Maqaansaa jalqabaa Alii Mahammad, maqaan mootii aartii ta’uusaatiin ittiin beekamu ammoo Alii Birraa kan ta’eefi warra isatti dhiyaataniin Adeeroo jedhamee waamamu Doktara Kabajaa Artisti Alii Birraa abbaasaa Obba Mahammad Mussaafi haadhasaa Aadde Faaxumaa Aliirraa ji’a Caamsaa bara 1940 magaalaa Dirre Dhawaa, Ganda Qoreetti dhalate.
Alii Birraa barnootasaa Afaan Arabaafi Qur’aana barachuudhaan eegalee barnoota kutaa 1ffaa mana barnootaa MaDoktaraasaa Jadiidaa jedhamuufi mana barnootaa Li’ul Mokonniin jedhamu kan achuma, Dirre Dhawaatti argamutti barate. Sadarkaa 2ffaa Finfinnee, Mana Barnootaa KaateeDoktaraal jedhamutti; ittaansees Ameerikaa, Kaalifoorniyaatti kolleejjii Saantaa Mooniikaatti ogummaa muuziiqaa barateera.
Abbaan Alii Birraa ilmisaanii baratee makaanikii akka ta’uuf hawwaa kan turan ta’us inni garuu nama ijoollummaasaatii eegalee fedhii ispoortiifi muuziqaa qabuufi siniimaa ykn fiilmii ilaaluu jaalatu ture. Bara 1954 seenaa aartii ammaayyaa Oromoo keessatti boqonnaa addaa kan bane Baandiin Urjii Bakkalchaa qaama sochii qabsoo Afran Qalloo ta’ee hundaa’uun Alii Birraatiif carraa addatti uume. Hawwiifi fedhiisaa guuttachuufis karaa baneef.
Baandiin Urjii Bakkalchaa kan hangafootaa yoo ta’u, Baandiin Hiriyaa Jaalalaa ammoo gaaddisa Baandii Urjii Bakkalchaa jalatti kan artiistoonni jalaa itti guddatan ture. Alii Birraas miseensa Baandii “Hiriyaa Jaalalaa” ta’ee ogummaa umurii guutuu ummata ittiin tajaajile jalqabe.
Baruma aartii jalqabe san ayyaana Iidaa tokkorratti Baandii Urjii bakkalchaa wajjin walleesaa tan jalqabaa “Birraadhaa Barihe” jettu weellise. Sirbisaafi sagaaleensaa daran jaalatameef. Matadureen sirba kanaa isaafis maqaa abbaa tahee, Alii Mahammad jedhamee waamamuunis hafee Alii Birraa ta’e. Maqaa mootii aartii Afrikaa!
Walleen sirbi Alii Birraa gaafa daa’ima ture Birraadhaa Barihe jedhee weellise kunis aadaafi aartii Oromootiif birraan barihuu, barri ifaa dhufuu kan ibsuufi seenaa aartii ammayyaa Oromoo keessatti mootiin Aartii dhalachuu ifattii kan dhugoomse ta’e.
Akkaataa kanaan, Artisti Alii Birraa Baandii Hiriyaa Jaalalaarraa gara Baandii Urjii Bakkalchaatti guddatee jaalaalaafi kabajaan simatamee “guddadhu” jedhamee eebbifamee artistoota guguddoo akka Doktara Kabajaa Alii Shanboofaa wajjin weellisuu ittifufe.
Imala haarayaa jalqabe kanaanis aartii ammayyaa Oromoo utubee ijaaree, guddisee, dagaagsee, sadarkaa fiixeerraan gahee ofiifis bakkalcha aartii Oromoo ta’ee dukkana ummata keenyarra ture gara ifaatti jijjiiruuf qooda guddaa gumaache. Magaalaan Dirre Dhawaas qaanqee aartiin ammayyaa ummata Oromoo itti qabsiifame, jiddugala qabsoo Oromoo akka taatu shoora olaanaa taphate.
Doktara Kabajaa Alii Birraa hiriyootasaa wajjin Harargee keessaa iddoowwan adda addaa naannawee agarsiisa muuziqaa ummataaf dhiheessaa eega turee booda, waamichaa kabajaa Jibuutiirraa Baandii Urjii Bakkalchaatiif dhufeen inniifi hiriyoonnisaa gara Jibuutii deemanii agarsiisa muuziqaa biyya alaatti yeroo jalqabaatiif dhiheessuuf akka hayyamamuuf gaaffiin mootummaaf dhiheessan fudhatama waan dhabeef hayyama mootummaatiin ala gara Jibuutii imaluuf dirqaman. Imala gara Jibuutiirratti Alii Birraa daangaa Jibuutiitti qabamee ji’a tokko hidhame. Gaafa agarsiisa muuziqaa Jibuutiitti xumuranii biyyatti deebi’an ammoo Alii Birraa dabalatee miseensonni Baandii Urjii Bakkalchaa waan hidhaaf saaxilamaniif Alii Birraa haala adda ta’een hiriyootasaa biraa fuudhamee Magaalaa Harar geeffamee ji’a jaha hidhame.
