Waancaa Addunyaa boru jalqabamu maaltu adda isa taasisaa?

Finfinnee: Waancaan kubbaa miilaa Addunyaa akka adeemsifamuf waldaa kubbaa miilaa Addunyaa “FIFA”dhaan bu’uur kan kaa’ame ALA bara 1930 ture. Wamorkiinis waggaa afuritti al tokko biyyoota miseensa ta’an jidduutti akka adeemsifamuudha murteen kan darbe.

Haaluma kanaan waancaan kubbaa miilaa Adduyaa jalqabaaf ALA Adolessa 13 bara 1930 biyyoota miseensoota ta’an 13 jidduutti magaalaa guddoo Uraaguwaay, Montevidotti jalqabame.

Waggoota 92 lakkoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti yeroo 24 adeemsifamuun irra jiraatus sababii waraana addunyaa lammaffaa yeroo lama addaan citee 21f adeemsifameera. Baranas yeroo 22ffaaf borurraa kaasee biyyoota 32 jidduutti Istaadiyoomota Kuwaataar saddeetitti adeemsifama.

Guyyoota 28f qalbii ummata addunyaa keessumaa, daaw’ataa kubbaa miilaa hawachuun kan adeemsifamu waancaan kubbaa miilaa addunyaa kun bakka hoggantonni olaantonni Kuwaataariifi ‘FIFA’, pirezidaantonni federeeshinii kubbaa miilaa ardiiwwaniifi biyyoota waancaa kanarratti hirmaatan argamanitti boru guyyaa keessaa sa’aatii 1:00 irratti jalqabama.

Walmorkii kanarraatti ardiiwwan jaharraa biyyoonni 32 ramaddii saddeetitti adda qoodamuudhaan kan walfalman ta’uus waldaan kubbaa miilaa Addunyaa sagantaasaa keessatti muldhiseera.

Haaluma kanaan ramaddiin “A” keessatti Kuwaataar, Ikuwaador, Senegaalifi Neezarlaandi, ”B” Ingilaandi, Iraan, Ameerikaafi Weelsi, ”C” Arjeentiinaa, Saudi Arabiyaa, Meeksiikoofi Polaandi, ”D” Faransaay, Awustiraaliyaa, Deenmaarkifi Tuniziyaa, ”E” Ispeen, Kostaarikaa, Jarmaniifi Jaappaan,”F” Beeljiyem, Kaanaadaa, Morookoofi Kiroshiyaa, ”J” Biraaziil, Sarbiyaa, Siwizarlaandiifi Kaameerun, ”K”Porchugaal, Gaanaa, Uraaguwaayifi Koriyaa Kibbaatu argamu.

Walmorkiin kan jalqabamu Ramaddii “A” keessatti kan argaman keessummeessitu waancaa Kuwaataarifi Ikuwaador jidduutti. Ittaansee shaampiyoona waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kan taate Senegaalifi Neezarlaandi jidduutti adeemsifama.

Boru ammoo kanneen ramaddii B keessatti argaman Ingilaandiifi Iraan, Ameerikaafi Weelsi jidduutti gaggeeffama.

Walmorkiin baranaa kun kanneen kanaan dura adeemsifamaniin kan addaatti jedhameera. Seenaa waancaa kubbaa miilaa Addunyaa keessatti doolaariin iiliyoona 220 yoo irratti dhangala’u kun isa jalqabaatti jedhama.

Kuwaataar guyyaa waancaa kana keesumeesuf itti gaafatamummaa fudhate kaasee Istaadiyoomota, Hoteelotaafi daandiiwwan aspaaltii Ijaaruufi haaromsuuf baasii kana baasuunshee beekameera.

Bajenni kun kan waancaa Adduyaa 21fffaa waggaa afur dura Ruusiyaan qopheessite harka 19 irra dachaadhaan caala jedhameera.

Waancaan kun ji’oota Faranjootaa Ganna keessa qophaa’uudhaanis kan jalqabaa isa taasisa. Kanaan dura ji’a tokkoof kan adeemsifamaa ture walmorkiin kun barana guyyoota gabaabaa 28 keessatti adeemsifamuudhaanis kan duraati. Istaadiyoomonni saddeettan tapha keessummeessan marti meeshaalee qilleensa to’atan qubaachuunis kan duraa isa taasisa .

Magaalonni walmorkiiwwan ittigageeffaman marti magaalaa guddoo Kuwaataar, Dohaarraa naannawa kiiloomeetira 50 keessatti argamu. Seenaa waancaa kubbaa miilaa addunyaa keessatti dubartoonni sadii murtee kennummaadhaan taphachiisuun yoo ramadaman kan ammaa kun isa duraati.

Akkasumas seenaa waamcaa kanaa keessatti Kuwaataar yeroo jalqabaatiif hirmaachuushee, Weelsi ammoo waggoota 64 booddee, Kaanaadaan waggoota 36 booddee waancaa kanarratti hirmaachiunsaanii taatee haaraadha jedhameera.

Kana malees gareen tokko taphattoota 23 irraa garra taphatoota 26 qabachuudhaan hiraachu danda murteen jedhu yoo darbu, kan baranaa isa duraati. Haaluma kanaan gareen tokko wayita taphatu taphattoota sadii qofa jijjiiruu qaba kan jedhu gara taphattoota shaniitti ol guddachuunis kan jalqabaati.

Seenaa waancaa kubbaa miilaa Addunyaa waggoota 92 keessatti biyyoota miseensota waldichaa 208 keessaa biyyoonni saddeett qofti waancaa fudhachun seenaa ta’ee galmaa’eera.

Biraaziil waancaa hundarrattuu hirmaachuudhaan yeroo shan waancaa fudhachuun tokko kan dhuunfaa godhattee biyya duraa ta’uun seenaa kana keessaatti galmoofteetti.

Akkasumas waancaa addunyaa hanga ammaattii biyyoota Ameerikaa kibbaafi Awuroppaa keessa nanaanna’uunaa seenaa addaati.

Seenaa waancaa kubbaa miilaa addunyaa keessatti taphataan garee Porchugaal Kiristaanoo Ronaaldoofi taphataan garee Arjantiinaa Luweenii Meesin waancaawwan kubbaa miilaa addunyaa shanirratti hirmaachuudhaan taphattoota duraa ta’uusaanii, Kiristaanoon ammoo waancaa baranaa kanarratti galcha yoo galche taphataa addaa ta’uudhaan seenaansaa ni galmaa’a jedhameera.

Akkasumas baay’ina ummataa miliyoona 2.8 qofa tan qabdu biyyi xinnoon tapha waancaa guddaa kanaa keessummeessuudhaan Kuwaataar biyya duraa ta’uunis seenaaq biraati.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 10 Bara 2015

Recommended For You