Dorgommii ispoortii hubannoo Paan-Afrikaanizimii gabbisuu

Manni Barumsaa burqaa Ispoorteessitootati

Adaamaa: Manneen Barnootaa iddoo ka’umsa hayyootaa qofa osoo hintaanee iddoo dandeeettiifi fedhii namni akaakuuwwan ispoortii adda addaatiif qabu itti mul’atuufi dagaaguudha.

Waan kana ta’eef biyya keenyatti mootummaan manneen barnootaa keessatti caasaafi garee ispoortii adda addaa caasessuun dorgommii adda addaa yeroo adda addaatti qopheessun hojjechaa jira.

Torbee darbe waldorgommiin Tapha kubbaa miilaa manneen barnootaa bulchiinsa magaalota Oromiyaa gidduutti Magaalaa Adaamaa Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaatti taasifame fakkeenya fudhachuun ni danda’ama.

Dorgommiin kun kan taasifamaa jiru manneen barnootaa bulchiinsa magaalota Oromiyaa hunda gidduutti yoo ta’u, korniyaa lameenuu gidduutti kan taasifamuufi ijoollee umriinsaanii waggaa 16fi isaa gadi ta’an qofa kan hirmaachisuudha.

Ittigaafatamaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktor Tolaa Bariisoo sirna baniinsa sagantaa dorgommii kanaarratti haasaa taasisaniin akka dubbatanitti, kaayyoon dorgommii kanaa mana barumsaa waldorgommii Paan-Afrikaanizimii hirmaachuuf calalanii qopheessuudha.

Akka ibsasaaniitti, manni barumsaa waldorgommii taasifamaa jiru kanarratti injifate dorgommii ittaanee jiru dorgommii akka Itoophiyaatti manneen barnootaa gidduutti taasifamu yoo injifate morkii Paan Afrikaanizimii marsaa lammaaffaa Ugaandaa, Magaalaa Kaampaalaatti gaggeeffamurratti kan hirmaatu ta’a.

Dorgommiin kun Paan Afrikaanizimii cimsuuf, hariiroo biyyoota Afrikaa gidduu jiru jabeessuuf gaheensaa olaanaa ta’uu ibsuun biyyoootni Afrikaa ilaalcha niyookoloniyaalizimii barana kallattiilee gara garaatiin mul’achaa jiru qolachuuf walitti dhufeenya kana fakkaatu qopheessuun gamtaadhaan qolachuun barbaachisaadha jedhan.

Kaayyoo guddaan waldorgommii kanaa eenyu akka waancaa nyaatu adda baasuu osoo hintaane ilaalcha Paan-Afrikaanizimii dhaloonni akka hubatu gochuudha.

Akkuma ispoortiin jaalala jedhamu waldorgommiin ispoortii kun jaalalaafi hariiroo biyyoota Afrikaa gidduu jiru sirnaan kan cimsuufi jabeessuudha.

Manneen barnootaa madda ispoortessitootaa gochuu faana walqabatee Doktor Tolaan akka dubbatanitti, Biiroon Barnoota Oromiyaa, Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Naannichaa wajjin hojjechuuf waliigaltee mallatteessee hojiitti galuuf qophiisaa xumureera.

Ittigaafatamtuun Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Oromiyaa Samiiraa Abdallaa gamasaaniitiin akka dubbatanitti, taphni kubbaa miilaa Paan-Afrikaanizimii yeroo jalqabaatiif waggaa tokko dura Koongootti jalqabame.

Dorgommicharrattis Itoophiyaa bakka bu’uun kan hirmaate Mana Barumsaa Amboo Sadarkaa Lammaffaa yommuu ta’u, manni barumsichaa Afraffaa ba’uun dorgommicha goolabuu ibsan.

Kana malees, manneen barnootaa yoommuu ijaarraman ispoortiif hammam mijataa akka ta’an dirree ispoortii qabaachuufi qabaachuu dhiisuusaanii adda baasuudhan kan ijaarraman ta’a jedhu hoggantuun kun.

Barattootni wayita barnoota hinqabne, guyyaa Sanbataafi Dilbata dabalatee gara mana barumsaa lixanii ispoortiiwwan akaakuu adda addaa akka hojjetaniif haalli mijaa’aan kan uumamaa jiru ta’uu ibsaniiru

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 17 Bara 2015

Recommended For You