Qillee: Fakkeenya nagaa, jaalalaafi araaraa

Ayyaanni Qillee dhalachuu Ilma Waaqayyoo Yesuus Kiristoos har’a akka biyya keenyaatti kabajaa jirru araarri Waaqayyoo hammam guddaafi daangaa kan hinqabne ta’uu nu yaadachiisa.

Inni utuu Waaqayyo ta’ee jiruu ilmaan namootaa humna cubbuufi gaaddisa du’aa jalaa birmaduu baasuuf nama ta’ee gara biyya lafaa kanaa dhufe. Akkuma Yohaannis Qulqulluun barreesse, sagalichis nama foonii ta’e, nu gidduus buufate. Ulfinasaa isa ayyaanaafi dhugaadhaan guutames argine (Yoh 1:14).

Waaqayyorraa fagaachuun dukkana keessa jiraachuudha. Haa ta’u malee namni Waaqayyo ofitti araarfatee garasaatti deebi’uuf waan ga’umsa hinqabneef Waaqayyo ofumasaatii karaa araaraa qopheesse. Kanaanis, akkuma raajichi dubbate, Sabni dukkana keessa jiru ifa guddaa arge, kanneen gaaddisa du’aa jala jiraniifis ifni ba’e (Isa 9:2).

Araara keessaa ifatu ba’a, jaalala keessaas abdiitu burqa. Dhiifamniifi araarri karaa jireenyaati. Kanaafis keessumaa bara biyyi keenya hafuura waldhabdeetiin qabamtee, yaadni jibbaa dagaagee, miirri ijaaba’umsaa babal’achaa jiru kanatti waa’ee araaraafi dhiifamaa yaaduun daran nurraa eegama. Rakkinni nu qunnamee jiru kun harka guddeessaan tasgabbiidhaan waliin mari’achuudhaan gara walhubannaatti dhufuun dadhabamuurraa kan ka’eedha.

Akkuma hubannu haalli biyyi keenya yeroo ammaa keessa jirtu gammachiisaa miti. Haalli karaa kaabaatiin ture mariifi araaraan hiikamuun daran nama gammachiisa. Gegeessitoonni mootummaas kutannoodhaan haalli gaariin kun akka uumamu gochuusaaniitiif galata argachuu qabu. Kun awwaannaa waamicha dhaabbileen amantiifi qaamoleen adda addaa yeroo dheeraadhaaf dhi’eessaa turanii waan ta’eef daran namatti tola.

Gama biraatiin haalli biyyattii gara lixaafi kibbaatti mul’atu yaaddessaa waan ta’eef akkuma kaabatti ta’e rakkoolee naannawawwan eeraman kanneenitti mul’atanis haala waarina qabuun akka furamuuf xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba. Egaa, oggaa ayyaanni Dhaloota Yesuus Kiristoos (Qillee) ayyaaneffamu dhoksaansaa maal akka ta’e hubachuun gaariidha.

Ayyaanni kun namoonni hundi ofiif qofa utuu hinta’iin waliif jiraachuun akka malu yaadachuun gaariidha. Waanuma qabanirraa walii hiruudhaan, harkaqal’eeyyiifi rakkattoota yaadachaa ta’uu qaba.Ayyaanni Qillee kan nagaa, jaalalaa, araaraafi abdii hundaaf haa ta’u.

BARIISAA SANBATAA Mudde 29 Bara 2015

Recommended For You