Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa Godina Jimmaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee: Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa Godina Jimmaa Roobii darberraa eegalee hanga Mudde 21 bara 2015tti turu Magaalaa Jimmaatti adeemsifamaa jira. Aanaaleen godina jimmaafi bulchiinsi Magaalaa Jimmaa Shaampiyoonicharratti hirmaachaa jiru.

Walittiqabaa Mana Maree Ispoortiifi Bulchaa ittaanaa Godina Jimmaa Obbo Yasuuf Shaaroo, ittigaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa Godina Jimmaa Obbo Miftaahuu Abdulqaadir, ittigaafatamaa Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Godina Jimmaa Obbo Nagumaa Mokonnoniifi daayirektera Leenjiifi Waldorgommii Ispoortii Oromiyaa Obbo Mokonnon Baqqalaa dabalatee hoggantoonni godinichaa sirna baniinsa shaampiyoonichaarratti argamanii jalqabsiisaniiru.

Obbo Nagumaan haasawaa baniinsa shaampiyoonichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, ispoortiin aadaa bu’uura ispoortii ammayyaati. Shaampiyoonichi dorgomtoota godinicha bakka bu’anii sadarkaa naannootti dorgoman filachuuf kan qophaa’e ta’uus ibsaniiru.

Obbo Yasuuf gamasaaniitiin akka jedhanitti, ispoortiin aadaa duudhaafi aadaa godinicha keessa jiru dhalootaaf dabarsuuf barbaachisaa ta’uu himanii, godinnichi waggoota lamaan darban ispoortii aadaatiin sadarkaa naannootti injifannoo galmeessuun shaampiyoonaa ta’uufi baranas injifachuuf qophii barbaachisu taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Shaampiyoonaan waldorgommii ispoortii aadaa kun akaakuuwwan ispoortii aadaa saddeetiin kan adeemsifamu ta’uu himanii, isaanis saddeeqa abbaa boolloo 12fi 18, qillee, shaa, buub, xiyya, guluffii fardaafi korboo ta’uu himaniiru jechuun Waajjirri Kominikeeshinii Magaalaa Jimmaa odeeffannoo Bariisaaf ergeen eereera.

BARIISAA SANBATAA Mudde 15 Bara 2015

Recommended For You