Gareen Kubbaa Miilaa Itoophiyaa tapha CHAN’f qophii taasisaa jira

Finfinnee: Taphattoonni liigii biyya keessaa qofaan irratti hirmaatan CHAN barana yeroo 7ffaadhaaf Aljeeriyaatti kan gaggeeffamu yemmuu ta’u, gareen kubbaa miilaa Itoophiyaas taphichaaf qophii eegaluun himameera.

Leenjisaan garee biyyaaleessa Itoophiyaa Wubatuu Abaataa dorgommii Amajjii 5 hanga 7 bara 2015tti adeemsifamuuf taphattoota yeroof waamicha taasisaniif 42 keessaa 14 hir’isuudhaan taphattoota 28f irra deebiin waamicha dhiheessuunsaanii kan yaadatamuudha.

Haaluma kanaan taphattootni waamichi taasifameef qorannoon fayyaafi gahumsa qaamaa taasifamuufiidhaan Roobii darberraa eegalee dirree garee kubbaa miilaa Baankii Daldalaatti shaakallii eegaluusaanii leenjisichi beeksisaniiru.

Taphattoota irra deebiidhaan waamichi taasifameef keessaa kaanneen akka Geetaanaa Kabbadaafi Taaffasaa Solomoon jalqabbii shaakalaarratti kan hinargamne ta’uu himanii, leenjiiwwan ittaanurratti garuu taphattoota hafaniif obsa kan hinqabne ta’uu dubbataniiru.

Gareen biyyaalessaa kubbaa miilaa Itoophiyaa kun Mudde 26 erga shaakallii xumuraa biyya keessatti taasisee booda gara Morokootti imaluudhaan achitti qophii taasisee gara Aljeeriyaatti kan qajeelu ta’uun barameera.

Tapha shaampiyoonaa kubbaa miilaa Afrikaa (CHAN) kanarratti Itoophiyaan garee 1ffaa keessatti Aljeeriyaa, Moozambikiifi Liibiyaa waliin ramadamaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 22 Bara 2015

Recommended For You