa tureefi hojii tola ooltummaa hirmaannaa dargaggootaatiin raawwatamanirrattis mari’achuun haala hanqinaalee mul’atan furuun danda’amurratti kallattiin kaa’amuu dubbatti.
Akkasumas haala hirmaannaa dargaggoonni siyaasa biyyaa keessatti qaban guddisuun danda’amurrattis kan mari’atame ta’uu dubbatteetti.
Dargaggoonni humna biyyattii ijaaraniidha kan jettu Fadiilaan, Itoophiyaa ijaaruuf ammoo lammii hundayyuu ija tokkoon ilaaluun barbaachisaadha. Kanaafuu dargaggoonni miira jaalalaa, obbolummaa, tokkummaafi sabdaneessummaatiin biyya tokkittii waliin qabnu ijaaruurratti xiyyeeffachuu qabu. Sabummaa, naannummaafi lagaan walqooduun biyyattii diiga waan ta’eef dargaggoonni ilaalcha walqooduu keessaa ba’uu qabu jechuun dhaamsa dabarsiteetti.
Liigichi fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf hojiilee hedduu raawwachaa turuusaas eeertee, liigichi gara fuulduraa baay’ina miseensotasaa guddisuudhaan hojiilee hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessanirratti xiyyeeffatee kan hojjetu ta’a jetti. Dargaggoonni miseensa paartii utuu hinta’in miseensa liigichaa ta’uu akka danda’anis eerteetti.
Yaa’ichi filannoo pirezidaantii, koree giddugaleessaafi koree hojii raawwachiiftuu filachuun akkasumas kallattiin hojii gara fuulduraa kaa’uufi ibsa ejjennoo dubbisuun xumurameera. Xumurara yaa’ichaarratti karoora liigichi qabatee olitti hojjechuuf miira obbolummaatiin waliin hojjechuu qabna jechuun waadaa seenneerra jetti
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 29 Bara 2015