Namni cimaan maxxansa kanaan keessumaa dargaggootaaf akka muuxannoosaa qooduuf filanne Daanaa Yaaballoo Gallaboo jedhama. Bakki dhalootasaa Godina Booranaa, Aanaa Yaaballoo kan ta’e Daanaan, nama dhukkuba laamshessaa ykn pooliyoo isa mudateen umriisaa waggaa jahaarraa kaasee miidhamummaa qaamaatiif saaxilameedha.
Namni sammuunsaa cimaa kun lafarraa foqoqaa kiiloo meetira dheeraa deemuun barnootasaa hanga kutaa 10ffaatti manneen barnootaa Godina Booranaa, magaalaa Yaaballootti argamanitti kan hordofe yoo ta’u, sana booda ogummaa rifeensa sirreessuu baratee isumaan ofiisaafi maatiisaa jiraachisaa jira.
Gaafdeebiin Gaazexaan Bariisaa nama cimaa kanaafi maamilasaa yeroo dheeraa akkasumas karaa miidiyaa hawaasaa deggarsa adda addaa taasisaafii jiru Doktar Firaa’ol Waaqoo wajjin taasise kunooti.
Bariisaa: Haala maatii kee nutti himi mee, Haala hojii kees achumaan?
Daanaa: Haati kiyya Haliimaa Waariyoo, abbaan kiyya Yaaballoo Gallaboo jedhamu. Daaimummaa koorraa kaaseeni maatii koo harkaqal’eeyyii hojiidhuma kanaanin gargaaraa ture.
Waanin dhaabadhee hojjechuu hindandeenyeef godoo wayii keessatti dhagaa walirra tuulee isarratti ol bahuun, maamila ammoo barcuma aadaarra teessisee rifeensa ciruun (sirreesuunin) hojii jalqabe.
Bariisaa: Hojicha akkamitti jalqabde, haala kanaan bakka tokko taa’anii rifeensa namaa sirreessuun hinulfaatuu, haalli barnootaa kee hoo?
Daanaa: “Abbaan koos rifeensa ciraa ture. Abbaan koo maashinii tondosii jedhamullee waan hinqabneef maqasumaan sirreessaa ture. ‘Harka namaa hinkajeeliin, karaarra taa’itii kophee haxaa’illee malee’ jedhee na gorse. Rifeensa sirreessuus isumatu na barsiise. Anis gorsa abbaa koo fudhadhee kutattummaan ka’ee hojichatti seene. Barnoota hanga kutaa 10ffaatti baradheera.
Bariisaa: Barataa akkamii turte mee?
Daanaa: Yeroo sanatti warri koos harkaqal’eeyyii waan ta’aniif nama na gargaarun dhabe malee barnoota kootti cimaan ture. Kutaa 1ffaa hanga 8ffaatti tokkoffaan bahaayyu. Waldorgommii mana barumsaa keessatti taasifamu natu tokkoffaa bahee mo’ata ture. Kanas jiraattonni magaalaa marti ni beeku. Barsiisonni koos akka lubbuutti na jaalatu. Waan barbaachisuunis na gargaaraa turan.
Bariisaa: Atoo miidhama qaamaatiin akkamiin mana barnootaa dhaqaa turte?
Daanaa: Fageenya kiiloo meetirotaan lakkaa’amu harkuma kootiinin yeroo roobni jirutti fixeensa keessafaa lafarra foqoqaa dhaqee galuunin baradhe. Dabtarii koo ijoolleetu naa qaba. laaqii (dhoqqee) qaama koo tuqe goggofkadhee daree seenee barachaa ture.
Bariisaa: Bultii dhaabbatteettaa?
Daanaa: Eeyyee, dhaabbadhee abbaa ijoollee dubra sadiifi dhiira lamaati. Ijoolleen koo shananuu barachaa jiru.
Bariisaa: Maamiloonni kee maal siin jedhu?
Daanaa: Maamiloonni koo durumaa qabee na onnachiisaa turan. Jiraattonni magaalattii baay’een na beeku, na biratti rifeensasaanii sirreeffatus. Gaafan akka tasaa bakka hojii koo kanatti hinargamne dhufanii manaa na waamu, akkan sirreessuufiif. Isaanis haala kanaan na jajjabeessu anis hojii koo sirnaanin kabaja.
Bariisaa: Guyyaatti namoota meeqaaf rifeensa sirreessita?
Daanaa: Dur guyyaatti hanga namoota 20f sirreessaan ture. Amma garuu akkan barbaadetti tekinolojii qabaachuu waanin hindandeenyeef akkasumas bakkin itti hojjedhu dhiphaa waan ta’eef hanga nama shanii ykn jahaa caala hojjechaa hinjiru.
