Obboloota cimdii shanan waancaa idiladdunyaa baranaarratti

Finfinnee: Waancaan idil addunyaa Fiifaa 22ffaa Kuwaataaritti adeemsifamaa jiru haaluma hawataa ta’een ittifufeera.

Guyyoota darbanitti qabxiileen hineegamneefi hintilmaamamne, daballiin sa’aatii dabalataa akkasumas faaruun deeggartootaafi halluun garagaraa waancaa addunyaa kanaaf miidhagina kan kenna keessaa yemmuu ta’an, guyya guyyaatti qalbii jaalattoota ispoortii hawachaa jira.

Waancaan addunyaa baranaa dhimmi taphattoota obbolaawwanii shanii garee biyyaalessaa tokkoof taphatanii qalbii maatii ispoortii daran hawateera.

Dhalattoota Gaanaafi taphataa beekamaa biyyattii kan ture ilmaan Abdii Pelee kan ta’an obboleewwan kanneen keessaa umriinsaa 32 Andiree Morgaan Raamii (Deedee Ayyawu) dhalataa Gaanaa ta’ee garee biyyaalessaa Kaataar Alsaad jedhamuuf taphata. Quxisuunsaa umrii 31fi Jordaan Ayyawu kilaba Ingiliz Kiristaal Paalaas jedhamuuf taphata.

Dhalattoonni Firaansi Lukaa Harnaandez umrii 26 Kilaba Jarman Baayar Muniikiif, Tiitoo Harnaandez umrii 25 kilaba Xaaliyaanii Eesii Miilaan jedhamuuf taphatu.

Miseensonni garee biyyaalessaa Sarbiyaa Sargaay Miliinkooviich Saaviichiifi Vaaniyaa Miliinkooviich umriisaanii 27fi 25 ta’e obboloota dorgommii Waancaa Addunyaa keessatti argamiidha. Hangaftichi kilaba Xaaliyaanii Laaziyoof, quxisuun ammoo kilaba biraa Xaaliyaanii Tooriinoo jedhamuuf taphatu.

Taphattoonni garee biyyaalessaa Beeljiyem Edan Haazaardiifi Torgaan Haazaardi umriinsaanii waggaa 31 fi 29 yoo ta’u, Edan kilba Jarman, Torgaan Ruusiyaaf taphatu.

Warri shanaffaan akka warra kaanii biyya tokkoof taphachuu baatanis taphattoota kilaba Ispeen Atileetikoo Biilbaa’oo jedhamuuti.

Hangaftichi Inaakii Wiiliyaam umriinsaa 26fi quxisuun urmiinsaa waggaa 20 Niikoolaas Wiiliyaam jedhama.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 24 Bara 2015

Recommended For You