“Hojiin keenya akka milkaa’u kan taasise amanamummaadha” – Abarraa Caalaa

Tola ooltummaan hojii namni tokko fedhiisaatiin naannawasaas ta’e bakka kamittuu nama dhuunfaa, hawaasa ykn biyya ni fayyada jedhee kaffaltii tokko malee hojjetuudha jechuun ni danda’ama.

“Bara jireenya koo keessatti wanti na gammachiisu yoo jiraate gaafan hojii tola ooltummaa keessatti hirmaachaa tureedha. Baran hojii tola ooltummaa keessatti hirmaachaa ture sana ganna ganna hojiin tola ooltummaa akka hojii idileetti kan lakkaa’amaa ture. Sababnisaas ganna ganna barnoota keenya cufnee gara maatii keenyaatti waan deebinuuf akkasumas waan boqonnaa qabnuuf hojii kana hojjechuun nuuf waan salphaa ture.

Hojii tola ooltummaa nuti yeroo sana hojjechaa turre keessaa muraasni, barnoota gannaa kanneen nuu gadi jiran barsiisuu, bishaan dhugaatii qulqulleessuu, daandii qulqulleessuu, namoota dadhaban mana irra deemanii gargaaruufi kkf ture. Waan nama dhibu keessaa hojiin yeroo sanaa barattoota yeroo sana dhimma kana keessatti hirmaachaa turreef tarii salphaa ta’uu danda’a. Garuummoo bu’aan nuti buufne qarshiidhaanis ta’e bu’aa argamsiiseen guddaa ture.

Hojii tola ooltummaa hojjechuun biyya ofii tajaajiluurrayyuu darbee jaalala biyyaa akka qabaannuuf ga’ee guddaa taphata. Fakkeenyaaf akka kootti waan yeroo sana sammuu koo keessatti hafee hanga yoonaa na yaachisu keessaa tokko yeroo mana maanguddoota deemnee dubbisaa turretti, abbootiifi harmootiin dulloomoon yeroo qofaasaanii ta’an oggaan argu utuun danda’ee jarreen kanneen dhaabbiidhaan itti deddeebi’ee gargaaree jechaan ture” jedha barreeffamni ani dhimma tola ooltummaarratti dubbise.

Nutis maxxansa kanaan gaafdeebii dargaggoo ijoollummaasaaraa kaasee abjuufi fedhii tola ooltummaa qabaachaa turee booda ammoo barnootaan utube lammiisaa gargaaruufi birmachuurratti cichee hojjetaa jiru tokko wajjin taasisne isin dubbisiisna.

Daraggoon kun Abarraa Caalaa jedhama. Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Gindabarat, Magaalaa Kaachisiitti dhalate. Barnootasaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa achuma, Magaalaa Kaachisiitti xumure. Digrii jalqabaa Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaatti barnoota soshiyolojiifi soshaal worki jedhamu qo’ate. Digriisaa lammaffaas yunivarsitichumatti soshaal saayikolojiidhaan hojjete.

Abarraan ammaan tana dhaabbata mitmootummaa Teknoo Sarvi jedhamutti mindeeffamee hojjetaa jira. Maatiisaa hojjettoota mootummaa ta’anirraa kan dhalate dargaggoon kun, barnootasaa sadarkaa jalqabaas ta’e lammaffaatti barataa jiddugaleessa ta’uu nutti himeera. Barnoota olaanaatti garuu barnootasaatti caalaatti cimuun digrii jalqabaa qabxii olaanaadhaan (3.8n) xumuruu dubbata. Gaafdeebii gabaabaan Abarraa wajjin taasisne kunooti.

Bariisaa: Maqaan Abarraa yeroo dhiyoo as miidiyaalee hawaasummaarratti bal’inaan ka’aa jiraatii kun maaliif ta’e?