Eega hidhaa bahee booda Artisti Alii Birraa gara Finfinnee godaane. Mootiin aartii kun yeroo Finfinnee dhufu biyyaaf keessummaa waan tureef rakkoo guddaan mudatus handhuura Oromiyaatti galuusaa akka carraa guddaatti fudhate, ittis fayyadame.
Gitaara qabatee sirbuudhaan Finfinnee keessatti yeroo gabaabaatti beekamtii olaanaa gonfate. Achumaan Orkeestiraa Kibur Zabanyaa keessa waggaa sadii artiistota beekamoo akka Xilaahuun Gassasaa, Bizunash Baqqalaa, Mahammuud Ahmadiifi kkf wajjin tajaajileera.
Tajaajila waggaa sadii booda haalli ture waan itti hintoliniif Orkeestiraa Kibuur Zabanyaa keessaa bahee, hojii muuziqaa guutuutti dhiisuuf murteeffatee hojii biraa babaaduu eegale. Achumaanis hogganoota Kubbaaniyyaa Baabura Lafaa Itoophiyaa isa beekaniin gargaaramee Magaalaa Awaashitti galee buufata baaburaa keessatti meekaanikii tajaajila bishaanii ta’ee hojjachuu eegale.
Haa ta’u malee, inni nama aartiif uumame waan ta’eef aartiirraa fagaachuun daran isa rakkise. Waan ta’eefiis Finfinneetti deebi’ee ergama artiistummaa uumamaan kennameefiin ummata tajaajiluu ittifufe. Akkaatuma kanaan Adeeroo Alii Birraa seenaa Oromoo keessattii magaalaa Finfinneetti baandii ammayyaa Afaan Oromootiin tajaajilaa ture Baandii Aduu Birraa jedhamu hundeessuudhaan iddoo bashannanaa Afaan Oromootiin tajaajilu uumee hojii jalqabsiise.
Baandiin Aduu Birraa kunis daran jaalatamaa ture. Kanaafis gaheen Alii Birraa daran olaanaa ture. Sana booda Baandii kana hiriyootasaatiif dhiisee Finfinnee keessatti ‘IBEX BAND, ETHIO STAR BAND’fi baandilee ammayyaa hedduu wajjin Hoteela D.Afriik, ‘Raas Hotel’, Hoteela Harraambee, Hoteela Hiltooniifi iddoowwan adda addaatti kilaboota muuziqaa galgalaa (Night Club) hojjatan wajjin tajaajileera.
Bara Oromummaan miidhaa guddaa keessa ture san, magaalaa Finfinnee keessatti walleelee (sirboota) Afaan Oromoo mimmiidhagoo dhageeffatamanii hinquufamne kaaseettaan waraabsisee ummataaf dhiheessuudhaan muuziqaa ammayyaan Oromoo industirii gabaa muuziqaa biyya keenyaa keessatti fudhatama guddaa akka argatuufi sadarkaa olaanaarra akka gahu cimee hojjate.
Sirboota bara san ummataaf dhiheessaa tureen sagalee ummata keenyaa kan ukkaamamee ture ifatti baasuu, sirboota hawwatoofi jaalatamoo, onnachiisoofi gammachiisoo baasuudhaan akka biyyaatti artistii gita hinqabne ta’aa dhufe. Artistota jalaa dhufaniifis fakkeenya ta’ee karaa bane.
Artisti Alii Birraa qabsaa’aa hangafa, goota gootaa olii, falmaa mirga namoomaafi abokaatoo haqaa ta’uudhaan Oromummaan akka dagaagu, ummanni keenya akka walbaratu, miidhaan irra gahaa tures addunyaarratti akka dhaga’amu adda durummaan qabsaa’eera.
Meeshaa muuziqaafi sagaleesaa akka meeshaa qabsootti fayyadamuudhaan karaa nagaatiin lolee lolchiisee, qabsaa’ee qabseesseera. Roorroo Oromoorra gahaa ture dura dhaabbatee falmeera.
Ummanni keenya mirgaafi bilisummaasaa akka falmatu kakaaseera. Sagalee haqaafi bilisummaa ummata keenyaa ta’ee tajaajileera. Aartii Oromoofi Itoophiyaa sadarkaa olaanaarraan gahuufis qooda murteessaa gumaacheera.
Artisti Alii Birraa Artistii Oromoo, Itoophiyaafi Afrikaa, ogeessa gita hinqabne ta’uu hojii umrii guutuu hojjateen ifatti agarsiiseera. Saboota Itoophiyaa walitti dhiheessuufi tokkoomsuuf qabsaa’eera.
