Doktar Habtaamuu Gabayyoo afaan kan hiikkate Amaariffaan yoo ta’u, fedhii afaan dabalataa barachuu keessoosaatti uumamerraa ka’uun waggoota sadii keessatti Afaan Oromoo baratee sadarkaa kitaaba RIQICHAA: SEERLUGA AFAAN OROMOO barreessuurra ga’eera. Ogeessi fayyaa kun waan namoota baay’eef keessumaa dargaggootaaf fakkeenyummaan eeramu nutti himeera. Turtii gabaabaan isa wajjin taasisne kunooti.
Bariisaa: Walhaa barruutii eessatti dhalattee guddatte mee?
Doktar Habaamuu: Kanin dhaladhee guddadhe Gondar, baadiyyaa keessatti. Kanin baradheefi amma jiraadhu ammoo Finfinneedha. Ogummaadhaan hakiima.
Bariisaa: Ogummaa wal’aansaa kanaan eessa hojjetta?
Doktar Habtaamuu: Kan hojjedhu Hospitaala Phaawuloos, Kolleejii Meedikaalaa Miliniyam keessa.
Bariisaa: Tole. Mee kallattumaan gara waa’ee kitaaba kee RIQICHA jedhamuutti haa ceenuutii kitaaba kana barreessuuf maaltu si kakaase?
Doktar Habtaamuu: RIQICHA akkuma tasaan qopheesse. Eenyumtuu afaan barachuu barbaada. Anis afaan dabalataa baruuf fedhii guddaa qaban ture. Ergan hakiima waliigalaa ta’ee booda yeroon qabaayyu. Kanaaf, yeroo sanatti kan afaanii otoo hintaane kitaabota biroo dubbisaan ture.
Kitaabotan dubbise keessaa ammoo fedhiin afaan biraa barachuu akkuma jirutti ta’ee afaan haa baru jedhee kitaabota galmee jechootaafi konvarseeshinii Afaan Oromoo dubbisaan ture. Jechoonni Afaan Oromoo murtaa’oon haati warraa koo beektus turaniiru. Kanneen ittidabalee yeroon qabutti dabalee jechootan hinbeekne gaafadhee hubachuuttin ce’e. Intarneetiirraa barbaaduunis jechoota Afaan Oromoo danuu argachaan ture. Akkasuma akkas jechaa jechoota baay’ee beeke.
Dhumarratti jechootan beeke sanatti hima ijaaree fayyadamuu hindandeenye. Rakkoon kanaas caasluga afaanichaa waan hinbeekneefi, jedheen kitaaba caasluga afaanota Oromoo, Amaariffaaf Ingiliffaan qophaa’e barbaaduu eegale.
Kitaabota akkanaa barbaadees argachuu hindandeenye. Kanaaf, anis waanin jechoota baay’ee bareef kitaaba dhabuun koo abdii na hinkutachiisne. Gara mana barnootaa afaanii dhaqee baradhe. Akka ijootti kanin baradhe caasluga; Afaan Oromooti. Afaanicha barachuuf fedhii guddaa waanin qabuuf irratti xiyyeeffadhe. Oggaan afaanicha baradhu yaadannoo sirriitti qabachaan ture.
Kanuma kanaan namas gaafachaa, galmee jechootaas dubbisaa, waanin hubadhe irraa barreeffachaan ture. Kanaanis yaadannoon qabadhe daran baay’ate. Lammaffaa namoota akkuma afaanicha babachuu barbaadan rakkoo na mudate isaanis mudachuu waan danda’uuf jecha waan kitaabnis hinjirreef adeemsa keessa kitaaba kana qopheessuu danda’e. Kanaanis hanqina gama kanaan jiru nan fura jedheen kitaaba qopheessuutti seene. Kanas yaadannoon oggaan baradhu qabadhe qindeessuudhaan kitaaba kana qopheesse jechuudha.
Bariisaa: Kitaaba kana qopheessuu keessatti gumaachi wal’aanamtootaafi dubbattoota Afaan Oromoo hoo tureeraa? Yoo jiraate akkamitti ibsama?
