“Dargaggeessaa hammam geessaa?” jedhanii kan gaafatan wayita humni jiruudha. Yoo kana gootummaa qaban qabatamaan agarsiisuun walabummaa biyyaa yoo tiksisiisan duuba dhaalootaan eebbifamuun waan oolu miti.
“Oromoon gaafa ilmaansaa eebbisu ilmoo abbaa dhaanu osoo hintaane kan abbaa dhaaluufi abbaa caalu ta’aa” jedha. Kun eebba guddaadha. Isa kanaafimmoo ittigaafatamummaa cimaa kan fudhatu humna darbatamaafi furgaatuu kan ta’e Qeerroofi Qarreedha.
Gaafa ijaarama Itoophiyaa kaasnu ilmaan Oromoo kan qooda tokkollee keessaa hinqabne fakkeessee oduu tureera. Isa kanaafimmoo sababa guddaa kan ta’e namoota barreessitoota seenaati ofiin jedhaniifi yoo ta’an, kan Oromoo dabalatee seenaa saboota biyyattii jaarraa tokkoofi walakkaa oliif dabsaa turan.
Ijaarama Itoophiyaa keessatti wareegama qaalii lubbuufi lafeesaanii itti cabsanii asiin gahuu keessatti shoorri gootonni Oromoo taphatan daran olaanaadha.
Oromoon jaalala Itoophiyummaa kana afaaniin osoo hintaane qabatamaan hojiitti hiikee agarsiisuusaatiin walabummaan biyyattii kabajamee gurraachota Afrikaatiif qaanqee bilisummaa ta’uun fakkeenyummaan akka ka’u taasiseera. Kanaafis injifannoo Aduwaa fudhachuun ni danda’ama.
Duula Aduwaarratti gaggeeffameen Oromoon ilmaansaa qaalii hanga fardeensaatti gaarren Adawaarratti hiriirsisuun seenaa hindabarreefi injifannoo gurraacha Afrikaa ta’e dhiigaan katabanii Itoophiyaa kolonii sirna weerartuu Xaaliyaanii jalaa bilisa taasiseera.
Warreen seenaa dabsanii barreessan seenaa kana dhoksanis oolee bulee seenaa dhugaan jiraachuu Itoophiyaaf lafee dugdaa ta’e yeroo eegee dhoohee baheera. Gootota Oromoo jiraachuu Itoophiyaaf seenaa hojjetanii seenessa dhugaa dhaban hedduu ta’anis isaan keessaa Leetinaal Jeneraal Abdiisaa Aagaa isa tokko.
Leetenaal Koloneel Abdiisaa Aagaa cunqursaa ajeeffachuun faashistii Xaaliyaanii dura gootummaadhaan dhaabatee hedduu hurreessee Itoophiyaarraa hanga Roomitti seenaa cululuqaa addunyaa ajaa’ibsiisu dalaguun ‘Cheguveeraa Itoophiyaa’ jedhamees moggaafameera.
Gootummaa Leetenaal Koloneel Abdiisaa Aagaa jaalala biyyaaf agarsiise jaalalli biyyaa afaniin osoo hintaane qabatamaan wareegama qaalii kan nama kaffalchiisu ta’uu intalli ilma Leetenaal Koloneel Abdiisaa Aagaa Shamarree Eshkool Eeliyaas ni himti.
Shaamarree Eshkool Eeliyaas Abdiisaa Aagaa Eebba Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Leetenaal Koloneel Abdiisaa Aagaa, kitaaba seenaasaafi Siidaasaanii Finfinnee, bakka Lidataa jedhamutti tibbana gaggeeffamerratti turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisteen hojii bulchiinsa magaalattiitti daran gammaduu kaasti.
“Aarsaa akaakayyuun koo biyya Itoophiyaa jedhamtu tanaaf kaffalanii darban kan dagatamu osoo hintaane akka Afrikaattillee maqaa guddaa kennuufii kan malu ture, waahillansaa ijaarama Itoophiyaatiif gatii qaalii kaffalan hedduus dagatamanii turan. Kunimmoo dhaloota seenaa nyaatu nama taasisa” jetti.
Yeroo hedduu abbaanshii Obbo Eeliyaas Abdiisaa waa’ee akaakayyuushii akka isheetti kaasu himtee, seenaa hojjetee seenaa malee hafe gaaffiin jedhu akka tureedha kan dubbattu, Eshkool.
