Addunyaan kun buburreedha. Kaaniif haalonni dhalootarraa kaasee mijataaf. Tokko tokkoof ammoo akka waan dhala buddeenaa duuniyaan fuula irraa galagalfattee rakkoodhaan marfamee jiraachuuf dirqama. Gaafa tokko jedhu, kan biraa, kana darbe jedhee yommuu gammadu qorumsa biraatu dabareen ittiwalfura. Baay’een namootaa rakkoolee isaan mudataniif harka kennachuun gadadoofi dhiphina keessatti yoo hafan muraasni garuu xaxaa jireenyaa injifachuun milkaa’inarra yommuu qaqqaban agarra.
Dargaggoo Girmaa Dhaabaa nama bu’aa ba’ii jireenyaa hedduu keessa darbe yoo ta’u, horii dhabuu, qormaata biyyaalessaa darbuu dhabuufi dhukkubni kaleefi onnee imala milkaa’inaasaarraa osoo hindangeessiniin of gargaaree baratee dhiheenya kana Yunivarsiitii Walaayittaa Sooddoorraa Ogummaa Faarmaasiitiin kan eebbifame yoo ta’u, kanaanis qabxii waliigalaa 3.95 fiduun badhaafamaa meedaaliyaafi waancaa ta’eera. Nutis seenaa dargaggeessa kanaa akka ittaanutti dhiyeessineerra.
Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee (GAONF), Aanaa Muloo, Ganda Baadiyyaa Muloo Silootti bara 1980 kan dhalate Girmaan, maatii harka qal’eessarraa baadiyaatti waan dhalateef barnootasaallee erga umuriin guddatee eegale. Umuriisaa waggaa 13tti qonnaan bultoota wajjin barnoota ga’eessotaa barachuun bara 1994 Mana Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa Muloo Filoo seenee kutaa tokkoffaadhaa hanga afraffaatti barachuu ibsa.
Barnoota sadarkaa giddugaleessaa ammoo Mana Barnootaa maqaaisaa duraan Sanyoo Gabayaa ammammoo Dhaloota Qubee jedhamu seenuun kutaa shanaffaa hanga saddeettaffaatti kan barate ta’uu eeree, barnoota sadarkaa tokkoffaa marsaa duraafi marsaa lammaffaatiin barataa qaxalee akka tureefi dareesaarraa akkasumas akka mana barnootaattillee tokkoffaa ba’aa turuu hima. Qormaata Naannoo kutaa saddeettaffaas parsantaayilii 99.9, qabxii giddugaleessaa (average) ammoo 89 fiduun gara barnoota sadarkaa lammaffaatti darbee Mana Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa (Sanyoo Gabayaa) Barii Bilisummaatti barnootasaa ittifufuu ibsa.
Akka Dargaggoo Girmaan jedhuutti, sadarkaa lammaffaattis qaxalummaansaa ittifufuun Qormaata Biyyaalessaa kutaa 10ffaa bara 2003 fudhachuun akaakuuwwan barnootaa sagal ‘A’, tokkommoo ‘B’ fiduun qabxii 4.00 galmeessisee gara sadarkaa qophaa’inaatti darbuun Magaalaa Caancoo, Mana Barnootaa Abbaa Gadaatti Muummee Saayinsii Uumamaatiin kutaa 11ffaafi 12ffaa barateera. Kutaawwan kanneenittis barataa sadarkaa ta’ullee Qormaata Seensa Yunivarsiitii garuu yeroo lamaaf darbuu hindandeenye. Isa jalqabaatiin 700 keessaa 298, yeroo lammaffaa ammo 267 fideera.
“Ta’us osoon abdii hinkutatiin yeroo sadaffaaf yaaluun qabxii 501 fiduun yunivarsiitii seenee akaakuu barnootaa fayyaa jalatti Ogummaa Faarmaasiitiin eebbifameera. Turtii waggoota afurii keessattis jabaadhee barachuun qabxii olaanaa galmeesiseera. Waggaa tokkoffaatti akaakuu barnootaa hunda ‘A+’ galmeessisuun qabxii 4.00, waggaa lammaffaa ammoo waan na dhukkubee tureef qabxii 3.8, waggaa sadaffaatti ammas hunda ‘A+’ fiduun qabxii 4.00 akkasumas waggaa afraffaatti akaakuu barnootaa harka caalu ‘A’ fideera. Waliigalas A+ 37 fiduun qabxii 3.95n eebbifamuun dippaartimantiirraa tokkoffaa ta’uun meedaaliyaa warqii, akka kolleejjiitti ammoo dippaartimantii hundarraa tokkoffaa ba’uun waancaa badhaafameera” jedha.
Barnootasaa sadarkaa tokkoffaarraa kaasee yommuu baratu gargaarsa maatii kan hinqabne dargaggoon kun haalota garagaraatiin of gargaaraa akka barate hima. Hanga kutaa 6ffaatti guyyaa walakkaa barachaa, guyyaa walakkaammoo qonna qotaa kan barate ta’uufi kutaa 7ffaa-10ffaatti ammoo barattoota maatiin dureeyyii qo’achiisuun of gargaaraafi deeggarsa firootasaa muraasaan akka barate dubbata.
Yommuu gara sadarkaa qophaa’inaatti darbu ammoo sababa dhukkubaatiin barattoota qo’achiisuu waan dhaabeef jireenyi daran itti ulfaatee akka ture yaadatee, kanas gargaarsa barattoota, bariisoota, hojjettoota mootummaafi firoonnisaa taasisaniifiin barnootasaa xumuruu hima.
