Jaalalaan tokkoomaa dhiifamaan ce’uu

Biyyi keenya Itoophiyaan biyya birmadummaafi tokkummaa ishee kabachiiftee turte akkasumas biyya guddinaaf carraa bal’aa qabdu taatus sababa rakkoowwan keessoofi dhiibbaa alaan carraa qabdutti osoo hinfayyadamiin turteetti.

Itoophiyaan yeroo dheeraaf walwaraansa keessoofi qoqqoodaminsa siyaasaan miidhamaa kan turte yoo ta’u, kunis gama tokkoon fuulashee gara misoomaatti akka hindeebifanne gama biraatiin ammoo gidduseentummaa humnoota alaatiif saaxilaa tureera.

Itoophiyaanonni humna alaa isaan weeraruuf dhufu tokkummaan qolachuun kan beekaman yoo ta’u, aadaan rakkoo keessoosaanii karaa nagaa, ilaafi ilaameefi mariin furachuu, dhiifamaan bira walii darbuu laafaadha.

Aadaan dhiifamaa, mariifi ilaafi ilaameen dubbii fixuu dadhabaa ta’uun rakkoon sirnoonniifi humnoonni alaa carraa argatanitti fayyadamuun kaleessa uuman har’a madda walitti bu’insaa akka ta’u, hiyyummaan mallattoo biyyatti akka ta’uuf, ummanni Itoophiyaa gadadoofi jireenya baqaatiif akka saaxilamu taasiseera. Karaa biraatiin, hiyyummaan deebi’ee madda walitti bu’insaa ta’uun nagaafi tasgabbii biyyattii booressaa jira.

Dhimmi guddaafi ijoon jijjiiramni biyya keenyatti waggaa afuriin dura dhufe fide keessaa tokko dhiifamaa, ilaafi ilaameefi jaalalaan boqonnaa walwaraansaafi rakkoo siyaasaa keessoo keenyaa goolabuufi fuula keenya gara badhaadhinaatti deebifachuun Itoophiyaa cimtuu taate uumuudha.

Aadaan siyaasaa kaleessa irraa dhaalameefi jibbinsa, walqoqqooduufi “kan kootu caalaa” irratti hundaa’e hawwiifi abdii nageenya waaraa jijjiiramichi banee ture gufachiisuun biyya keenya marsaa biraaf gara walwaraansaatti akka deebitu taasisus walwaraansi biyya keenya gara kaabaatti waggoota lamaaf deemuun lubbuu namaafi qabeenya biyyaa mancaasuun birmadummaa biyyaa balaa guddaaf saaxilee ture waliigaltee araaraafi nagaa taasifameen karaa nagaan akka xumuramuuf waraanni dhaabbachuun daandiin walakkaa ol adeemameera.

Waliigalteen nageenyaafi araaraa jijjiiramaa guddaafi sadarkaa abdachiisaarra ga’ee jiru kun kutannoo mootummaan nagaa buusuuf qabu kan agarsiise; ummanni qilleensa nagaa hawwaa ture akka baafatuuf abdii kan uumeedha. Hundumarra ammoo qaamota dorgommii siyaasa tarsimoo lafaafi daldala siyaasaa Qaxanaa Gaanfa Afrikaa jirutti fayyadamuun biyya keenyarratti dhiibbaa uumuu barbaadanitti karra kan cufeedha.

Waliigalteen araaraafi nageenyaa kun duudhaan dhiifamaa, araaraafi marii biyya keenyatti yeroo dheeraaf hawwamaa ture aadaa ta’uun rakkoowwan biroon karaa nagaatiin akka furamaniif akkasumas mariin biyyaalessaa akka milkaa’uuf gumaacha guddaa qaba. Akkasumas, Itoophiyaanonni rakkoo keessoofi waldhabdeesaanii karaa nagaatiin mariifi ilaafi ilaameedhaan furachuuf ga’umsa akka qaban addunyaatti kan mul’isuudha.

Kanaaf, daandiin nageenyaa biyya keenyatti eegalame biyya keenya boqonnaa walwaraansaa keessaa baasuun fuula ishee gara misoomaafi guddinaatti akka deebifattuuf carraa waan banuuf lammiin hundumtuu waan isa irraa eegamu ba’uu qaba jedha ibsi tibbana Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa biraa tibbana bahe.

Nagaan Itoophiyaaf!

Nageenyi Itoophiyaanotaaf!

BARIISAA SANBATAA Mudde 22 Bara 2015

Recommended For You