Yeroowwan darbanitti nageenya ijaaruuf tattaaffiiwwan danuun taasifamanis sadarkaa barbaadamuun milkaa’aa akka hintaaneedha Ministeerri Nageenyaa kan ibse. Nageenya barbaadamu haala barbaadamuun ijaaruun kan danda’amu dhimmamtoota federaalaafi naannolee akkasumas abbaa dhimmaa kan ta’e ummata wajjin qindoominaan yoo hojjetameedha. Qindoomina kanas bu’aaqabeessa taasisuuf waltajjiin marii murteessaadha.
Nageenyi dhala namaaf waa hundaa ol murteessaafi jiruufi jireenya hawaasaa keessatti hiikaa olaanaa kan qabuudha. Bakka nageenyi hinjirretti bakkaa bakkatti socho’uun hojjetanii jiraachuun gaaffii keessa gala. Kanaaf, nageenya mirkaneessuun dhimma gaaffiif dhiyaatu akka hintaane bu’aa nageenyaa kan hubatu hundaaf ifa.
Mootummaan Itoophiyaas kana hubachuuni nageenyaa waaraa mirkaneessuu, dinagdee cimaafi sirna dimokraasii jabaa ijaaruu dhimma ijoo taasifachuun hojjechaa kan jiruuf. Nageenya waaraa mirkaneessuuf ummata hirmaachisuun, dinagdee cimaa ijaaruuf beekumsa biyya keessaa fayyadamuun carraawwan gaarii jiran hojiirra oolchuu akkasumas dimokraasii jabaafi dhaabbilee ciccimoo ijaaruun dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadaniidha.
Haata’u malee, imala badhaadhinaa biyyi keenya qabatteefi hojiiwwan qabaman milkeessuuf cichoominaan hojjetamaa jiran gufachiisuuf finxaaleeyyii gamaa gamanaa daldala siyaasaa hojii dhaabbataa taasifatan nageenya booressuuf humna qaban hundaan wixxirfachaa jiru.
Akka odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa biraa argame ibsuttis, kaayyoon gareewwan finxaaleeyyii kanneeniis Itoophiyaa keessatti nageenyi waaraan akka hinbuuneefi daandiin badhaadhinaa qabame akka hinmilkoofne gufachiisuun sirna siyaas dinagdee mijatuuf uumuudha. Kanaafis ajandaalee gara garaa qopheessuun ummata nagaa ajjeesuu, qabeenya mancaasuu kaayyeffatan milkeeffachuuf socho’u. Qaamonni kunniin maqaa ummataan haa daldalan malee dantaa ummataa tasuma hinqaban.
Gochi diinummaafi abdii kutannaa kun ummataafi biyyattiirratti miidhaa qaqqabsiisus qindoomina qaamolee nageenyaafi ummataatiin kaayyoonsaanii fashalaa’aa jira. Tarkaanfii qindaa’aa mootummaan ummata waliin ta’ee qaamota kanneenirratti fudhachaa jiruun akeeknisaanii akka hinmilkoofne hubachaa jiru.
Tarkaanfii mootummaan fudhatu kan milkaa’uu danda’uufi sirni siyaas dinagdee daldala siyaasaa bu’uureffate qaamonni kunneen diriirsuuf deeman akka galma hingeenyeef tumsi ummataa haalaan barbaachisaadha.
Kanaafuu ummanni naannawasaa eeggachuufi qaamolee nageenyaa waliin qindoomuun yoo socho’e kaayyoo badiisaanii maseensuun nageenyasaa akka mirkaneeffatu shakkiin hinjiru. Ummanni sochii garee nageenya naannawasaatiif yaaddoo ta’u kamuu karaa gurmaa’eefi qindoomina qabuun saaxiluun tarkaanfiin keessa deebii hinqabne akka irratti fudhatamu kutannoodhaan hojjechuu qaba.
Kanaaf ammoo ummanni bakkuma jirutti humnoota nageenyasaa booreessanirratti kutannoodhaan qabsaa’uun imala badhaadhinaa eegalame ittifufsiisuuf qoodasaa bahachuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Mudde 22 Bara 2015