Abarraa: Egaa namoonni maqaa koo karaawwan gara garaatiin kaasu. Ani carraa Waaqayyoo naa kennetti fayyadameen namoota rakkoo hamaa keessa jiran utubuuf karaa miidiyaa hawaasaa kaka’umsa uumee akka isaan gargaarsa argatanii, warri dhukkubsatan ammoo wal’aanamaniif hojii tola ooltummaa hojjetaa jira.

Bariisaa: Hojii tola ooltummaa kana yoom, akkamitti jalqabde mee?

Abarraa: Kan akka naa hubatamu barbaadu yeroo koronaan ummataafi biyya keenya rakkisaa ture sanatti koree jabaan namoonni guguddoofi beekamoon keessa jiran tokko hundaa’ee ture. Ani yeroo sana miseensa ta’uu baadhus duubaan qindeessaan ture. Yeroo sana karaa telegiraamii maallaqa walittiqabuu jalqabne.

Ani ammoo miidiyaa hawaasaa (fees buukiirratti) akka namoonni qarshii nu gargaaran kakaasaan ture. Suuraafi maqaa namoota gargaarsa nuu kennanii fayyadamee fees buukiirratti galateeffadhe. Kana booda namoonni kaanis nagayeefi suurasaanii naa erguu ittifufan. Anis ebelu qarshii hammanaa galcheera jedhee ibsaan ture. Sochii namoota harkaqal’eeyyii gargaaruu nuti miidiyaa hawaasaatti fayyadamnee gochaa turre haala kanaan fudhatama argachaa dhufe.

Kanaanis namoota daran rakkataniif hanga qarshii miliyoonotaatti lakkaa’aman walittiqabuu dandeenye. Ka’umsi koo garuu jalqabbiinsaa kan koree ta’us koviid-19 irratti kan hundaa’eedha. Kanaanis ummata keenya aanaalee Ginda Baratiifi Abunaa Ginda Baratitti argaman bira hanga humna keenyaa dhaabachaa turre. Midhaan nyaataa dabalatee waanuma vaayirasicha ittiin ofirraa ittisanillee dhiyeessaa turre. Sana booda namoonnis na baranii hojicha ofuma kootii ittifufe. Kanaanis hanga qarshii miliyoona 2.7tti walittiqabeera.

Bariisaa: Korichi maal jedhamaayyuu, eenyutu hindeesseeyyu?

Abarraa: Maqaan korichaa ‘Aid for GDR and AGDR’ jedhama. Ijoollee Ginda Baratiifi Abuna Ginda Baratirraa walitti dhufantu hundeesse. Qe’umaa ka’amee babal’ata jedhameet kun ta’e. Ka’umsi sochichaa haala kanaan ta’us hojiilee adda addaa fees buukiirratti maxxansaa turuun koo akkan beekamu na taasiseera.

Anis sanumarraa ka’een hojiilee adda addaa hojjechuu danda’e. Sochiin korichaa garuu sababoota garagaraatiin ittifufuu hindandeenye. Namoonni yeroo sana sochicha keessa turan tokko tokko ammas ittifufuudhaan tattaaffii keenya utubaa jiru, waliinis hojjechaa jirra.

Bariisaa: Namoota gargaaramuu qaban haala kamiin argatta?

Abarraa: Namoota gargaaramuu qaban miidiyaa adda addaarraas akkasumas karaa namoota dhuunfaa eeruun nu qaqqaba. Hiriyoonni koos jiru kanneen na faana qindeessan. Isa fudhannee maxxansina; namoonni walharkaa fuudhu. Gargaarsa nama tokkoorratti hanga namoota 800tu hirmaata.

Biyya alaas gareen of danda’ee ijaaramee socho’u jira. Isaanis kaka’umsumasaaniitiin doolaara walittiqabu. Oggaa nuti asii eegallu isaanis achii ittifufu. Isaan wajjin hariiroo gaarii qabna jechuudha. Hojii tola ooltummaa kana kan jalqaban ijoollee aanaalee lamaanii ta’anis namoonni godinaalee Oromiyaa adda addaa keessa jiraataniifi dhimmichatti gammadan hirmaachaa jiru. Hojiifi adeemsi keenya waan qulqullina qabuuf namoonni bal’inaan ittiseenanii hirmaataa jiru. Caalaatti kan nuti gargaarru namoota dhukkubsatanii waan ittiin wal’aanaman hinqabneedha.

