Taphni Waancaa Addunyaa bara 2022 boru Arjeentinaafi Faransaay giddutti gaggeeffama

Finfinfinnee: Waancaa kubbaa miilaa isa qaalii doolaarri Ameerikaa 220 itti bahe, kan Isteediyeemiiwwan gurguddooniifi erga taphicha keessummeessaniin booda diiggamanii faayidaa biraatiif oolan itti hojjataman, yeroo gabaabaa keessatti hojiiwwan gurguddoon itti raawwataman waancaa addunyaa isa addaati.

Jalqabarraa kaasee gaafa qopheessummaan Waancaa Addunyaa 22ffaan Qaataariif kennamu biyyootni lixaa hedduun mormaa kan turan ta’us, biyyiti xiqqoon hamileefi mul’ata guddaa qabdu Qaataar, waan Addunyaan hinyaadne hojjattee warra ishee tuffachaa tures afaan qabsiifte.

Sarba mirga namoomaa Qaataar dabalatee biyyoota Arabaa garaa garaatti raawwatamu jedhamanii odeeffaman balaaleeffachuuf afaan qabatanii taphicha kan eegalan Jarmaan faan, akkuma afaan qabataniin marsaa duraarratti mo’amanii gara Awurooppaatti deebi’uuf dirqaman.

Gareewwan biyyaaleessaa gurguddoo waancaa kana injifachuuf eegaman yeroodhaan gara biyyasaaniitti erguun kan eegale taphni waancaa Addunyaa baranaa, biyyoota kanaan dura tilmaama hinarganne kanneen akka Morokoofaa immoo seenaa haaraa galmeessisuudhaan hanga walakkaa xumuratti geesseedha.

Tapha hawwataafi hineeggamneen tapha waancaa Addunyaa baranaarratti iftee kan mul’atte bakka buutuun Afrikaa Morokoon, tapha walakkaa xumuraatti dandeettii dhabdee osoo hintaane, carraan isaan waliin waan hinturreef waancaa jala geessee dhaabbatte.

Tapha hanga ammaatti marsaalee garaa garaatti taasifamaa tureen waancaaf kan ga’an Arjeentinaafi Faransaay, waancaa yeroo jalqabaatiif biyyoota Arabaatti biyyattii xiqqoodhaan gatii qaalii ta’een qophaa’e kana moo’achuudhaaf bor morkii cimaa akka taasisantu eeggama.

Shaakalarratti miidhaan xiqqaan isarra ga’ee kan ture utubaan garee biyyaaleessa Arjeentinaa Li’onel Messiin, tapha waancaa bor adeemsifamurratti ni hirmaata jedhamee eegama.

Taphi sadarkaa ammoo har’a galgala Morookoofi Kirooshiyaa gidduutti kan adeemsifamu ta’a.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015

Recommended For You