Waancaan Addunyaa baranaatiin kilaboota guguddoo nuusa xumuraatiif darban gidduutti falmii guddaatu eegama

Finfinnee: Boqonnaa guyyoota lamaatiin booda har’a galgala taphatamu nuusni xumuraa kun, Biraaazil Kirooshiyaa waliin yemmuu morkattu, biyyi taphataa Addunyaa cimaa (Leonel Messi) Arjantinaan immoo Netharlaandi waliin morkii cimaa akka taasisantu eegama.

Biraazil tapha gatanii darbuutiin Kooriyaa Kibbaa, kirooshiyaafi Jaappaaniin injifachuudhaan nuusa xumuraatiif kan geese yemmuu taatu, waancaa Addunyaa baranaa irratti kilaboota waancicha ni nyaatu jedhamanii eegaman keessaa ishee tokko ta’uu tilmaamamaa jira.

Waancaa kubbaa miilaa addunyaa kanaan dura bara 2014tti qopheessiterratti tapha gatanii darbuutiin Kirooshiyaa galcha 3:1 injifachuunshee ni yaadatama.

Arjatinaan Awustiraaliyaa injifachuun tapha nuusa xumuraatiif yemmuu qaqqabdu, Neezarlaandi immoo Ameerikaa injifachuudhaan tapha nuusa xumuraatiif darbitee eda taphataniiru.

Waancaa Addunyaa bara 2004 Jarman qopheessiterratti garee 3ffaa irratti walargachuudhaan galchii malee walqixa bahuunsaanii ni yaadatama.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Mudde 1 Bara 2015

Recommended For You