Doktar Habtaamuu: Akkuma irranatti eere Afaan Oromoo dubbisuu duraanin jalqabe. Fedhiin afaanicha barachuus kan na keessa bule otoon hojii hinjalqabiini. Sana booda hakimummaan kan mindeeffame Hospitaala Abeetitti, kan Hospitaala Phaawuloos wajjin hojjetu jechuudha.
Yeroon achi hojjechaa turetti kanin hubadhe wal’aanamtoonni baay’een kan dhufan naannawa Finfinneerraayi. Naannawa Finfinneetti ammoo Afaan Oromootu dubbatama. Namoonni Afaan Oromoo qofa dubbatan jiru, Amaariffa hindanda’an jechuudha. Oggaa akkas ta’u namoota afaanicha naa hiikan barbaadeen fayyadamaa ture. Akkuma sitti hime fedhiin Afaan Oromoo barachuuf qabu oggaa ittidabalamu ammoo ergan hojii eegalee rakkoon wal’aanamtootarraa hubadhe waanin jalqabe jabeessee akkan ittifufuuf sababa biraa naa ta’e. Kana booda mana barnootaa afaaniin seene.
Turjumaana fayyadamuus dhiisee ofuma kootii jechuman baradhetti fayyadamuun achi dhaqi, garana, bakka kana… nagaa gaafachuu, jedhee kallattiifaa agarsiisuun eegale. Kunis wal’aanamtoota ni gammachiisa. Afaanicha caalaatti bal’ifadheefi danda’ee turjumaana malee isaan wajjin yoon waliigale ni gammadu. Fedhiin koo akkuma jirutti ta’ee gara mana barnootaa dhaqee barachuun kan eegale sana booda.
Kanaafuu, hospitaala ani keessa hojjedhutti Abeetitti jechuudha, wal’aanamtoonni baay’ee Amaariffa danda’uu dhabuun akka sababa cimaa isa dhumaatti fudhatamuu danda’a.
Bariisaa: Mana barnootaa afaanitti Afaan Oromoo yeroo hammamiif baratte? Kitaaba kana qopheessuuf hoo yeroo hammamii sitti fudhate? Haala akkamii keessa dabarte? Eenyutu si gargaare?
Doktar Habtaamuu: Egaa, Afaan Oromoo ammayyuu barachaan jira. Ergan jalqabee waggaa sadii hincaalu. Sana dura Afaan Oromoo homaa hinbeekuun ture. Ergan afaanichaan walbaree reefu waggaa sadii qofa. Akkuman siin jedhe afaanicha barachuu kanin eegale nama gaafachuudhaani. Kanas haadha warraa koo akkasumas hiriyoota koo darbees intarneetiirraa dubbisuudhaanin eegale.
Kitaaba akkuman siin jedhe baay’inaan kan argachaa ture galmeewwan jechootaafi konvarseehiniiti. Isaanirraa dubbisuu eegale. Kana gara mana barnootaa afaaniin deeme. Kanaaf waggaa sadii afaanicha barachuu keessatti dabarseera jechuudha. Mana barnootaa afaaniitti kaniitti koorsii ji’a sadiin fudhadhe, torbanitti guyyoota sadii, guyyaatti sa’aatii tokko, waliigalaan koorsiin sa’aatiiwwan 36 fudhadhe jechuudha.
Fedhii guddaa waanin qabuuf kaffaleen baradhe. Barumsi garee waan hinturreef dhuunfaadhumaanin baradhe. Kitaabicha kitaaba taasisee dhiyeessuun ergan afaanicha waggaa lamaaf baradhee booda. Ergan mana barnootaa afaaniitti baradhee booda kitaabota caaslugaa Afaan Oromoo argadhe. Kitaabonnin argadhe kunniin Afaan Oromoo qofaan nama afaanicha danda’u qofaaf kanneen qophaa’aniidha.
