Ayyaana Qilleefi ispoortii aadaa Itoophiyaatti

Finfinnee: Ayyaanni Qillee yoom akka jalqabame ragaan barreeffamaan taa’e jiraachuu baatus dhaloota Kiristos dura akka turellee ni himama.

Ispoortichi biyya keenyatti seerri baheefii Federeeshiniin Ispoortii Aadaas erga hundeeffame walakkaa jaarraa ol lakkoofsiseera.

Ispoortiin aadaa, aadaafi eenyummaa hawaasaa tursiisuu cinaatti hawaasa qaamaan jajjabaate, sammuun ga’oome, abdiifi hamilee horate uumuuf gargaara.

Ispoortichi Federeeshinii Ispoortii Aadaa Itoophiyaa jalatti hammatamuudhaan akkaakuuwwan ispoortii adda addaatiin gandaa kaasee hanga sadarkaa biyyaalessaatti waggaa waggaadhaan ayyaana Qillee sababeeffachuun adeemsifamaa jira.

Ispoortiin aadaa kun bu’uura kan ta’e duudhaa aadaa sabootaafi sablammoota Itoophiyaa osoo gadi hinlakisin haala ammayyeeffamuun waggaa waggaadhaan naannolee addaddaatti erga gaggeeffamuu eegalee bubbuleera.

Haaluma kanaan qopheessummaa federeeshinichaatiin Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetiin akaakuuwwan ispoortii 11n dorgommiin kutaalee magaalota addaddaatti gageeffamaa ture har’a xumurama.

Akaakuu ispoortii qillee, waldhaansoo, korboo, gulufa fardaafi kkf dabalatee ispoortiiwwan adeemsifaman kanneenitti ispoorteessitoonni mo’atan shaampiyoonaa ispoortii aadaafi festivaalii ispoortii Itoophiyaa bara 2015 irratti hirmaatu

BARIISAA SANBATAA Mudde 29 Bara 2015

Recommended For You