Ateeteen ayyaana dubartootaan waggaati al-tokko kabajamuudha. Ateeteen ayyaana sanyiifi hormaata qajeelchuufi kabajuuf ayyaaneffamuudha. Guyyaa ayyaana Ateetee dubartiin uffata addaa kan matasaa danda’e, caaccuufi Calleen kan faayame uffattee dhangaa adda ta’e nyaachisuudhaan kabaji. Ateeteen yeroo Oromoon dur akka Kuushitti jiraataa ture jalqabame jedhamee tilmaamama.
Guyyaan ayyaanaa kun seera Ateetee qabatee bakka sadiitti hirama. Isaanis: Ateetee Furmaa (Ateetee Amajjii), Ateetee Hagayyaa (Ateetee Sanyii ykn Midhaanii)fi Ateetee Loonii (Ateetee Sadaasaa) jedhamu.
Ateetee Furmaa (Ateetee Amajji)
Ayyaani kun Amajjii keessa kan kabajamu, kan dubartiin ijoollee ishee Ateetee naqxee eebbiftuudha. Haati ijoollee ishiif dhangaa qopheessitee, kan deese hundaa walitti qabdee Ateetee itti naqxee eebbifti. Guyyaa sana hortee haadha mana sanaa kan ta’an hundi tokkollee osoo hinhafin, mana ishiiti wal ga’anii eebba Ateetee fudhatu. Guyyaan kun guyyaa firri itti wal arguu dha.
Ateetee Hagayyaa (Ayyaana Sanyii ykn Midhaanii)
Ayyaani Ateetee kun immoo Gindii hiikoo ykn Ateetee Midhaanii jedhama. Ayyaani kun Hagayyaa keessa yeroo qonnaan bulaan qonna raawwatee gindii hiikee, midhaan facaase hundatti Ateetee naqee, qotiyyootti addoo (shaashii) mataatti maree eebbisee gad dhiisudha. Kun mallattoo xumura qonnaati. Sana booda bakka qonnaa hundarra deemudhaan seeri dhibaayyuu xumurama. Dhumarratti bakkuma dhibaayyuu sanatti gamtaan taa’nii, wanna qabatan, farsoo dhuganii marqaa nyaatanii galu. Walumaagalatti ayyaani kun Ayyaana Sanyii jedhama.
Ateetee Loonii (Ateetee Sadaasaa)
Ayyaani Ateetee kun bakka tokko tokkotti Jaarii Kormaa ykn Gannii Loonii jedhama. Ateeteen Loonii Sadaasa keessa kabajama. Sirni kun kan ayyaaneffamu dallaan loonii bakka duraa irraa jijjiiramee erga ijaaramee booda mukni birbirsaa (kan kormoomsaa jedhamu) wiirtuu dallaati dhaabudhaani. Bakki muki itti dhaabate kun sirriiti erga jifaaramee booda sirni Ateetee naquu kormoomsaa jalati kabajama.
Dallaan loonii guyyaa sana galma misirroo fakkaata. Dubartiin kormoomsaa jalati marqaa marqiti. Sirni dhibaayyuu erga xumuree booda abbaan warraa waan qalmaaf qopheese qala. Dhiiga sana bitaafi mirga karraa tuqsiisa. Gogaan horii qalame sun babaqfamee miilafi mataa looniitti ni hidhama ykn ni marama. Kana booda dhangaan qophaa’eefi foon nyaatamee, farsoon dhugamee sirnichi xumurama. Madda: Doktar Darajjee Tsaadiq.
Ragaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaarraa argame akka ibsutti, Ateeteen Godinaalee Arsiifi Baalee keessatti dubartoonni mirga isaanii kan ittiin kabachiifataniifi yeroo rakkooleen hongeen ykn roobni dheeratu akkasumas rakkoon nageenyaa hawaasa naannawaafi biyyaa keessatti uumame Uumaafi uumama walitti akka araaramuuf sirna geggeeffamuudha.
Ateeteen Arsii keessatti rakkoon hongee, roobni dheerachuufi rakkoon nageenyaa ykn wal lolli hawaasa naannawaafi biyyattii keessatti yemmuu uumame, Araarri akka bu’uuf sirni falachuu ykn Uumaafi uumama walitti araarsuu dubartootaan kan gaggeeffamuudha. Sirni kadhannaa ykn falannaa kun iddoowwan akka Malkaafi Tulluutti bahuun kan gaggeeffamuudha.
Rakkoon caamaafi dheerachuun roobaa yoo uumame Malkaa ykn Tulluutti bahuun akkas jechuun waaqa kadhatu. Ateetee! Siinqee tiyya lootii qabadhee, Rabbii kiyya mootii kadhadhee, Safuu keenya hinlaalinii, nun wallaalinii, gaafa falaa hanfalaan shubbisee, Saayya jalaa ani kaloo buqqisee. Saayya muchiin afurii muddii nu furii jedhanii Uumaafi uumamni akka walitti araaramaniifi caamni hammaate roobaan akka furamu,roobni hammaate ammoo akka salphatu, yeroo barbaadanitti akka roobuuf kadhatu.
Haala qabatamaa mul’achaa tureenis, sirni kadhannaa Ateetee kun yemmuu gaggeeffamutti, rooba yoo kadhatan akka roobu, roobni ulfaate akka salphatu yoo gaafatan ammoo akka salphatuudha.
Sirna Ateetee nageenyi akka bu’uufi Araarri Uumaafi uumama gidduutti akkasuma namoota wal dhaban ykn rakkoon nageenyaa biyya keessa jiru akka furamuuf kadhannaan iddoowwan Malkaafi Tulluutti dubartootaan kan gaggeeffamu yoo tahu, yemmuu Waaqa kadhatanis akkas jedhu. “Ejersa jaboo jabaa hunda gaaraa, Waan jabaatellee Rabbuu nu gargaaraa. Mee Araara! jedhanii araarri waaraa akka bu’u Uumaa kadhatu.”
Dabalataanis waldhabdeen ykn lolli namoota gidduutti yoo uumame Siinqee qabatanii ililfachaa gidduu seenuun qaamoliin wallolaa jiran lola akka dhaabaniifi araarri gidduusaaniitti akka bu’u taasisu.
Mirgi dubartii takkaa namootaan kan sarbamu yoo ta’e, dubartiin miidhaan ykn sarbamiinsi mirgaa irra gahe gara Saddeeta Dubartoota naannawaa ishii jiranii dhaquun rakkoo ykn miidhaa irra gahe himatti. Yemmuu kana Saddeetni Dubartootaa erga dhimma kana ilaalee booda, Siinqee qabachuun ililfachaa dubartoonni naannawaa isaanii jiran kamuu dhagahuun akka bahan taasisuun gara mana nama miidhaa dubartii sana irra geesseetti yaa’uu eegalu. Ummatni Oromoo aadaa boonsaa akkanaa qabutti fayyadamuun nageenyi naannoofi biyya keessatti akka bu’u ittifayyadamuu qaba.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 15 Bara 2015