Namoota afaanicha hinbeekne hinfayyadan jechuudha. Ani garuu ergan afaanicha baradhee booda kitaabota qormaataa kutaa 8ffaa irraa kaasee hanga kutaa 12ffaatti jiran, kan wabiif akka ta’uuf qophaa’aniin dubbisuu eegale. Waanin kitaaba qopheessuu yaadeef galteewwan dabalataa kitaabota kanneenirraa fudhadhe. Kitaabicha qindeessee xumuruuf waggaa tokko natti fudhate. Jildii fuula 260 ta’u qopheesse. Anumti qubeefi caaslugasaa gulaale. Hiriyoota koo wajjin baranneefi Afaan Oromootiin afaansaanii hiikkatanittis kennee gulaalchise. Waan isaan akkan sirreessuufi ittiguutu natti himan ittidabalee gulaallii marsaa lammaffaatiif qopheesse.
Kitaabichi hunda bira jechuunis kan Afaan Oromoo danda’us ta’e hindandeenye harka waan galuuf akka mudaa hinqabaanneef namoota Afaan Oromoofi ogbarruudhaan digrii 2ffaa qabaniin ergan gulaalchiseeti kan maxxanfame.
Bariisaa: Mee gara moggaasa kitaabichaatti haa dhufnuuti maalirraa kaatee RIQICHA jette?
Doktar Habtaamuu: Kan si dhibu jalqabarratti mataduree biraa FURTUU jedhu yaadeen ture. Garuu maqaa kanaan kitaabonni baay’een waan jiraniif isa dhiiseen mataduree hinbaramne biraa barbaaduutti ce’ee RIQICHA kan jedhu naa dhufe. Sababiin kana jedheefis caasluga Afaan Oromoo qofaan qophaa’e warri afaanicha hinbeekne dubbisanii hubachuuf ni rakkatu. Jidduutti akkuma konvarseeshiniifi galmee jechootaa Afaan Oromootiin qophaa’anii caaslugni haala kanaan afaanota sadiin Afaan Oromootiin qophaa’e hinjiru. Caalsuga Afaan Oromoo qofaan qophaa’e dubbisanii hubachuuf jidduutti nama Afaan Oromoo hinbeekneef afaan inni beekuun barreeffamee shaakaluu qaba.
Kana booda gara kitaabota kamuu Afaan Oromootiin barreeffaman ce’uu danda’a. Kanaaf ammoo kanneen lamaan jidduu qaawwi tureera. Gama tokkoon kitaabonni Afaan Oromoo qofaan barreeffaman jiru, gama kaaniin ammoo namoonni afaanicha baruu barbaadan jiru. Kana jidduu qaawwi tureera. Qaawwa kana walitti fiduuf riqichi akka barbaachisu yaadeen kanumarraa ka’ee RIQICHA jedhee moggaase. Namoota Afaan Oromoo barachuu barbaadaniifi kitaabota Afaan Oromootiin qophaa’an jidduutti riqicha ta’ee tajaajila jedheen maqaa kana moggaaseef.
Bariisaa: Kitaaba keerraa kaatee biyya keenyatti sabni tokko afaan saba kaanii dabalataan akka baruuf maal gorsita, keessumaa dhaloota amma jiru?
Doktar Habtaamuu: Xiqqeessinee yoo ilaalle afaan meeshaa waliigalteeti. Namni tokko afaan tokkoo ol beekuu danda’a. biyyi keenya afaanota 80 ol qabdi. Kanneen keessaa kan afaan itti hiikkannetti dabalataan kan nutti tole dabalannee barachuu dandeenya. Afaan dabalataa danda’uun akka hayyoomaatti kan ilaalamuudha. Eenyumtuu otoo afaan dabalataa beekee hinjibbu. Garuu maal sitti fakkaate barachuuf fedhiin jiraachuun waan tokko. Fedhiin kana milkeeffachuuf tattaaffii barbaada. Dhimmichis dhimma tattaaffachuufi dhiisuuti.
