Gareelee finxaaleyyiirratti irree gamtoomeen

Garaagarummaa yaadaafi ilaalchaa kamuu dhiphisuun kan danda’amu waraanaan osoo hinta’in mariifi karaa nagaafi nagaa qofaani. Kanaafis mudaawwan seenaa kaleessaafi rakkoolee darban dhiifamaan goolabuufi waliigalteen bu’uura cimaarra dhaabate sadarkaalee hundatti uumamuun murteessaadha.

Garaagarummaa yaadaafi ilaalchaa dhiphisuun kan danda’amu waraanaan osoo hinta’in karaa nagaafi nagaa qofaan ta’uu amanuun gamatti hojiirra oolmaa yaadaatiifis xiyyeeffannaan kennamuu qaba.

Badhaadhina hundagaleessa mirkanneessuudhaan mul’ata qabame bira qaqqabuun kan danda’amu daandii nagaafi dhiifamaatiin obbolummaa sabdaneessa dhugoomsuun yoo danda’ameedha. Kana milkeessuufis lammiileen hundi bakka jiranitti nageenyaaf dursa kennanii cichanii irratti hojjachuu qabu.

Duudhaaleen hawaasaa kanneen nagaafi araara labsan akka dagaaganiifi aadaan rakkoolee mudatan karaa nagaatiin hiikuu cimaa akka adeeman gochuudhaan nageenyi ittifufiinsaafi bu’uura ummattummaa qabu akka dhugoomuuf tattaaffii cimaa gochuun barbaachisaadha.

Walumaagalatti injifannoo Itoophiyaa ittifufsiisuudhaan badhaadhina waloo dhugoomsuuf qaamni hunduu nageenya biyyaa tiksuufi kunuunsuun murteessaadha.

Boqonnaa waraanaa marii, araaraafi dhiifamaan goolabuun obbolummaafi tokkummaa jabeessuudhaan imala jijjiiramaa eegalamee milkeessuuf nageenyi dhimma murteessaa ta’uun hubatamee hundu biyyaafi ummataaf amanamuun qoodasaa ba’achuu qaba.

Shaneedhaan walqabatees murnichi fedhii qabatamaa kan hinqabne, kaayyoonsaa hinbeekamne, ajjeesuufi barbadeessuun bu’aan argadha jedhee munyuuqaa jira. Shororkeessuudhaan nageenyi dhufu, bilisummaan argamu, dimokraasiin mirkanaa’u tasumaa hinjiru. Shaneen garee maqaa Oromoo waamaa Oromoofi Oromiyaa diigaafi gubaa ooluudha.

Gama kanaaniin mootummaan yeroo kamuurra qaama nagaa barbaaduuf karrasaa saaqee rakkoo hunda nagayaan hiikuuf tattaafataa jira. Qabatamaanis hojiitti hiikuun rakkoon Itoophiyaa kaabaa akka furamu gochaa jira. Humnoota nageenyaa mootummaarraa kan hafe qawwee baatanii olii gadi deemuun dhaabachuu gonkumaa qaba.

Biyyi keenya rakkoowwan uumamaafi namtolcheen ishee mudatan tooftaalee garagaraa bocuun hojiitti hiiktee injifannoowwan guguddaadhaan dabaaltee ce’aa jirti.

Qaamolee hunda qindeessuun nageenyi amansiisaafi misoomni ittifufiinsa qabu Oromiyaa, keessumaa kallattii lixaatti akka uumamuuf yeroo kamuurra xiyyeeffannaan hojjetamee ummata gidiraarraa obbaafachiisuun daran barbaachisaadha. Shaneen garee shororkeessaa kallattichatti akeeka diinota keenyaa raawwachuun biyya diiguuf ijaajjuudha.

Tattaaffii nageenya waaraa mirkaneessuuf taasifamu kana keessatti qoodni abbootii amantii, Abbootii Gadaafi jaarsolii biyyaa guddaa waan ta’eef adda durummaan gumaachasaanii bahachuu qabu.

Shira siyaasaa xaxamaa jiruun gareeleen ummanni biyyattii yeroo hunda bo’aa akka jiraatuuf hawwan waan jiraniif akeekasaanii kichuutti maseensuun nageenya amansiisaan akka bu’uuf hirmaannaan ummataafi qaamolee hawaasaa murteessaa ta’uun hanga liibsuu ijaallee dagatamuu hinqabu.

Kan Oromoos ta’e saboota kaan miidhu, gidirsu, hiraarsu herreguma kamiinuu fira ta’uu akka hindandeenye hubatamee ummanni nagaa dheebotame dhugoomfachuuf qaamolee nageenyaa mootummaa wajjin qindoomee shira gareewwan finxaaleyyii ofirraa qolachuuf hunduu irree gamtoomeen irratti qabsaa’uu qaba.

Ummanni duudhaasaa ganamaatti fayyadamuun mootummaasaa wajjin aannaniifi garaa ta’ee gantuufi sobduu of keessaa calaasuun tokkoomee nageenya qe’eesaa iddootti deebisuu qaba. Isa qe’eesaatii buqqa’es deebisee dhaabuufi bayyannachiisuu qaba.

 BARIISAA SANBATAA Sadaasa 17 Bara 2015

Recommended For You