Qiddus Giyoorgis liigicha dursaa jira

Finfinnee: Bulchinsa magaalaa Finfinneefi Dirree Dhawwaa dabalatee naannoolee Ummatoota Kibbaa, Sidaamaa, Amaaraaraafi Oromiyaarraa Kilaboonni 16 irratti hirmaachaa kan jiran Shaampiyoonaan kubbaa miilaa Beeti kiingi pirii meerii liigii Itoophiyaa kan marsaa tokkoffaa torban torbaffaa dheengadaafi kaleessa Isaadiyooma magaalaa Dirre Dhawaatti ittifufe ooleera.

Walmorkiiwwan adeemsifamanitti liigicha dursaa kan jiru kilabni han gaftichi Qiddus Giyoorgisifi bulchisn magaalaa Walqixee 2-2n,keesumeessaan shaampiyoonichaa Dirre Dhawaafi Machaal ammoo 1-1n add bahaniiru.

Qabxiinsaanii maxxansaaf nu dhaqqabuu baatus walmorkiin kun kaleessas ittifufuudhaan barana ligichatti kan makaman kilabonni Inshuraansiifi Humna Ibsaa, Bunni Sidaamaafi Hawaasaan taphataniiru.

Taphawwan hanga ammaatti adeemsifamanitti kilabni Qiddus Giyoorgis qabxii 14n dursaa kan jiru yoo ta’u, Hadiyyaa Hosaa’inaan qabxii 13n Inshuraansii 12n sadarkaa lammaffaafi sadaffaarratti argamu.

Akkasumas Baahir Daar qabxii 11n, Hawaasaan, Bunni Itoophiyaafi Walqixeen galchaan walcaalanii qabxii kudhan kudhaniin shanaffaadhaa hanga torbaffaarratti argaman.

Bulchisni Dirre Dhawaa qabxii saddeettiin saddeet taffaa, kilaboonni Adaamaa, Magaalaa Faasiil, Mchaaliifi Bunni Sidaamaa garaagarummaa galchaan walcaalanii qabxii torba torbaan saglaffaadhaa hanga kudha lammaffaarra jiru.

Kilaboonni Humna Ibsaa, Walaayittaa Dichaafi Arbaa Minci qabxii shanshaniin sadarkaa 13ffaadhaa hanga 15ffaarratti yoo argaman, barana gara liigii piriimeerii Itoophiyaatti ol kan ce’e kilabni Oromiyaa Laga Daadhii Laga Xaafoon ammoo qabxii afuriin sadarkaa dhumaa 16ffaarra jira.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 3 Bara 2015

Recommended For You