Asirratti gorsi koo qooqa afaan ittihiikkannetti dabalataan afaan hawaasa keessa jiraatuu yoo barate salphachuufii danda’a. namoonni tokko tokko Ingiliffa waggoota 19f barannee ammayyuu qajeellootti ittifayyadamaa hinjirru jedhu. Ani fakkeenyaaf Afaan Oromoo wajjin ergan walbaree reefu waggaa sadii. Afaan Oromoo beekuu kootiin waan baay’een bare. Ameerikaatti dandeettiin afaanii sadarkaa zeeroo hanga 5ffaatti safarama. Ani fakkeenyaaf Afaan Oromoo zeeroorraan ka’e. oggaan sadarkaa 5ffaa qaqqabu Afaan Oromoo akkuma nama afaan ittihiikkateettin dubbadha.
Namoonni baay’een kan qo’atan isa sadarkaa 3ffaarra jiruudha. Anis amma sadarkaa 3ffaarra qaqqabeera jedheen yaada. Sadarkaa kanarra qaqqabuuf waggaa sadii qofa natti fudhate. Ingiliffi afaan hojiifi barnootaa ta’ee waggoota 19 keessattuu hinqajeelfannu. Sababiin kanaa maal sitti fakkaate afaan biyya keessaafi alaa barachuun adda addummaa qaba.
Oggaa afaan biyya keessaa barattu fakkeenyaaf daree keessatti kan Afaan Oromoo ykn Somaaliffaan afaan hiikkate argachuu dandeessa. Achumatti gaafattee hiriyaa godhachuu dandeessa. Kan biraa barsiisaanis dhiibbaa mataasaa qabaata. Afaan biyya keessaa daree keessattis ta’e alatti akka barbaaddetti fayyadamuu dandeessa. Hawaasa keessattis akkasuma. Oggaa namoonni afaanicha haasa’an callistee dhaggeeffatta. Kun carraafi madda guddaadha.
Kanaaf afaan biyya keessaa baruun daran salphaadha. Afaan alaa carraawwan kanneen hinqabu, hinkennu. Kanaaf namoonni afaan biyya keessaa barachuun akka kan alaa waggaa dheeraa fudhata jedhanii dogoggoruu hinqaban. Kan barbaachisu barachuuf sammuu keessatti fedhii qabaachuudha. Fedhii qabaannaan ni gaafatta, ni qoratta, ni beekta. Fedhiin jiraannaan salphumatti hubachuun ni danda’ama. Waan ulfaatus hinqabu.
Hawaasa keessa aadaawwan walfakkaatoon waan jiraniif afaanonnis akkasuma waldhaalu. Nama maatii afaanii Seemiin afaan hiikkatetti afaan maatii Kuush barachuun itti ulfaata. Kana jechuun fakkeenyaaf nama Amaariffaan afaan hiikkateef Afaan Oromoorra Tigriffatu salphata akka jechuuti. Kun waan abdii nama kutachiisuufi sirrii hintaaneedha.
Ani Amaariffaanin afaan hiikkadhe. Afaan Oromoo barachuun waan natti hinulfaanneef fakkeenya ta’uun danda’a. Duraan hojii koorratti turjumaan fayyadamaan ture amma dhiiseera. Namootan wal’aanu wajjin rakkoo tokko maleen waliigalaafi walhubataa jira, isaanis sirriitti na hubatu. Kanaaf afaan dabalataa baradhaan gorsi kooti.
Bariisaa: Afaan siyaasaan walqabsiisuufi ilaalcha hinmalle keessaa bahamee namni kamuu afaan kamuu akka baratuuf keessumaa dargaggootaaf maal dhaamta? Afaan mallattoo kan kabaja waliif qaban ibsataniin akka ta’uuf hoo maaltu ta’uu qaba?
Doktar Habtaamuu: Faayidaansaa isuman irranatti ibseedha. Afaan barachuun faayidaa malee miidhaa hinqabu. Fakkeenyaaf Afaan Oromoo afaan sabni guddaan ittifayyamuudha. Afaanicha barachuu dura fedhiin qabaayyu. Afaanichi kan koo waan ta’eefin baradhe. Hundumtuu kan naannawasaanii jiru barachuu qabu. Inni naannawa Walaayittaa jiru Afaan Walaayittaa yoo barate gaariidha. Dhiibbaa eenyuutiinuu otoo hintaane fedhii abbichaarratti kan hundaa’uudha. Bu’aaqabeessa kan ta’us yoo yoo haala kanaan ta’eedha.
