Ispoortii aadaa bu’uura ispoortii ammayyaa

Godina Shawaa Lixaa bulchiinsa magaalaa Ambootti waldorgommiin ispoortii aadaa 28ffaa feestivaala aadaa 14ffaa godinichaa Bulchaa Ittaanaan godinaa Obbo Takkaallinyi Yimaamuu dabalatee bakka hoggantootni olaanaan argamanitti eegalame.

Waldorgommii kanarratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisan Ittigaafatamaa waajjira dargaggoofi ispoortii godinichaa Obbo Mararaa Dabaree akka jedhanitti, ispoortiin aadaa bu’uura ispoortii ammayyaati. Dabalataanis godinichi akaakuuwwan ispoortii aadaa 11 jiru keessaa barana 10n kan gaggeessu yoo ta’u, dorgommii kana yeroo gaggeessinu naamusa ispoorteessaa tokkorraa eegamu bahuu qabna jechuun dhaamaniiru. Kaayyoon dorgommii kanaas ispoorteessitoota ciccimoo godinicha bakka bu’an filachuufi jedhan.

Obbo Takkaallinyi Yimaamuu akka jedhanitti ispoortii aadaa aadaa bira darbee walitti dhufeenya hawwaasummaa cimsuufillee kan gargaarudha.

Dabalataanis ispoortii kana yeroo gaggeessinu aadaafi duudha uummata oromoo walbarsiisaa karaa naamusaafi warra kaanifiillee fakkeenya ta’uu danda’uun gaggeessuu qabna jedhan.

Dhumarrattis dorgomtoota ciccimoo godinicha bakka bu’anii sadarkaa naannootti dorgomaniifillee carraa gaariidha jedhan.

Gama kaaniin shaampiyoonaan waldorgommii ispoortii aadaa Godina Jimmaa xumurame.

Shaampiyoonaan aanaalee godinichaa 28ffaafi Feestivaalli Aadaa 13ffaan akaakuuwwan ispoortii saddeetiin guyyoota kudhaniif magaalaa Jimmaattii gaggeeffamaa ture dheengadda olaantummaa Aanaa Nadhii Gibeetiin xumurame.

Ispoortichi tapha Qillee, Saddeeqa, Shaah, Buub, Wal’aansoo, Korboo, Sharxii fardaafi Xiyyaan kan geggeeffame yoo ta’u, sirna cufiinsaarratti Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasirfaan argamaniiru.

BARIISAA SANBATAA Mudde 22 Bara 2015

Recommended For You