Bariisaa: Namni dura telegiraamiirratti garee (giruuppii) uumee hojii kana eegale eenyu? Tattaaffiin keewoo akkamitti ibsama?

Abarraa: Namni dura telegiraamiirratti garee uumee hojii tola ooltummaa kana eegalchiise Malkaamuu Ijjiguu jedhama. Asirratti ibsuuf kan nama danqu akkuma irranatti sii kaase hojii inni duraa koreedhaan dalagame. Deggarsi sana booda nuti namoota adda addaarraa funaanuun gargaarsaaf oolchinu kan argamu tattaaffiidhuma kootiini. Namoota fees buukiirratti na barantu arjooma.

Oggaa koreen duraa diigamee sochichi sababoota adda addaatiin addaan citetti ani ittumanfufe. Namoonnis hojii kana haa hojjennu jedhanii na affeeru. Oggaan namoota gargaaru koreen akka hundeeffamun taasisa. Kunis maatiifi hiriyootarraa ta’uu danda’a. Korichi kanuma nama gargaaramu sanaati. Koreen sun namoota kakaasa. Nuti ammoo miidiyaa hawaasaa fayyadamnee hojicha ittifufsiisna. Gara fuulduraatti koree idilee hundeessinee hanga naannootti darbees biyyaatti guddisnee ittideemuuf karoorfanneerra.

Bariisaa: Hojii tola ooltummaa akkanaatiif maaltu si kakaase mee?

Abarraa: Tola ooltummaan gocha hawaasuma keessatti guddatteefi wajjin jiraatturraa barattuudha. Anis hawaasuman keessatti guddadherraa baradheen itti seene. Hojiin akkanaa ijoollummaadhuma kootiin na keessa ture. Gaafan soshiyolojiifi soshaal workii baradhullee dhaabbata mitmootummaa galuun sammuu koo keessa ture. Dhaabbanni mitmootummaa nama gargaara. Hawaasaaf tajaajila kenna. Bu’uuraalee misoomaa ijaara kan jedhufaatu sammuu keessa ture.

Garuu kanin hojii kanatti seene karoorsee ykn ittiyaadee otoo hintaane hiriyaan koo tokko qarshii kuma 50 nama gargaare. Isa kana fuudheen fees buukiirratti maxxanse. Kanumarraa ka’anii namoonni walii birmachuu ittifufan. Kun egaa akkuma tasaa kan uumame ta’us fedhiifi hawwii hojii akkanaarratti bobba’uu durumaa nan qaba. Kanaafis hawaasni keessatti guddanne murteessaadha.

Bariisaa: Namoota gargagaartan kanneen akkamiin filattu? Ulaagaan keessan maalinni? Oggaa hojii kana hojjettan akka eeggattummaafi hirkattummaan hinbabal’anneef of eeggannoo akkamii taasistu?

Abarraa: Egaa nuti hanguma humna keenyaa hojjenna. Namoonni gargaaramuu qaban ykn barbaadan baay’eetu jiru; iddoowwan hunda. Namoota gargaarru kan argannu karaa miidiyaalee adda addaa ta’uu sitti himeera. Akka fakkeenyaatti nama tibbanuma gargaarre tokko akkuma nama kamiituu televizhiniirratti ilaalle. Namni kun waggoota 24 dhukkubsatanii sireerra turan.

Haati warraasaanii ijoollee guddisaa nama kana kunuunsaa turan. Hiriyoonni koos ta’an namoonni adda addaa oggaa waantota akkanaa argan odeeffannoosaa naa ergu; namni akkanaa rakkoo hamaa keessa waan jiruuf gargaaramuu qaba naan jedhu. Anis seenaa nama sanaa barreesseen haa gargaarruu? jedhee fees buukuurratti maxxansuun gaafadha.

