Ispoortiin fayyaadhaaf, nagayaaf, guddinaaf, jaalalaaf… …ispoorti, ispoortii….

Finfinnee: Alii Birraa Itoophiyaa Baha, Magaalaa miidhagduufi jaalatamtuu Dirre Dhawaatti bara 1940 dhalate. Umrii daa’imummaasaatti akkuma ijoollee magaalaa Dirre Dhawaa gandasaatti kubbaa huccuu gangalchuudhaan guddate.

Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaati hiriyootasaa wajjin asii achi dirree keessa buraaqun ispoortii, keessumaa kubbaa miilaafi atileetiksii hordofeera. Magaalaa Finfinneettis mana barumsaa Kaatediraalitti jaalala ispoortii kana hindhiisne.

Magaalaan Dirre Dhawaa seenaa ispoortii kubbaa miilaa biyya keenyaa keessatti Kilaboota cicimmoo kanneen akka Baabura lafoo, Huccuu, Itiyoo Siminti, Poolisii Bahaa, warshaa Daakuu Dirre Dhawaafi kkf hundeessee taphattoota beekamoo horachuudhaan beekamtti.

Dirre Dhawaan taphatota beekamoo kanneen akka Luchaannoo Vaasaaloofi Itaaloo Vaasaaloo, Bakarii, Dirree, Mahaammad Usmaanfaa garree kubbaa miilaa Itoophiyaaf kan argamsisteedha.

Itoophiyaan waancaa kubbaa miilaa Afrikaa sadaffaa magaalaa Finfinneetti keessummeesstuudhaan yoo fudhatu ga’een taphattoota Dirre Dhawaa olaanaadha.

Alii Birraas Jaalala ispoortiif qabuun yeroo baay’ee istaadiyooma Finfinnee galee hiriyootasaa faaruudhaan maqaa masoo tiiadda addaa jajabeessaa tureera.

Ijooleen Dirree Dhawaa kanneen yoomiyyuu hiniraanfatamne Solomoon Tasamaa, Ibraahim Haajii Alii, Damisee Daamxefi Gorfinaa Yimar Raadiyoofi gaaxeedhaadhaan guddina ispoortii kubbaa miilaaf ummata dadamaqsan Alii Birraas ispooritiifi muziqaan tokko ta’u waan amanuf sirba isaa keessatti “Ispoortii ispoortii, ispoortiin jaalala, ispoortiin obbolummaafi walitti dhufenyaa ummata Addunyaatti, ispoortiin tokkumaafi cimina qaamatti” jechuudhaan sirbaan agarsiiseera.

Alii Birraa cimni qaamaa umrii dheeraa, sammuu ifaa akksumas illmaan namaa jidduutti jaalalaafi wal marartii akka fidu waan beekuuf osoo hojii muziqaa hinjalqabin dura waltajjiirraatti sochii qaamaa akka taasisu hiriyoonnisaa ni dubbatu.

Ummata biratti jaalatamaafi kabajamaa kan ture Alii Birraa yeroo haara galfannaasaa kan dabarsu muuziqaa maddiitti ispoortii daaw’achudhaan itti bashanana.

Akkasumas dargaggoota guddatoota manneen barnnotaafi ganda keessatti gargaarsa ispoortii gaafatanif yeroo baayi’ee arjomuudhaan kan beekamuudha Aliin.

Kana malee ispoorteessitoota Dirre Dhawaa kanneen kubbaa miilaa, biskileetiifi bunyaa taphachuudhaan sababiiwwan adda addaattiin ispoortiidhaan adda bahanii qaama isaan ilaalu dhabuudhaan manasaaniitti rakkatan hanga humnisaa danda’etti qarqaarsa gochuudhaan beekama.

Muziqaadhaan biyya keessaafi addunyaarratti beekamtii kan argate Doktorri Kabajaa Alii Birraa umri 75tti addnuyaa tanarraa tibana boqochuudhaan sirni awaalchasaa bakka itti dhalate magaalaa Dirre Dhawaatti raawwatera.

Alii Birraa Addunyaa tanarraa boqotus hojiinsaa waan hinboqonneef dhaloota dhufu birattis yoomiyyuu hindagatamu.

BARIISAA SANBATAA Sadaasa 3 Bara 2015

Recommended For You