Ta’us qabxiin kutaa 12ffaa dhufeef gadaanaa waan tureef gara baadiyyaatti deebi’uun hojii waardiyyummaa hojjechuun qo’achaa akka ture kaasa. Ta’us qarshiin mindaa waardiyyummaatiin argatu waan isa jiraachisuu hindandeenyeef halkan eegaa, guyyaammoo hojii humnaa hojjechuuf dirqamuusaafi ba’aa namaaf baachuun, meeshaa konkolaataarraa buusuufi mana simintoo keessa hojjechuun jireenya dhiibaa akka ture dubbata.
“Haala kanaan yommuun yunivarsiitii seenu sababan hojii ulfaataa hojjechaa tureef dhukkubni kalee na qabate. Kanaanis waggaa lammaffaarraa kaasee waanin barnootakoo barachuu hindandeenyeef addaan kutee Finfinnee, Hospitaala Xiqur Anbassaa riifariidhaan dhufee yaalamuuf dirqame. Kana keessattis gargaarsi namootaa hedduu ture.
Yunivarsiitiin gara qarshii kuma 30, barattoonni yunivarsiitii kuma 14, hiriyoonnikoo na waliin baratanii hojii qaban kuma 13, ummanni aanaa Muloo qarshii kuma 23, akkasumas ummanni Aanaa Sulultaafi Magaalaa Caancoo, manneen barnootaafi namoonni biyya alaa jiran na gargaaruun gara qarshii kuma 80 olii baasee wal’aanamee fayyeera” jedha.
Akka Dargaggoo Girmaan nutti himetti, erga gara barnootasaatti deebi’ee waggaa sadaffaa barachuu eegaleemmoo dhukkuba onneellee qabaachuu bare. Dhukkubni kalees akka garaasaatti ba’ee galuuf, mana kitaabaa seenee dubbisuuf daran isa rakkisaa ture. Sa’aatii dheeraa taa’uu waan hindandeenyeef yommuu mana kitaabaa seenullee dhaabatee dubbisaa ture.
Yommuu daree seenuus haala barbaadamuun daree keessa taa’ee barnootasaa hordofuu hindandeenye. Dhukkuba kaleef jecha guyyaatti bishaan liitira ja’aa ol dhugaa waan tureef daree keessas ta’u yommuu lafa ciisichaa taa’ee dubbisu fincaan ammaa amma waan isa qabuuf rakkataa tureera. Darbees nyaanni yunivarsiiticha keessatti sooratullee isa yaaddessaa tureera. Akka alaa hin nyaanneef ammoo qarshii of harkaa dhabuun yaaddoosaa isa cimaa ture.
Haalota kanneen keessatti qabxii olaanaa kan galmeessise dargaggoon kun, utuu rakkoolee kanneeniif hinsaaxilamne ta’ee kana caalaa galmeessisuu akka danda’u dubbata. Yeroo mara kaayyoosaa gara fuulduraa ilaaluun “ni darba, nan xumura, bakka guddaas nan ga’a” jechuun akka barataa ture eeree, keessumaa yeroo qabutti haalaan fayyadamuusaatiin qabxii gaarii galmeesisuu hima.
Yeroo qabutti bashannanuufi taphachuu caalaa dubbisuutiin akka dabarsuufi wantootaaf xiyyeeffannaa olaanaa akka kennu kaasa. Daree keessattis waan hingalleef gonkumaa osoo hingaafatiin bira akka hindabarre, barattoota isa dura jiranillee akka gaafatuufi waan barnootaan walqabatuuf aarsaa cimaa kan kanfalu ta’uu hima.
“Dhalli namaa karaa milkaa’uuf deemurratti qormaata isa qunnamu ni danda’a. Garuu qormaata kamuu kutannoo, tattaaffiifi hamilee cimaadhaan bira nan darba jechuu barbaachisa. Kunis barnoota qofa keessatti osoo hintaane jiruu kamuu keessatti osoo rakkoo nama mudateef hinjilbeenfatiin dabarsuuf carraaquufi fuuldurasaanii yaaduu qabu. Qarreefi qeerroonis kana jireenyakoorraa akka baratanin gorsa. Namni gaafa abdii kutate of duuba deebi’ee waan hamaa yaaduu osoo hintaane haala keessaa itti ba’urratti xiyyeeffachuu qaba” jedha.
Wayita ammaa haalli fayyaasaa sadarkaa fooyya’aarra jiraachuu kan eeru Dargaggoo Girmaan, fuuldurattis ogummaa barateen hawaasasaa tajaajiluuf qophii ta’uu kaasa. Keessumaa hubannoo fayyadama qorichaa hawaasarratti miidiyaa garagaraa fayyadamuun barsiisuu akka yaadu hima. Akkasumas, qorichawwan aadaa qorachuun haala gara qoricha ammayyaatti dhufurratti qorannoo gaggeessuuf karoora akka qabuufi kanaanis biyyattii sadarkaa idil addunyaattillee beeksisuu akka barbaadu ibsa.
Ijoollummaasaatti jalqabarratti doktara ta’uu, yoo ta’uu baatemmoo ogeessa faarmaasii ta’uu hawwuun abjuusaa milkeeffachuuf bu’aa ba’ii ulfaataa hedduu kan dabarse dargaggoo qaxaleen kun, ammas isa barate dafee hojiitti hiikuun ofirra darbee biyyasaallee akka tajaajiluuf deeggarsi meeshaalee teknolojiifi faayinaansii qaama dhimmi ilaallaturraa utuu taasifameefi ogummaafi dandeettii qabuun biyyaaf bu’aa buusuu akka barbaadu kaasa. Kanaafis mootummaa, abbootii qabeenyaa, namoonni dhuunfaa biyya keessaafi alaa akka deeggarsa taasisaniif gaafata.
Dhumarrattis namoota karaalee garagaraatiin hanga yoonaa isa deeggaraa turan hunda galateeffateera.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Mudde 1 Bara 2015