Gootummaa Leetenaal Koloneel Abdiisaa Aagaa Itoophiyaanota mitiitii gurraachota Afrikaaf mallattoo walabummaafi bilisummaa ta’ee kan tajaajilu ta’uu yoo himtu yeroo dheeraaf dagatamuunsaa gaaffii maaliif jedhu kaasaa turuu himti. Dhaloonni haaraan dagatamuu seenaa goota kanaa argu jaalala biyyasaatiif qabu qabatamaan agarsiisaa laata? nama jechisiisas jetti.
Manni Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Leetenaal Koloneel Abdiisaa Aagaa durii kaasee kan jiru ta’us, jijjiguurra darbee maqaansaallee akka jijjiiramuuf sochiiwwan gara garaa taasifamaa turuu dhagahuun daran isaan gaddisiisuu kaasti.
Duulli maqaa mana barumsichaa jijjiiruuf taasifamaa ture hammaataa akka turellee Shamarree Eshkool eertee, sirni ADWUI/ ABUT kufuusaatiin maqaa ganamaasaa eegee akka ittifufu, manni barnootichaa jigee tures irra deebiin gamoo abbaa darbii sadii ammayyaan ijaaramee bakka maatiinsaafi leellistoonnisaa jiranitti eebbaaf qaqqabuusaa ajaa’ibsiifatti.
Akkuma “Ijji baddus bakki ijaa hinbaddu” jedhamu Leetenaal Koloneel Abdiisaa Aagaa fooniin du’us hojiileensaa awwaalaa ol ooluun dhalootaaf faajjii qabsoo ta’anii calaqqisu jetti.
Leetenaal Koloneel Abdiisaa Aagaa biyyaaf siidaa walabummaa hindiigamne ijaaree darbeera. Mootummaanis kana yaada keessa galchuun siidaa yaadannoo dhaabuufiinsaa, kabajni, iyyaafannoofi xiyyeeffannoon gootota darbaniif taasifamu olaanaa ta’uu qabatamaan agarsiisa. Kanamalees dargaggoota keessatti jaalala biyyaa uumuu kan danda’uudha.
Kanamalees gootichi seenaa cululuqaafi hidabarre gurraacha Afrikaatiif fakkeenya gaarii ta’u Itoophiyaa hanga Roomitti waan hojjeteef kitaabni seenaa isaaf qophaa’uutti kan gammaadde Shamarree Eshkool, Qeerroofi Qarree Oromoof faajjii qabsoofi jaalala Oromoon Itoophiyaa ijaaruuf qabu kan afaanii osoo hintaane kan gochaa ta’uusaatiin kan itti boonan taasisa jetti.
Oromoon goota biyya ijaaru ta’uu Leetenaal Koloneel Abdiisaa Aagaa, Jeneraal Taaddasaa Birruufi gootota Aduwaa biroo maqaa dhahachuun nidanda’ama jetti Shamarree Eshkool.
Dhaloonni keenyas keessumaa Qeerroofi Qarreen keenya jaalala biyyaa afaaniifi sirbaan osoo hintaane akkuma Leetenaal Koloneel Abdiisaa Aagaa qabatamaan agarsiisuu qaba jetti.
Itoophiyaan biyya imaanaa dhiigaafi lubbuun gootonni Oromoo dabarsanii nutti kennan waan taateef gootummaan keenya kan abbaa caaluufi dhaalu malee kan abbaa gadii ykn abbaa dhaanu ta’uu hinmalu ergaa jedhus dargaggootaaf dabarsiteetti.
Gootonni Oromoo darban osoo lubbuusaanii hinwaakkatiin murna weerartuu Xaaliyaanii biyya koloneeffachuuf dhufte qolachuuf hanga Adawaatti fardaafi lafoon imaluun injifannoo cululuqaa hinhaqamne dhiigasaaniin katabanii darbaniiru.
Injifannoon kun dhaloota ammaatiif galaafi cuuphata seenaa dhaalamuu qabu waan ta’eef Itoophiyaan biyya kaleessas lafee ilmaan Oromootiin ijaaramte har’as ilmaan Oromootiin tikfamuu qabdu ta’uu dagachuu hinqabnu. Biyya ofii ijaarree asiin geenye tiksuurratti ilmoo abbaa caaluufi dhaalu ta’uun nurraa eegama jetteerti.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 17 Bara 2015