Godinni Arsii Lixaa, godinaalee Oromiyaan qabdu keessaa isa tokkoofi qabeenya uumamaa hedduu qabaachuun beekama. Godinichi iddoowwan hawwata turizimiif oolan 142fi ardaalee jilaa 58 qabaachuun godina uumaan badhaaseedha.
Arsiin Lixaa qabeenya hawata turizimiif oolan dinagdee godinichaa dabaluurra darbee maqaa godinichaa sadarkaa idil-addunyaatti qabeenya uumamaan beeksisan hedduutu godinichatti argama.
Lageen, gaarreen, haroowwan, allaattiiwwan, fincaa’aa, bineensota bosonaa kanneen ilaalamanii hinquufamne qabaachuun godina beekamuudha.
Dubbistoota keenya kabajamoo, iddoowwan hawata turizimiitiif oolan kan godinichi qabu hunda yeroo tokkoon dhiyeessuun ulfaataa waan ta’eef, isaan keessaa bineensa bosonaa addunyaa keessaa kan Arsii Lixaa qofatti argamu, waa’ee Qorkee isinii dhiyeessina.
Bineensi bosonaa Qorkee jedhamu kan argamu naannoo godinichaa, Aanaa Siraarootti yoo ta’u, Finfinneerraa kiiloomeetira 254 fagaatee kan argamuufi magaalaa Shaashamanneerraa kiiloomeetira 54 fagaatee argama. Dawoon kun hawata turizimii qabaachuun galii hedduus argamsiisaa jira.
Bineensi bosonaa kun kan jiraatu paarkii keessa yommuu ta’u, paarkichi paarkii dawoo Qorkee Siinqillee jedhama. Paarkichi gandoota qonnaan bulaa aanichaa jahaan marfamee kallattii kibba bahaatti argama. Paarkiin kun kan hundeeffame bara 1964 yoo ta’u, bal’inni lafasaa km2 54 ta’a. Kaayyoo guddaan paarkichi hundeeffameef bineensa Qorkee jedhamee beekamuuf kunuunsa gochuufi badii irraa baraaruufi. Paarkichi biyya keenyatti seenaa dheeraa kan qabu yoo ta’u, hawataafi sulula keessatti argama.
Akka seenaan mul’isutti Qorkeen biyya keenya qofatti argamuu kan qorate nama biyya Ingilizii “Swine” jedhamuudha. Namni lammii Ingiliz kun nama yeroo jalqabaatiif Qorkeen Itoophiyaa qofatti akka argamu mirkaneesseedha.
Yeroo kufaatii mootummaa Dargiirraa eegalee xiyyeeffannoon kunuunsa Qorkeetiif kennamuu eegale. Isa dura bineensa kanaaf xiyyeeffannoon hinkennamne ture. Haa ta’uu malee xiyyeeffannoo mootummaafi ummataa kunuunsaafi ilaalcha bineensa bosonaa kanaaf qaban dabalaa dhufeera.
Bara 1983 yeroo mootummaan Dargii kufu baay’inni Qorkee kuma sadiitu paarkichatti argama ture. Yeroo sanitti hawaasni Qorkee jiru kunuunsuu dhiisee adamsuudhaan ajjeesee soorataa ture. Booda abbootiin Gadaa naannichaa Qorkee badiirraa baraaruuf seera tumanii akka hinajjeefamne murteessan.
Akka tumaa seera abbootii Gadaatti Qorkeen akka gosa tokkootti kan ilaalamuufi ajjeesuun yakkamaa nama taasisa. Namni Qorkee ajjeese akka lubbuu namaa ajjeesetti ilaalama. Nama ajjeesuun kan hindanda’amneefi kan ajjeese akka aadaa Oromootti akkuma gumaa baasuufi kaffalu namni qorkee ajjeeses akka lubbuu namaa ajjeesetti kan madaalamuufi yoo ajjeesee argame yakkamaafi loon 100n kan fixatuudha.
Aadaan Oromoo naannawichaa jireenyaa Qorkeetiif bu’aa kan buuseefi seerri Gadaa jiraachuun bineensichaaf waardiyaa ta’uurra darbee baay’innisaas dabaleera.
Ilaalchi hawaasni naannawichaa Qorkeef qabu yeroo ammaa dabaluurraa kan ka’e akka dhala ofiitti kunuunsuun badiirraa baraaraa jira.
Qorkeen Siinqilee iddoowwan hawata turiizimiitiif oolan kanneen Itoophiyaan qabdu keessaa sadarkaa 5ffaa irratti kan argamuufi daaw’attoota biyya keessaafi alaatiin kan leellifamuudha. Keessumaa waggaatti biyya alaa qofarraa namoota kuma lamaafi 400 oltu daaw’ata.
Qabeenyi dilbii akka addunyaatti ittiin beekamnu kun dhalootarraa dhalootatti akka darbuuf lammiin hundi kunuunsa barbaachisu taasisuu kan qabuufi mootummaanis qabeenyichaaf xiyyeeffannoo kennuu qaba jechuun Waajjirri Kominikeeshinii Godina Arsii Lixaa eereera.
BARIISAA SANBATAA Mudde 15 Bara 2015