Nageenyi lubbuu qabeeyyii hundaaf keessumaa ammoo dhala namaatiif waa hunda caalaa murteessaadha. Akkuma irra deddeebiin ibsamu yoo nagaan jiraateedha yaadanii raawwachuun, daldalanii buufachuu, baratanii eebbifamuuf, qotanii galfachuun, dhala godhatanii guddifachuun… kan danda’amu.
Keessumaa gama nageenya dhabuutiin garmalee miidhamaafi gidiraa argaa kan jiru ummata qulqulluu Oromiyaa lixaatti argamuudha. Lafa waa hundaaf mijataa ta’een kan badhaadhe Oromiyaan lixaa keessumaa ammoo godinaalee Wallaggaa afranitti ummanni gidiraa humnoonni finxaaleyyiin irratti raawwataniin qoramaa jira.
Gocha finxaaleyyiin maqaa saboota qulqulqulluu qabatanii badiif socho’an uumaniin ummatichi rakkoo hammana jedhanii ibsuuf nama rakkisuuf saaxilameera. Biyya yoo waan hawaasa fayyadu harkaa qaban caalmaa yaadaatiin waan fedhan raawwachuun danda’amutti humna qawwee faashiniinsaa irra darbeen ummata gidirsuun kun herreguma kamiinuu gocha fudhatamu qabu miti.
Gocha safuufi safeeffannaa Oromootiin ala ummanni qulqulluun bahaa gala dhabee rakkachuu hinqabu. Yaaddoofi siqqii keessa gale keessaa bahee jireenya aaragalfii qabutti deebi’uu qaba.
Dhiyeenyuma kana keessumaa Gaazexaa Bariisaa kan turan gorsaan pirezidaantii BMNO Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa keessumaa waa’ee finxaalessummaa kanarratti yaada ittaanu kennanii turan.
Saba kamuu keessa finxaalessi ni jira. Finxaaleyyiin saba kam keessaayyuu haa ba’u kan fayyadu hinqabu. Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti warri hidhatanii ni qabsoofna jettuyyuu walqooddee hannarratti bobbaatee jirti. Garee tokko ‘Qumxaa’ hidhachiisanii Amaariffaa dubbachiisaa ummata saamsisu. Bor ammoo Afaan Oromoo dubbachaa dhufanii garee saba biraatu isin saame jedhanii saba biraa ajjeesuun Oromootti diina baay’isaa jiru jechuun ibsaniiru.
Ittidabaluunis finxaalessi faayidaa dhuunfaaf malee faayidaa sabaaf hindeemu. Finxaalessi Oromoo keessaa ba’ee saba Amaaraa miidhu Oromoo bakka hinbu’u. Finxaaleyyiin Amaaraa keessaa ba’ee saba Oromoo miidhus saba Amaaraa bakka hinbu’u. Oromoon aadaasaa keessatti saba biraa hammatee wajjin jiraachuudhaan beekama. Finxaaleyyonni garuu aadaafi duudhaa Oromoo kana diiguuf ergama fudhatanii irratti hojjechaa jiru jedhan.
Dhugadha. Ergamni finxaaleyyii inni dhumaa ummata kana humna dhabsiisanii saamuufi hatuudha malee saba hinfayyadan. Ummanni finxaaleyyii kamirrattuu waliin qabsaa’aa jira. Mana qonnaan bulaa gubuufi qonnaan bulaa ajjeesuudhaan bilisummaan dhufu tokkollee hinjiru. Kaayyoon finxaaleyyii nageenya biyyaafi ummataa booressuudhaan ajandaa nyaatanii buluu mijeeffachuudha.
Oromiyaa keessatti nageenya mirkaneessuuf duudhaafi safuu Oromootti deebi’uun murteessaadha. Walajjeesuudhaan nageenya mirkanaa’u hinjiru. Hundi keenya yoo walgargaarree waliin jiraanne randa baana. Akka walajjeefnu kan nu taasisu diina. Kan nu baasu tokkummaa keenya jabeeffachuu, ilaafi ilaameetti deebi’uu, rakkoo mariidhaan furachuu qofa.
Saamicha, hannaafi walajjeesuudhaan waanti nuti fayyadamne hinjiru. Jijjiirama kana kan fide waraana utuu hintaane qabsoo ummanni ijaaramee taasiseedha. Warra hidhatee bosona turellee bilisa kan baase qabsoo ummanni tokkummaan taasiseedha. Kun fakkeenya gaarii yeroo dhiyooti. Utuu humna akkasii qabnuu laga keessa naanna’uun hinbarbaachisu.
Mootummaa amma jirurra Oromoof carraa kana caalu kan fidu hinjiru. Kanaafuu mootummaa kana jabeeffachuu, tokkummaa keenya cimsachuu, safuu keenyatti deebi’uufi ilaafi ilaameetti deebi’uu qabna; kan nu baasus isa kana. Akkasumas isa karaarraa maqe gorsanii karaatti deebisuun waan boruuf jedhamu ta’uu hinqabu. Yoo kun ta’e nageenya Oromiyaa caalaatti mirkaneessuun ni danda’ama.
Kutaa qophiitiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 17 Bara 2015