Fiigichi guddaan Itoophiyaa boru adeemsifama

Finfinnee: Waggaa waggaadhaan Magaalaa Finfinneetti kiiloo meetira 10n daandiirraatti kan adeemsifamu fiigichi guddaan Itoophiyaa kan bara 2015 boru adeemsifama.

Addunyaarratti fiigichoota beekamoota 10 keessaa sadarkaa jahaffaarratti kan argamu fiigichi olaanaa Itoophiyaa kun dorggomtoota kuma kudhaniin kan jalqabme yoo ta’u, barana ammoo namoonni kuma 40 ni hirmaatu jedhameera.

Atileetii beekamaan Itoophiyaa Kumaalaa Hayilee Gabrasillaaseetiin kan jalqabame fiigichi guddaan Itoophiyaa kun barana yeroo 22ffaaf adeemsifama.

Namoota kuma 40 kanneen keessaa Itoophiyaa dabalatee atileetota beekamoo biyyoota alaa 500n ta’an fiigicha kanarratti qoda fudhatanis jedhamera.

Fiigicha olaanaa baranaa kanaaf hirmaatonni torban lama keessatti tiishartii kuma 40 bitachuudhaan kan qophaa’an yoo ta’u hundisaanii dorgommii boru kanarraatti ni hirmaatu jedhametti eggamu.

Karaa gara biraatiin waajiri fiigicha olaanaa Itoophiyaa kun atileetoota Itoophiyaa jaha kanneen addunyaarratti beekamanif badhaasa addaa badhaasun isaa beekamera.

Haaluma kanaan taphawwan olompikiifi shaampiyoonaawwan addaunyaarratti mo’achuudhaan Itoophiyaaf Meedaaliyaa kanneen argamsisan dhiironni sadifi dubartonni sadi badhaafamaniiru.

Dhiiraan Tsagaayee Kabadaa,Taamiraat Tolaafi Mosanat Garamaw,dubaraan ammoo Wudee Ayyaaleew,Asalafach Margaafi Yaalmzarf Yehuwalaw badhaafamaniiru.

Atileetota kanneen keessaa Tsagaaye Kabadaa,Wudee Ayyaalewufi Asalafach Margaa fiigicha olaanaa Itoophiyaa kanarratti hirmaachuudhaan meedaaliyaa warqii argachuunsaanii kan yaadatamuudha.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 10 Bara 2015

Recommended For You