Jimmatti sosochii ispoortii hundaa

Jimma: Magaalaa Jimmaatti sosochiin ispoortii hundaa bakka sadarkaa pirezidaantii ittaanaatti qindeessaan kilaastara magaalota Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuufi kantiibaa Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa dabalatee hoggantoonni naannoo Oromiyaafi magaalattii argamanitti gaggeeffame.

Obbo Najiib saganticharratti haasaa taasisaniin ispoortiin nageenyaaf, hariiroo cimsuufi jaalalaaf barbaachisaa ta’uu ibsan.

Akkasumas ispoortiin fayyaadhaaf murteessaa ta’uu himanii, ispoortiin araadawwan garagaraarraa kan bilisa nama baasu ta’uu eeraniiru. Sochii ispoortii hundaa idileessuun ittifufsiisuurratti tumsa akka taasisanis Obbo Najiib ibsaniiru.

Obbo Masfin gamasaaniitiin ispoortiin hundaa Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jiru baay’ee gaarii ta’uufi magaalota birootiifis fakkeenya ta’uu dubbataniiru. Sochiin ispoortii haala gaariin gaggeeffamaa jiru kun jajjabeeffamuu akka qabuufi cimee akka ittifufu dhaamaniiru jechuun Waajjirri Kominikeeshinii Magaalaa Jimmaa odeeffannoo Bariisaaf ergeen eereera.

BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015

Recommended For You