Bariisaa: Oggaa ati haala kanaan tattaafattu kana qaamoleen bulchiinsaa sadarkaan jiran deggarsa akkamii sii taasisu?
Daanaa: Lakki, hanga ammaatti qaamni bulchiinsaa deggarsa naa taasise hinjiru. Guyyuma tokkollee dhufanii maal si gargaarru jedhaniillee hinbeekan. Qaamni afaanumaanillee na dubbise hinjiru. Abbaa kanaayyuu naan jedhanii hinbeekan. Rabbi garuu na gargaareera.
Ani otoo isaan hamileen na jabeessuurraa eegalee na faana dhaabatanii akka malee natti tola. Kanaaf ammas na duukaa dhaabadhaa, na onnachiishaan jedhaan. Hojiidhuma kanaanin ijoollee shan guddisaafi barsiisaa jira. Haati warraa koos hojii hinqabdu. Anaafi haadha warraa koo dabalatee gara namoota saddeetii hojiidhuma kanaanin gargaaraa jira.
Bariisaa: Har’as akkuma kaleessaa dhagaa walirra naqxee irratti olbaatee hojjetta moo waanti sii fooyya’e jira?
Daanaa: Amma galata Waaqaa hiriyaan koo Doktar Firaa’ol Waaqoo jedhamu waa’ee koo feesbuukiirratti gadi lakkisee hanga tokko gargaarsa argadheera. Teessoowwan ammayyaa lama naa bitamaniiru. Akkasumas motoran ittiin socho’u naa bitaniiru. Hojii koo kana caalaatti cimsee, haalliifi bakkin ittihojjedhus akka naa mijatuuf otoon gargaarsa argadheen jedha.
Bariisaa: Ati haala kanaan hojjettee jireenya keefi maatii kee hogganaa jirtaatii dargaggoota kaaniif maal dhaamta mee?
Daanaa: Ani waanti guddaan dhaamuuf dargaggoonni baay’een hojii tuffatu. Tokko tokko harkuma maratee taa’a. Kaanimmoo waan ittiin hojjetu dhabee rakkata. Bakka araadawwan adda addaa deemuun waan hamtuus bara. Akka kun hintaaneef mootummaan dargaggoota addaan baafatee haala liqiifi qusannoo mijeesuufii qaban jedha.
Dargaggoonnis hojii tuffachuu dhiisanii hojiidhuma argatanirratti bobba’uu qabu. Gadi jedhanii hojjechuu baruu qabu. Kanaaf ammoo ana akka fakkeenyaatti fudhachuu qabu. Ani miidhamaa qaamaati jedhee hinteenye. Kunoo hojjedheen ofis maatii koos jiraachisaa jira.
Bariisaa: Maamila tokkoof qarshii meeqaan rifeensa sirreessitaaf?
Daanaa: Areeda wajjin qarshii 35 hanga 40n kanfalchiisa. Areedni qofaatti qarshii 20,Rifeensi 35. Yoo areeda waliin ta’e qarshuma shan qofa dabaleen qarshii 40 kanfalchiisa.
Bariisaa: Humna elektirikii akkamiin fayyadamta?
Daanaa: Elektirikii kanallee qaama mootummaatti iyyadheen deebii dhabe. Ollaadhumarraa fudheen fayyadamaa jira. Warri mootummaa kanaan dura gaafadhee poolii waliin qarshii kuma shan kanfali naan jedhan. Yeroo sana ani barataadha, amma ammoo waanin maatii qabuuf danda’ee qarshii kuma shan hin kanfalun jedheen. Silaa otoo mootummaan lakkooftuu naa galchee akkan hojii kana fooyyeffadhuuf otoo na gargaaraniin jedha.
Bariisaa: Humna ibsaa fayyadamtu kanaaf warra irraa fudhatteef ji’aan qarshii meeqa kanfalaa jirta?
Daanaa: Ji’aan qarshii 50, yeroon qarshii 80 kanfalus jira.
Bariisaa: Manni rifeensaa bishaan barbaadaatii inni hoo akkami?
Daanaa: Bishaanis akka malee rakkisaadha. Bishaan jaarikaana tokko botteerraa qarshii torbaanin bita.
Bariisaa: Maamiloonni kee dargaggoota moo namoota guguddoodha?
Daanaa: Lamaanuu waluma keessa.
Bariisaa: Hojii kana keessatti gargaarsi haadha warraa kee akkamitti ibsama? Maqaanshii hoo eenyu jedhama?