Fayyaalessa kan ta’u yoo akkas ta’eedha. Karaa biraatiin afaan hawaasa keessa jirtuufi tajaajiltuu barachuun agarsiistuu kabajaatisi. Afaanichis sabichi kanuma keenyaafi keessaa baaneedha. Sana darbee garuu tokko tokkoo afaanii ofuma keenyaaf kan keenya jennee barachuu qabnan jedha.
Bariisaa: RIQICHI erga maxxanfamee hammam ta’e? duubdeebiin kennamaa jiru hoo maal fakkaata?
Doktar Habtaamuu: Kitaabni RIQICHAA erga eebbifamee ji’a shan ta’eera. Kan maxxanfame habbaa (koppii) kuma tokko.
Duubdeeniin kennamaa jirus daran nama gammachiisa. Hangan kitaabicha maxxansiisutti ani homaa hindubbanne. Ergan eebbisiiseen miidiyaa hawaasaarratti gadilakkise. Gaazexaa Bariisaa dabalatee miidiyaaleen adda addaa achirraa arganii naa bilbilan. Kanaaf haalli jiru gammachiisaadha.
Habbaan kitaabichaa maxxanfame muraasa waan ta’eef karaa chaanaalii telegiraamii maqaa kitaabichaan qophaa’een qoodaan jira. Yaadonni karaa sana kennamanis baay’ee namatti tolu.
Bariisaa: Gara fuulduraatti hoo maal sirraa haa eegnu Doktar?
Doktar Habtaamuu: Akkuman sitti hime ani ogeessa fayyaati malee nama ogbarruu miti. Akkan RIQICHA barreessu kan nataasise rakkina na mudateedha. Kitaaba koo kana ka’umsa godhatanii irratti barreessuun ni danda’ama.
Gama kootiin kitaaba kana keessa jechoota damee fayyaa as keessa galchuu yaaleera. Fuulduratti kitaaba ogeessonni fayyaa ittifayyadaman Afaan Oromootiin qopheessuu nan yaada. Kitaaba barreessuurrayyuu afaanichuma sirriitti barachuudha karoorri koo. Yoon kitaaba barreessuu baadhellee kitaabota asoosamaa Afaan Oromootiin barreeffaman dubbisuun barbaada.
Bariisaa: Kanaan dura Hospitaala Phaawuloositti Afaan Oromootiin tajaajila kennuun eegalamee ture. Har’a hoo waanti sun jiraa?
Doktar Habtaamuu: Ani kanin baradhe Mana Barnootaa Wal’aansaa Xiqur Anbassaatti. Barattoonni wal’aansaa Hospitaala Phaawuloositti Afaan Oromoo walbarsiisuu akka eegalanii turan anis dhaga’een ture. Ergan kitaaba kana maxxansiisee gaafannaan gamtaa barattootaatiin malee hospitaalichaan akka hinjalqabamnen dhaga’e.
Barnoonni waldaa barattootaatiin eegalame sun akka dhaabate natti himan. Adeemsi ture achumatti walumarraa barachuu malee haala idileen hinturren dhaga’e. Afaan Somaaleefa’is barattoonni walbarsiisaa turan.
Bariisaa: Dhumarattis ergaa dabarfattu yoo qabaatte?
Doktar Habtaamuu: Dhumarratti afaan barachuun tattaaffii barbaada. Afaanota biyya kanaa barachuuf haalonni mijatoon jiru. Hiriyoonniifi hawaasni keessa jiraattu haalota mijatoo keessatti eeramu. Oggaan ani Afaan Oromoo baradhu dhuunfaadhaan ture amma iddoowwan baay’eetti kennamaa jiraachuun carraa guddaa waan ta’eef ittifayyadamuun gaariidhan jedha. Kan barbaadamu tattaaffiifi fedhii waan ta’eef yeroo gabaabaa keessatti barachuu dandeessu dhaamsa jedhun qaba.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 24 Bara 2015