Hojii tola ooltummaa namoota dhuunfaarraa gara mootummaatti guddachaa jiru

Yeroonsaa akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1859 ture kan waraanni hamaan tokko biyyoota Awurooppaa Lixaa jidduutti adeemsifamee lubbuu namoota hedduu dabarsuuniifi du’aa immoo awwaalcha malee irbaata allaattii taasisuusaatiin dhaabbanni gargaarsaa yeroo ammaa akka addunyaatti beekkamaa ta’e tokko hundeeffamuusaatiif sababa kan ta’e.

Faransaayiifi Xaaliyaaniin garee tokko ta’uudhaan Ostiriyaarratti waraana bananiin akka yaadanitti Ostiriyaa salphatti injifachuuf garuu carraan isaan waliin hinturre. Inumaayyuu haleellaan hin eeggamne biyyattii xiqqoofi qaroominaanis Faransaayinis ta’e Xaaliyaaniin hin madaalamne Ostiriyaarraa isaan mudateen lubbuun humnoota nageenyaa biyyoota sanaa akka baalaatti harca’aniiru.

Waraana hamaafi ulfaataa yeroo jalqabaatiif Awurooppanota lixaa gidduutti taasifamee ture sanaanis lubbuun hedduu harcaatee, miidhamaan yaala dhabeefi daandirra ciisee gidiraa argu qalbii namootaa cabsee hamilee buuse.

Rakkoo waraanaa ulfaataa ummata Awurooppaa giddutti taasifameen lubbuu namaa akka baalaatti harcaatuufi nama waraanichaan madaa’ee yaala dhabe daandirratti hiraaru kan arge dhalataan Awurooppaa lammii biyya Siwiizerlaandi Henerii Dunaa, dhimma dura imalaa tureef dhiisuudhaan lammiilee daandiirratti rakkachaa turan gargaaruudhaaf murteeffate.

Loltoota garee Faransaayis ta’e kan Ostiriyaa isa waraanichaan dhahamee miidhaan irra qaqqabe hunda ija tokkoon ilaaluudhaan loogii tokkoon alatti yaala argatanii lubbuunsaanis akka baraaramu taasisuu danda’e. Iddoowwan waraana sanaan gar malee miidhaman keessaa ishee tokko kan taate mandara Solfaariinoo jedhamtu yemmuu taatu, Heneriinis hojiisaa tokko jedhee kan eegale mandaruma sanatti jiraattota mandarichaa hirmaachisuudhaan ture.

Erga hojii tola ooltummaa sanaan dura hinbaramne sana lammiilee waraanarratti miidhaman gargaaruun gara biyyasaatti kan deebi’e Heneriin, gara biyyaatti galus gadadoon iddoo waraanichaatti argeefi namootni miidhamanii daandirratti gidiraa argaa turan sammuusaa keessaa bahuu didee hirriba isa dhorke.

Kanarraa ka’uudhaanis bara 1882tti kitaaba seenaa waraanichaafi miidhaa achirratti turan hammate ‘Yaadannoo Solfarino’ jedhamu barreessee ummataaf dhiheesse. Kitaabicharrattis loltoota yeroo waraanaatti miidhamuu danda’an bayyanachiisuu ilaalchisee yaadota sadii dhiheesse. Isaanis:

1, Loltoota waraanarratti miidhaman hunda ija tokkoon kan ilaaluufi hundaafuu deeggarsa yaalaa kan taasisan waldaaleen tola ooltotaa biyyoota hundatti akka hundeeffaman,

2,Tola ooltota adda waraanaatti argamuudhaan loltoota gamaafi gamanaatiifis yaalii lubbuu baraaruu taasisaniif immoo eeggumsi akka taasifamuuf seerri biyyooleessaa akka ragga’uufi

3, Tola ooltota hojii lubbuu baraaruu adda waraanaatti raawwatan kana miidhaa jalaa oolchuuf immoo mallattoon biyyoolessaa tokko qophaa’uufi akka qabu kan akeeku ture.

Akeeka kanaanis hojiin tola ooltummaa akka Addunyaatti eegaluu qofaa osoo hin taane, dhagaan bu’uraa Heneriin Solfaarinoo irratti kaa’e sun, hundaa’uu waldaa Fannoo Diimaatiif bu’ura ta’uu danda’eera. Yaada murtii inni kitaabasaa keessatti eererraa ka’amuudhaanis yeroo ammaa biyyootni hundi waldaa tola ooltotaa loltoota gamaafi gamanaanis waraanicha keessatti miidhaman ija tokkoofi loogii tokko malee tajaajiluunis hojii baramaafi lubbuu namoota hedduus baraaraa jiruudha.

Hojiin tola oolaa lammii biyya Siwiizerlaandiin eegale kun immoo boodderratti babal’ataa waldaaleen hedduu akka hundeeffaman qofaa osoo hintaane, isaanis of jalatti miseensota tola ooltota miiliyoonatti laakka’aman horachaa sadarkaa har’a irra jirurra ga’eera.

Guyyaan tola ooltummaa akka Addunyaatti Mudde 3 kabajamu immoo waa’ee hojii fakkeenyummaa nama kanaa duubatti deebinee akka yaadannuuf kan nu kakaasu qofaa osoo hintaane, akka biyyaattis tola ooltota hedduu horachuuf kan nama gargaaruudha.