Yaada kennamurraa kaanee yoo namoonni baay’een eeyyee; gargaaramuu qabu jedhan ittiseenna jechuudha. Hojii kana hanga dhaabbata idilee qabaanutti akkanumatti ittifufna. Gara fuulduraatti dhaabbata waa maraafi dhaloota hunda of keessatti hammate hundeessuuf yaadna. Ammaaf garuu namootuma rakkoo hamaa keessa jiru jedhamanii odeeffannoo nu qaqqabe akka gargaaraman gochaa ittifufna.

Bariisaa: Miidiyaa hawaasaa kana namoonni keessumaa dargaggoonni oggaa waan hinmalleef oolfatan mul’atu. Ati ammoo faallaa sanaatiin tola ooltummmaaf oolchaa jirtaatii warra sanaaf gorsa akkamii qabda mee?

Abarraa: Eeyyee. Carraa kana Rabbitu naa kenne. Anis of eeggannoodhaanin ittifayyadamaa jira. Miidiyaa hawaasaa yoo waan gaariif oolfanne ni fayyadamna, yoo waan yaraaf fayyadamne waanuma yaraatu nu mudata. Filannoon kan abbaati.

Namni kamuu miidiyaa hawaasaatiin yoo fayyaduullee baate miidhuu hinqabun jedha. Dhimma kanarratti dhaloonni gadifageessee of gaafachuu qaba. Olola, gandummaa, maqballeessiifi atakaaroo miidiyaa hawaasaarratti adeemsifamurraa of qusachuu qaba. Bilisa ta’ee akkuma koofi fakkaattoota koo waan gaariif ittifayyadamuu qaba.

Nuti miidiyaa hawaasaatti fayyadamnee artistoota keenya guguddoof mana jireenyaa binneerra. Kanaaf dargaggoonni keenya ykn dhaloonni kun yoollee ummata keenya gargaaruuf carraa dhabe miiidhuu hinqabnu. Haala hawaasa hinmiineen, namootaafi ummata walitti hinbuusneen otoo fayyadamee gaariidha. Yoo danda’ame hojii tola ooltummaa ittiin raawwachuun gaariidha.

Dubbii keenyarratti tola ooltummaan maallaqa walitti qabuu qofa miti. Namoota sababoota adda addaatiin gargar fagaatanii turan walitti fiduun ni danda’ama. Anis haala kanaan namoota danuu walitti fideera. Fuula fees buukii koorratti maxxansee namoota yeroo dheeraaf walirraa fagaatanii turan daqiiqaa 30 keessatti bilbilaan akka walqunnaman taasiseera. Waantota barumsaafi odeeffannoo kennaniifi bashannansiisan maxxansuun ni danda’ama. Kanaa achi waanti tokkummaa ummata keenyaa miidhu otoo maxxanfamuu baateen jedha.

Bariisaa: Hojii hojjettu kanaaf namoonni hiika biraa kennan hiniranii? Si shakkuun si hinmudannee?

Abarraa: Sirrii jette. Kan koo waanti adda godhuufi anis itti boonu gaafa maallaqa walittiqabnu lakkoofsi herrega baankii karaa nama gargaaramu sanaatiin banamerratti galuusaati. Fakkeenyaaf Obbo Mootiif maallaqni walittiqabama yoo ta’e herregni baankii maqaa haadha warraasaatiin banama.

Maallaqni karuma kamiinuu na bira hingahu. Obboleettiin koo, haadhoon qarshii kuma shan sittin kennaa ati galchi naan jennaanin dide. Ishee nan namana; waan obboleettii koo taateef. Garuu boru maqballeessuun mudachuu mala jedheen dide.

Kanaaf ani obboleettii koo dabalatee eenyuma harkaayyuu maallaqa harkaan hintuqu. hinfuudhu. Koreefi miseensonni keenya biroonis hintuqan. Lakkoofsi baankii kallattummaan waan banamuuf hojiilee milkaa’uu hedduu hojjenneerra. Maallaqichi kallattummaan nama gargaaramu sanaaf gala.

