Ministirri Muummee RFDI Abiyyi Ahmad ayyaana Qillee bara 2015 sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan. Hordoftoota amantii kiristaanaa biratti Ayyaanni Dhaloota Yesuus Kiristoos akka jalqabbii araaraatti kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.
Dhaloota isaan dura uumaafi uumama, samiifi lafa, waaqaafi nama gidduu waldhabdee guddaan waggoottaniif tureera jedhan. Ayyaanni dhaloota yesuus kiristoos guyyaa itti waaqaafi ilmaan namootaa gidduutti araarri wixineeffame ta’uu ergaa isaaniin addeessaniiru.
Ayyaana kanatti qoqqoodiinsi dhabamsiifamuu, gamtaafi tokkummaan cimuu, hafuurriifi foon, kan bara baraan jiraatuufi du’u, uumaafi uumamni, kan waaqarraafi lafarraa tokko ta’uun misiraachoon labsamuu kaasaniiru. Dhalachuu Yesuusiin kan adda fagaate walitti dhufuu, kan bade argamuu, kan diigame ijaaramuu, gidirfamni gara araaraatti jijjiiramuun araara bara baraatiin tokko nu taasise jedhan.
Guyyichi uumama waaqarraafi lafarraa gammachuun guutuun magaalaa Beeteliheemitti tokkummaan akka faarfatan taasisuu ibsaniiru. Dhimmi warreen walirraa fagaatanii jiraatan bakka tokkotti walitti dhufuun tokkummaan akka faarfatan isaan taasise seenaa isaanii garaagaraa kaleessaarra abdiin waloo isaanii ifee waan itti mul’ateef ta’uu addeessaniiru.
Namoonniifi ergamoonni jireenya isaanii kaleessaan kan walitti dhufan wantoota muraasaani; seenaan egeree isaanii garuu haaraa, daboon waliin kan hojjetan, waliin kan jiraatan, waloon kan dhaalaniifi jireenya irraa hafaa jiraatan ta’uu addeessaniiru.
Kanaafidha seenaa hunda dhaloota Kiristoosiin waliin walitti hidhuun kan seenessinu jedhan. Eenyu turte kan jedhurra eenyuun ta’uu barbaadda kan jedhu bu’uura tokkummaa isaaniiti jedhan.
Kan egeree waloon erga qooddatanii kan darbe waliif yaaduun fudhachuun itti hin ulfaatu, egereerratti yoo walii galan kan kaleessaarratti waliif galuun qormaata isaanitti hin ta’u jedhaniiru. Seenaa dhala namaa keessatti qoqqoodiinsi kan dhufe sababa malee akka hintaane eeruun, ta’e jedhamee irratti hojjetamuu ibsaniiru.
Hamaan ta’e jedhee sanyii garaagarummaa facaasuu, qoree garaagarummaa biqilchuu, firii diinummaa akka horatu taasisuu eeraniiru. Diinummaan kun Addaamiin jannataa fonqolchuu, Abeeliin Qaayeliin ajjeesisuu, dacheen qoraattii akka biqilchitu taasisuu, badiinsa bishaanii qaqqabsiisuu, waraanaafi walitti bu’iinsa buusuu eeruun, kanarraa diina malee kan fayyadame kan hin turre ta’uu addeessaniiru.
Tokkummaanis kan dhufe wareegama hedduun ta’uu ibsuun, Beeteliheemii hanga Qaraaniyoo, dhalootaa hanga fannootti gatii guddaan itti kaffalameera jedhan. Ayyaanni har’a kabajnu kan barbaachiseef lammiilee qoqqoodiinsa qofa osoo hintaane diinummaan gidduu isaaniitti akka babal’atuuf hojjetamaa ture tokko taasisuufi jedhan.
Itoophiyaanonni, egeree Itoophiyaa fooyyessuuf seenaa dhalootaan walqabsiisuun yoo irraa barannee ni fayyada kan jedhan Ministirri Muummeen har’a yaadaa addaa faffaca’uufi walballeessuun mul’atu amalaafi calaqqee eenyummaa nama kamiiyyuu miti jedhan.
Kun bu’aa sanyii yaraa baandaawwan keessaafi alaa nurratti facaasan ta’uu eeranii, barri amma keessa jirru garuu kan sanyichi itti facaafame miti jechuun ibsan. Namoota tokko tokkotti akkas akka fakkatuufi waqtiin kun kan sanyichi dagagee ija godhate ta’uu eeraniiru.
Makariin Muddee kan facaafamu Hagayyaa ta’uu namoonni kaleessaa akkas hinturree jedhu jedhan. Sanyichi lafa jalatti biqilaa waan tureef hinhubanne. Margichi dagaagee miila sakaaluu waan hineegalleef hinrakkanne. Inkirdaadichi baay’atee mataa dhukkubbii ta’uu waan hineegalleef nutti hinbeekamne. Arangamaan namummaa taraaruu waan hineegalleef addaa hinbaafne. Qoreen baay’atee miila dhiigsuu waan hineegalleef homaatti hinlakkoofne malee sanyii yaraan biqilaa ture jedhu.
Gara bara, ifa, eenyummaa, boqonnaa haaraatti haa dhufnuu jennee, seenaa waloo haaraa wayiita ijaarru seenaan kaleesaa walii nu galchiisaa waan ta’eef, daandii haaraa wayiita eegallus daandiin kaleessaa walnu hindhabsiisu. Bara haaraatti wayita qiyyaafannu baroonni darban addaan nu hinfo’ani. Kaayyoo haaraa qabannee yoo kaane kaayyoon kaleessaa wal nu hinfalmisiisuu jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.
Gammachuun hunda keenyaa guutuu ta’uu kan danda’e Yesuus wayitaa dhalateetti ta’uu eeruun, kanaaf dhaabbannee itti haa yaadnu jedhaniiru. Daandichi Itoophiyaa harooftuuf kan malu, hunda keenya ga’ee kan irraa hafu, eenyumma haaraa qabannee akka haaraatti dhalachuu ta’uu kaasaniiru.
Seenaan darbuu akka hinoolleefi jijjiiramuun akka hinhafne himanii, akkuma urji lakkooftonni lixa biiftuurraa dhufanii Masihicha argatan seena hojjenna moo akkuma Heerodos seenaa balleessuuf qulqullootaarratti albee kaasna? jechaa turan ijoon dubbii himattootaafi qeeqxota seenaa taanaa laata? kan jedhuudha jedhan.
Akka ergamtoota qulqullootaa seenaafi misiraachoo haaraa labsina yookaan akka Yihuudota barichaa seenaa darberratti cichinee carraa nuu dhiyaate tuffiin dhiibna laata? kan jedhuudha. Gaaffiiwwan kunneen deebii sirrii argachuun, Itoophiyaan daandii dhalootaa haaraarra imalaa, dhalachuu fayyisaa biyyaa lafaa Yesuus Kiristoos akka kabajjuuf sababa quufsaa taasisa jechuun ayyaana gaarii akka ta’us hawwaniiru.
BARIISAA SANBATAA Mudde 29 Bara 2015