Jimmaa Abbaa Jifaar mo’atee yoo deebi’u, Raayyaan Ittisaa  mo’ame

Finfinnee: Qopheessummaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (‘CAF’)n waggaa waggaan kan adeemsifamu shaampiyoonaan kubbaa miilaafi walmorkiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa  Kilaboota Afrikaa baranas magaaloota biyyoota adda addaatti adeemsifamaa jira.

Walmorkiiwwan kanneen irratti kan hirmaatan kilaboota bara darbe biyyootasaaniitti mo’achuun abbaa waancaa ta’aniidha.

Haaluma kanaan bara darbe Shaampiyoonaa kilaboota Itoophiyaa kan ture kilabni Jimmaa Abbaa Jifaar walmorkii gulaala duraa Kibxata darbe kilaba Jibutii Telkoom wajjin adeemsifatetti 3-1n mo’atee milkiidhaan deebi’eera.

Kilabni Jimmaa Abbaa Jifaar galchoota kan argate haara galfannaa dura daqiiqaa shanaffaafi  daqiiqaa torbaffaarratti yoo ta’u, haara  galfannaa booddee galcha takka dabaluudhaan walumaagalatti 3-1n mo’achuunsaa beekameera.

Walmorkiin deebii iftaan istaadiyoomii Finfinneetti kan adeemsifamu yoo ta’u, gulaala ittaanutti darbuuf walqixa ba’uun akka isa ga’u Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa mul’iseera.

Bara 2010 liigii piriimeerii Itoophiyaatti makamuudhaan shaampiyoonaa kan ture kilabni Jimmaa Abbaa Jifaar waggaa tokko keessatti qabxii akkanaa galmeessisuun Itoophiyaarraa kilaba jalqabaa isa taasisa.

Akkasumas, walmorkii mo’anii darbuu kilaboota Itoophiyaa bara 2010tti abbaa waancaa kan ture kilabni Raayyaa Ittisaa tapha waancaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Kilaboota Afrikaaf Roobii darbe taasifatetti kilaba Naayijeeriyaa, Igoonaa Reenjar 2-0n mo’amuudhaan gara biyyaatti deebi’eera.

Raayyaan Itisaa tapha deebii Finifinneetti kan adeemsifatu yoo ta’u wal morkii itti aanuf darbuf 3-0n mo’achutu isarraa eeggama.Kana ta’u baate galcha male,yokin 1-0n mo’atus tapha ittaanuf carraa kan argatu kilaba Naayijeeriyaa ta’a.

Bariisaa sadaasa 21/2011

Recommended For You

6 Comments to “Jimmaa Abbaa Jifaar mo’atee yoo deebi’u, Raayyaan Ittisaa  mo’ame”

  1. Pingback: rich89bet
  2. Pingback: gunpowder
  3. Pingback: pgroyalbet

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *