Peelee: Ambaasaaddara ispoortii

Taphattoota kubbaa miilaa beekamoofi yoomiyyuu filatamoo addunyaan horatte keessatti maqaansaa kan eeramu Edsan Araantees Doo Naasimeentii ykn maqaasaa masootiin Peeleen bara 1940 Biraazil, Tirees Koraakositti akka dhalateedha seenaansaa kan dubbatu.

Afaan Porchugiiz dubbatuun hiika wayiituu kan hinqabne maqaasaa masoo Peelee jedhamu kan argate umuriisaa daa’imummaatti.

Liigii Biraazil gadjallaa keessa taphataa turee ALA bara 1956 kilaba liigii muummee keessa ture, Saantoositti makamee sarara bitaarratti taphateera.

Peeleen waggaa lama booda umuriisaa waggaa 17tti biyyisaa, Biraazil waancaa addunyaarratti akka miidhagdu taasise. Tapha xumuraatiinis morkataasaanii Siwiidinirratti goolii lama lakkoofsisee akka waancicha olkaasaniif sababa ta’eera.

Peeleen taphataa sochiisaa si’aayaa, madaallii eeguudhaan, to’annoo kubbaatiin, ciminaafi sochiiwwan garee morkataa mogolee buusaniin addunyaa ajaa’ibsiisaa ture.

Kilabasaa, Saantoosis al sadii shaampiyoonummaaf qaqqabsiiseera. Biraazil durabu’ummaa Peeleetiin ALA bara 1958,1962fi 1970 waancaa Addunyaa fudhatteetti.

ALA Sadaasa 19 bara 1969 Istaadiyomii Maraakaanyaa deggartoonni kuma 18 argamanitti Peeleen gooliisaa 1000ffaa rukuttaa adabbiitiin Vaaskoo Dagaamaarratti lakkoofsisee seenaa galmeessiseera.

Peeleen bara 1974 kubbaa miilaa taphachuun nagaha jedhee kopheessaa fannisus bara 1975 doolaa miliyoona torbaan Kilaba Ameerikaa, Niiwuyorki Koosmoositti makameera. Koosmoos shaampiyoona kan taasise Peeleen, kubbaan miilaa akka Ameerikaatti baramu taasiseera.

Peeleen Onkoloolessa 1 bara 1977 taphasaa xumuraa kilabasaa duraanii Saantoos wajjin Istaadiyoomii Jiiyaantisitti taasiseeti tapha kan dhaabe. Peeleen jireenyasaa dheeraa kubbaa miilaa keessatti dabarseen yeroo kuma tokkoofi 363 taphatee gooliiwwan kuma tokkoofi 282 lakkoofsiseera.

Peeleen erga tapha dhaabee booda ambaasaaddara ispoortii ta’ee Dhaabbata Mootummoota Walta’aniifi Yunisef wajjin dorgommiiwwan michummaatiin addunyaarratti nagaafi araarri akka bu’uuf tattaafateera.

Taaktikii addaa taphataa beekamaan kun dirreerratti taasisaa tureen akka hawaasni addunyaa tapha kubbaa miilaa jaalatu kan taasise yoo ta’u, dhukkuba kaansarii irra bubbuleen umriisaa waggaa 82tti addunyaa kanarraa Kamisa darbe boqoteera.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 22 Bara 2015

Recommended For You