Waggoota 13 darbaniif miseensa Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa ta’uudhaan hojiiwwan tola ooltummaa garaa garaarratti hirmaachaa turuu kan himu Dargaggoo Abeel Kabbadaa, iddoon dhalootaafi tajaajila tola ooltummaa kana itti raawwachaa jiru immoo Naannoo Amaaraa Godina Walloo kibbaa ta’uu dubbata.

Hojiin tola ooltummaa hojii kaffaltiin hojjatamu caalaa boqonnaa sammuu kan namaaf kennu ta’uu kan ibsu dargaggoon kun, erga miseensa waldaa Fannoo Dimaa Itoophiyaa ta’eefi hojii tola ooltummaarratti bobba’uu eegalee yeroo mara nama rakkate deggaruuniifi nama miidhameef deggarsa yaalaa duraa kennuun kan isa gammachiisu ta’uu hima.

Akka yaada Dargaggoo kanaatti, hojiin tola ooltummaa gama Waldaa Fannoo Diimaatiin hojjatamu yeroo waraanaa, hoongee, taphattooni kubbaa miidhaaman akkasumas namoota hiriirra nagaarratti miidhamuu danda’an deeggaruurratti kan xiyyeeffateedha.

Nutis hojiiwwan akkanaa erga yeroo dheeraa hojjachaa turr`een booda yeroo ammaa hojiiwwan tola ooltummaa kanneen biroos itti dabaluudhaan hawaasaaf tajaajila tola oolummaa gara garaa kennaa jirra jedha.

Namoota harka qalleeyyiifi nama isaan gargaaru hinqabne adda baasuudhaan walqindeessinee maallaqa namootarraa walitti qabuudhaan akka isaan of gargaaran taasisuu, namoota dhibamanii nama yaalu hinqabneefi mana yaalaa dhaquu dadhabaniifis ogeeyyota yaalaa hojii tola ooltummaa kanarratti hirmaachisuudhaan akka isaan yaala barbaachisaa ta’e argataniif haala mijeessuun, maanguddoota humna hinqabneefi mana jireenyaa haaromsuufi yeroo gannaatti immoo barattoota dhaabbilee mootummaa garaa garaarraa boqonnaadhaaf gara maatiisaaniitti galan hirmaachisuudhaan barattoota sadarkaa 1ffaafi 2ffaa qo’achiisuun hojiiwwan tola ooltummaa baay’inaan godina keenyatti hojjatamaa turaniidha.

Dabalataanis godinichi waraana kaaba biyyattiitti adeemsifamaa tureen iddoowwan miidhaaf saaxilaman keessaa isa tokko ta’uu kan himu Dargaggoo Abeel, miidhaawwan dhaabbilee gara garaarra ga’e kana deebisanii dhaabuudhaaf sochii taasifamu keessattis dammaqinaan hirmaachaa jiraachuu hima.

Godina Jimmaatti waggoota afran darbaniif miseensa Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa ta’uudhaan hojii tola ooltummaarratti hirmaachaa jiraachuu kan himtu Shamarree Atikaa Mohaammad, tajaajila Ambulaansii kennuun, Gumii Fannoo Diimaa hundeessuudhaan diraamaafi walaloowwan hojiilee tola ooltummaa jajjabeessan dhiheessuun, yeroo taphni kubbaa miilaa jiru immoo meeshaalee yaalii duraatiif barbaachisan guuttachuudhaan Istaadiyeemii Jimmaatti qophaa’anii eeguufi hojiiwwan tola ooltummaa kanneen biroorratti hirmaachaa jiraachuu dubbatti.

Kaka’uumsi dargaggoonni hojii tola ooltummaarratti qaban yerorraa yerootti dabalaa dhufus deggarsi gama Waldaa Fannoo Diimaatiin taasifamu gahaa akka hintaane kan ibsitu shamarreen kun, hojii tola ooltummaarratti yeroo yeroon leenjii barbaachisu kennuu dhabuun, iddoon leenjii jiraachuu dhabamuuniifi yeroo carraan hojii argamutti immoo dargaggoota miseensa waldichaa ta’anii hojii tola ooltummaarratti tajaajilaa turaniif dursa kennuu dhabuun wantoota sirrachuu qaban ta’uu himti.

Akka yaada shamarree kanaatti, namni tokko hojii tola ooltummaarratti kan hirmaatuuf boru achitti carraa hojii nan argadha jedhee yaadee ta’uu hin qabu. Garuu immoo akka carraa osoo inni achitti hojii tola ooltummaa tajaajilaa jiruu carraan argamee beeksisfni yemmuu bahe garuu namni ulaagaa jedhame sana guutee argame carraa hojii argachuu qaba.

Kanaan alatti hojiin tola ooltummaa kan gammachuu qalbiifi sammuutiif hojjatamu malee kan kaffaltii yookiin bu’aa hinmalle argachuuf yaadamee hojjatamu akka hintaane dubbatti.

Walumaagalatti, tola ooltummaan hojii kaffaltii namaa biraa osoo hintaane Rabbii biraa argachuufi boqonnaa sammuu argachuuf raawwatamuudha. Hojiin tola ooltummaa kaka’umsa namoota muraasaatiin eegalame har’a miiliyoonota hirmaachisuun cimee itti fufeera; gara fuulduraattis daran cimee itti fufuu qaba. Waggoota muraasaa as immoo mootummaanis ji’oota gannaatti hojiiwwan tola ooltummaa garaa garaa raawwachuu eegaluunis kaka’uumsa gaariifi tajaajila tola ooltummaa kan dagaagsuudha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 8 Bara 2015

Recommended For You