Daanaa: Maqaanshii Moominaa Danaa jedhama. Haati warra kiyya tun baay’ee cimtuudha. Wayaa mana rifeensaatti ittifayyadamu miiccuufi iddoon itti hojjedhu qulqulleessuurraa kaasee wajjumaan hojjenna jechuun ni danda’ama. Mi’a hojii ganama baasuufi galchuu fa’iin daran na gargaaraa jirti.
Bariisaa: Ijoolleen kee barachaa jiru jettee?
Daanaa: Eeyyee barachaa jiru. Dubartiin Munaa Bakuree jedhaman waa’ee koo feesbuukiirraa arganii ijoollee kee hanga yunivarsitiitti siifan barsiisa jechuun ijoollee sadii naa barsiisaa jiru. Intalli hangafti kutaa shanaffaa barachaa jirti.
Bariisaa: Akeekni kee egeree maalinni?
Daanaa: Otoo haalli naa mijatee barnoota “Human resource management” jedhamu barachuun barbaada. Barumsa kana jalqabeen addaan kute. Ammas fedhiifi karoorri koo tokkoffaan barumsicha ittifufuudha. Lammaffaan, hojii koo kana babal’isee maatii koo sirnaan gargaaruudha.
Bariisaa: Dhaamsa yoo qabaatte?
Daanaa: Duraan dursee warra na gargaaraniifi na maddii dhaabatan hunda guddiseen galateeffadha. Waaqi isaan haa gargaarun jedha. Waaqi isaanii haa kennun jedha. Mana jireenyaa ijaarrachuuf jedhee waa na hanqatte isa gargaaramuun barbaada. Kanaaf warri kanaan dura haala koo hindhageenyes ta’e warri na gargaaruuf waadaa galtanii turtan na maddii dhaabadhaa, ulfaadhaa, horaa bulaa deebanaan jedha.
Yaadni maamillisaa kennemmoo:
Bariisaa: Walhaa barru mee? Eessatti dhalatte? Maalis hojjetaa jirta? Daanaadhaan hoo akkamitti walbartan?
Doktar Firaa’ol: Doktar Firaa’ol Waaqoo Duubaan jedhama. Kanin dhaladhee guddadhe Magaalaa Yaaballootti. Ammaan tana ogeessa fayyaa beeladaa ta’een tajaajilaa jira. Daanaa Magaalaadhuma Yaaballoottiin beeka. Anis yeroo ijoollummaatti isa birattin rifeensa koo cirachaa (sirreeffataa) ture. Yeroo sun yeroo maashiniin akka ammaa hinturreefi tondosiidhaan ciramaa turetti.
Bariisaa: Ogummaa Daanaan rifeensa sirreessuurratti qabu akkamitti ibsita?
Doktar Firaa’ol: Daanaan hojicharratti ogummaa sirriitti qaba; daran cimaadhas.
Bariisaa: Namni hojiidhaaf haamilee cimaafi kaka’umsa olaanaa qabu kun akkamiin deggaramuu qaba jetta?
Doktar Firaa’ol: Maal seete namoota akkasii gargaaruun hojiisaatiif qofa otoo hintaane , miidhamtoota qaamaatiif qofa otoo hintaane inni nama dargaggoota qaama guutuu qaban hedduun fakkeenya ta’uudha.
Kanaaf namoota akkanaa dhaabbileen mootummaas ta’e mitimootummaa jajjabeessuufi deggaruun gaariidha jedheen yaada. Nuti gama keenyaan karaa miidiyaa hawaasaa motoraafi meeshaalee mana keessaafaa binneerraaf.
Bariisaa: Waanti inni akkan hanqinaatti kaasaa ture yoo jiraate?
Doktar Firaa’ol: Kan inni jechaa ture meeshaaleen mana rifeensaa akka guutamaniifiidha. Mukarra taa’ee hojjeta. Manni rifeensaasaas daran dhiphaa waan ta’eef teessoowwan lama caalaa hinqabatu. Meeshaa ittiin hojjetuufi bakka hojiisaa mijeessuufiidha gargaarsi isa barbaachisu.
Nutis qarshii walitti buusnee meeshaalee akka maashiniifaa binneerraaf. Teessoo wiilcharii rifeensa ciruuf oliifi gadi deemu kan dhaabbanni tokko nuu arjoome kennineerraaf. Mana rifeensaa isaaf ijaaruuf qarshii walittiqabaafi qophii gochaa jirra.
Walumaagalatti namoota akkanaa haa jajjabeessinu. Nuti qarshii hammana ga’u karaa miidiyaa hawaasaa sassaabnee deggarsaaf oolchine. Hawaasni keenya namoota akkanaa miidiyaalee hawaasaarratti beeksisuu qaba, hojii deggarsaarratti hirmaachuus haa aadeffannu, walhaa jajjabeessinu.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 15 Bara 2015