Hojiin keenya akka milkaa’u kan taasise amanamummaadha. Kun muuxannoo gaariidha. Qoodni koo warra gargaaruufi gargaaramu walqunnamsiisuu qofa. Namoonni qarshii arjooman nagayee baankiitti galchaniin naa ergu; ani isa fuudheen fees buukiirratti fedhiisaaniirratti hundaa’ee maxxansa. Kana qoodni koo.

Bariisaa: Haala kanaan hanga ammaatti namoota meeqa gargaarteetta? Warri gargaarsi taasifameef hoo qarshii argatan maaliif oolfatu laata?

Abarraa: Qarshiisatu olaanaadha malee hanga ammaatti qabatamaan namoota jaha gargaarre. Gargaarsi maallaqaa yeroo koronaa koreedhaan walittiqabame midhaan nyaataatiif akka oolu taasifame. Meeshaaleen wal’aansaafi ittisa vaayirasichaatiif oolanis ittiin bitamaniiru. Warri sana booda gargaaraman hundisaanii kanneen dhukkuba hamaa keessa jiraniifi nama isaan gargaaru hinqabneedha. Wal’aansaaf oolfatu jechuudha. Xiyyeeffannoon keenyas kanumarratti.

Bariisaa: Qaamni mootummaa naannawa keessan jiru hammam isi utubaa jiraa? Akeekni kee egeree hoo akkamitti ibsama?

Abarraa: Hojiin keenya caalaatti bu’aaqabeessa akka ta’uuf jaarmiyaa ta’uu qaba. Akeekni keenya dhaabbata guddaa akka Siikkoo Mandoofi Maccaafi Tuulamaafaa akka ta’uudha. Kanaafis hojjetaa jirra. Ta’us haalli amma biyyi keessatti argamtu hojii keenyatti hanga tokko danqaa ta’eera. Qaama dhimmi ilaallaturraa seeraqabeessummaa akka argatuuf ittideemaa jirra. Dhaabbilee adda addaa wajjinis hojjetaa jirra.

Bariisaa: Namoota akka kee kana hojii tola ooltummaarratti bobba’an wajjin hariiroo uummachuurratti maaltu hojjetame?

Abarraa: Dhaabbileefi namoota akka keenya hojii tola ooltummaarratti boba’an wajjin biyya keessaa hanga alaatti hariiroo gaarii qabna. Warri wajjin mari’ataa jirrus jiru. Gama dhimma barnootaafi gabbisa dandeettiitiin yeroo ji’a sadii hincaalle keessatti sadarkaa tokkorra ni geenya jenneet cichinee hojjetaa jirra.

Bariisaa: Dhumarratti yoo dhaamsa qabaatte?

Abarraa: Egaa, carraa Rabbi naa kenneen hojii tola ooltummaa hojjechaan jira. Kanaanis ummata keessaa baane gargaaruun, waanuma qabnurraa gargaaruun nama rakkate waan guddaadha. Isa gargaareefis boqonnaa sammuufi gammachuu kenna. Kanaaf namoonni hundi hojii akkanaarratti waanuma qabaniin otoo hirmaatanii gaariidha.

Kanaaf qarshii guddaa walittiqabuu nama hinbarbaachisu. Waanuma xiqqoo walittiqaqabnee waan guddaa hojjechuu dandeenya. Kanas qabatamaan raawwannee agarreerra. Nuti, Oromoon gama kanaan baay’ina keenyatti fayyadamaa hinjirru. Otoo waanuma xiqqoo walitti buusnee waan guddaa hojjechuu dandeenya.

Akka namoonni biyya keessaafi alaa bal’inaan hirmaataniifis afeeruun barbaada. Sochii hanga ammaafi iccitiin milkaa’ina keenyaa hirmaannaasaaniiti waan ta’eef guddiseen isaan galafeeffadha. Hojiin tola ooltummaa kun kan gareedhaan milkaa’aa jiru waan ta’eef qindeessitoota hundaafis galatan galcha.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 10 Bara 2015

Recommended For You