“Waancaan kilaboota Addunyaa waggaa sadii booda ni eegalama” – FIFA

Taphni waancaa kilaboota addunyaa haaraan kun bara 2025tti kan eegalamu ta’uu kan ibse Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa (FIFAn), waliigalaan gareewwan 32 kan hirmaatan yemmuu ta’u, isaan keessaa gareewwan 12 kootaa Afrikaa ta’uunis himeera.

Jala bultii xumura tapha waancaa addunyaa bara 2022 irratti kana kan ibsan Pirezidaantiin FIFA Anfantinoon, erga gara hoggansa dhaabbata kanaatti dhufanii booda tarkaanfiiwwan hirmaannaa Ardiin Afrikaa argachuu qabdurratti fudhataniin jajamaa jiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015

Recommended For You