Jaalala, obbolummaafi tokkummaa cimsuuf ispoortii waloo

Finfinnee: Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa sababeeffachuun sagantaa ispoortii waloo Magaalaa Moojootti bakka Afyaa’ii Ittaanaan Caffee Oromiyaa Obbo Eeliyaas Ummataa, Hoggantuu Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Aadde Saamiyaa Abdallaafi Kantiibaan Magaalaa Moojoo Aadde Kadijjaa Jamaal argamanitti gaggeeffame.

Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Ummattoota Itoophiyaa 17ffaa barana mataduree, “Tokkummaa Sabdaneessa Nageenya Waaraaf” jedhuun kabajamu hojiiwwan tajaajila lammummaan jaalala ummattootaa obbolummaa, tokkummaafi cimsanirratti xiyyeeffachuun kabajaa jirra jedhan.

Kanaaf, Ispoortiin fayyummaa qaamaafi sammuuf murteessaa ta’uu kan ibsan Obbo Eeliyaas, hawaasni Moojoo muuxanoo qabuun keessummaa magaala keessan keessa darbuun bakka kabaja ayyaanichaatti imalu simachuun gaggeessuu akka qabanis dhaamaniiru.

Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Aadde Saamiyaa Abdallaa ergaa hawaasa moojoof dabarsaniin, daa’imman abdii boruu, dargaggoonniifi ummanni ispoortii jabeessaa, tokkummaa keessan cimsaa, nageenya keessan tiksaa jedhan.

Kantiibaan Magaalaa Moojoo Aadde Kadijjaa Jamaal, Moojoon magaala sabaafi sablammiin tokkummaan waljaalatee waliin jiraattu ta’u ibsuun, jaalalaafi tokkummaa waliif qabnu qabatamaan mirkaneessuuf ammoo Ispoortiin agarsiisuu qabna jennee, kabaja guyyaa sabaafi sablammii sababeeffachuu qopheessine jedhan.

Sagantaan ‘Mass Sport’ Magaalaa Moojoo Walta’iinsa Waajjira Caffee Oromiyaa, Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaafi Bulchiinsa Magaalaa Moojoon gaggeeffame.

Riippoortara gaazexichaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 24 Bara 2015

Recommended For You