Rakkooleen nageenyaa Itoophiyaa keessatti mudatan haala, sababa, yeroofi akkaataa jijjiirrachuun uumaman yeroo yerootti lubbuu namootaa galaafachaa, qa’eefi qabeenyarraa buqqisaafi qabeenya barbadeessaa rakkoo hamaa qaqqabsiisaniiru.
Keessumaa rakkoo nageenyaa godinaalee Oromiyaa tokko tokkotti mudateen uumameen ajjeechaa, miidhamni qaamaafi buqqaatiin lammiilee siiviilii qaqqabe olaanaa waan ta’eef Mootummaan Federaalaa tarkaanfii hatattamaafi jijjiirama qabatamaa fiduu akka qabu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa bu’aa qorannoo waggaa tokkoo naannichatti adeemsiserraa ka’uun ibseera.
Egaa naannichatti sarbama mirga namummaa Shanee dabalatee qaamoleen maqaa sabaatiin hidhatanii socho’an namoota nagaarratti raawwataniin rakkoo hedduun qaqqabeera. Mootummaanis gama nageenya keessumaa kan godinaalee rakkoo hamaaf saaxilamanii bakkatti deebisuuf dirqamasaa si’aayinaan bahachuurratti harkifannaan ni mul’ata.
Rakkoo uumameen lammiileen lubbuun hafan qe’eesaaniirraa baqatanii bakka biraatti qubatanii hedduu yoo ta’an, kanneeniifis gargaarsa namoomaa qaqqabsiisuuf haalli jiru rakkisaa ta’eera. Kanarraa kan ka’ee daa’imman, dubartoonniifi maanguddoonni rakkoo hamaaf saaxilamaniiru.
Dhimmi kun furmaata hattattamaa waan barbaaduuf akkasumas mootummaan dirqama nageenya lammiilee mirkaneessuu waan qabuuf otoo har’a boru hinjenne xiyyeeffannaan hojjechuu qaba. Olaantummaan seeraa kabajamee nageenyi ummataafi biyyaa akka mirkanaa’uuf yoomiyyuu caalaa hojjechuu qaba.
Lammiileen miidhamanis akka deggarsa argataniif caasaa addaa dhimma kana qindeessuu akkasumas hordofu hundeessuudhaan hojjetamuu qaba. Kanaafis caasaa qaamolee nageenyaa naannichaafi federaalaa, dhaabbileen mootummaafi mitmootummaa akkasumas bakka bu’oota miidhamtootaa of keessatti hammate ijaaruun hatattamaan hojiitti seenamuu qaba.
Haala qabatamaa naannoleen rakkoon nageenyaa itti uumame keessa jiranis otoo butamee harka farreen nageenyaa galee burjaajii biraa hinuumiin dhugaa jiru ummataaf ibsaa deemuun daran murteessaadha.
Dhimmi nageenya kabachiisu hojii qindoominaan hojjetamu waan ta’eef hawaasnis naannawasaa dammaqinaan eeggachuun tattaaffii mootummaan nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf taasisaa jiru keessatti of kennee hirmaachuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Mudde 1 Bara 2015