Bara Itoophiyaa keessatti loogiifi walqoodiinsi babal’achuu jalqabetti ummata Oromoo tokkoomsuufi waljaalala ummattoota biyyattii jidduutti cimsuuf “haati teenya takkaa maaltu addaan nubaase” jedhee weellisuudhaan sagalee tokkummaa ol fudhatee dhageessiseera. Sagalee jaalalaafi tokkummaa ta’uudhaan waljaalala ummattootaarratti ejjannoo cimaa qabu kanas karaawwan adda addaatiin ibsee jira. Bara 1960tti dhalatee umuriisaa waggaa 75tti du’aan addunyaa kanarraa godaane.
Sirni gaggeessaa reenfasaas Kibxata darbe Finfinnee Addababa’ii Michummaatti kan adeemsifame yoo ta’u, firoonni, jaalattoonnifi dinqisifattoonni bakk aargamanitti adeemsifameera. Sirnicharratti anga’oonni mootummaa naannoo, bulchiinsoota magaalaafi federaalaa argamaniiru. Anga’ootaafi anga’oota haasawaa taasisan keessaas muraasa qindeessineerra.
Ilillii Birraa (Lillii Maarqoos) haadha warraa Alii
Deggarsaafi jaalala keessan olaanaa yeroo ulfaataa jireenyakoo keessatti na mudate kan tti naa taasifataniif isnin galateeffadha. Namoota na waliin turan tokko tokkoon waamuun yeroo kanatti naaf ulfaataa ta’uus biyya guutuu galateeffachuun barbaada. Taateen kun biyyi keenyaafi ummanni keenya hammam bareedoo akka ta’aan kan nu yaadachiseefi nutti mul’iseedha. Kanaaf ammoo biyya biraa ykn ummata biraa gaafachuun nu hinbarbaachisu; kun duudhaa Alii waan ta’eefi.
Jaalalli, waliigalteefi nagaan hunda keenyaaf, kanammoo gochuu ni dandeenya. Akkuma hundi keenya yeroo bakka dhumaasaatti gaggeessinu gaddinee boonyee yaadannoosaa bareedaa akka isin qabdan nan amana. Yaadannoo sana of bira tursaa, sababnisaas kan isin waliin jiraatu isa waan ta’eef. Jiraachuusaa duudhaasaa bareedaa itti fufsiisuun agrsiifna.
Addunyaafi biyyi keenya bakka gaarii akka qaqqabduuf shoora olaanaa taphateera. Amma jannati ergamaashee sassaabbatteetti. Jaalalleekoo nagaan boqodhu, yoomiyyuu sin jaaladha.
Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa (Piredaantii duraanii Oromiyaa)
Aliin qabsaa’adha. Eenyummaa Oromoofi Oromummaa guddisuufi bal’isuu keessatti nama gahee olaanaa taphatedha. Waa’ee Oromoo qofa osoo hintaane namoonni akka waljaalatan, akka walitti dhihaatan, waliin jiraatan, nama ergaasaa waggoota dheeraaf dabarsaa dhufedha.
Uumama keenya ta’ee, ni jiraanna, ni duuna. Garuu nama akkanaa yommuu gaggeessinu baay’ee gaddina. Ani torban kana biyyi keenya gara nageenyaatti deemuudhaaf yeroo waan baay’een raawwatame kanatti, duutiifi waraanni waan dhaabbateef gammachuu keessan ture. Gammachuu sana utuun hinfixiniin gadda kana dhaga’e. Kanaaf artiistiin keenya guyyaansaa ga’ee jira, ni gaggeessina. Haa ta’u malee dhaloonni kan isa hordofan, ergasaa dhaga’anii hojiirra kan oolchan ta’uutu irra jira.
Duubatti deebinee waan Artisti Alii Birraa dubbate, hojjete yoo ilaallu waggaa 40 durarra dhaabatee wanna har’a ta’aa jiru itti mul’achaa ture jechuu dandeenya. Yeroo eenyummaan baay’ee hinbeekamneetti, yeroo namni qaana’utti Afran Qal’oo hundaa’e.
Achi keessatti ammoo Aliin iddoo olaanaa qaba. Ergaasaa keessaa hundaa ol waa lamatu na dhiba. Tokkoffaa, ergaa inni barnootarratti dabarse. Lammaffaan tokkummaafi waliin jiraachuudha. Haadha tokkorraa dhalannee maaltu wal nu nyaachisa jedha. Yeroo tokko tokko gaafan yaadu har’atu itti mul’ate natti fakkaata.
Alii Birraa yeroo baay’ees ta’u baate qaamaan argee waliin haasa’een jira. Nama namummaa guddaa, jaalalaafi ulfina nama qabudha. Kanaaf hundi keenya irraa barachuu qabna. Bara kana kan sirbuus sirba walitti naqu sirbee isarraa argachuu barbaada. Inni miidyaa hawaasaarratti barreessuus akkasuma godhee irraa fayyadamuu barbaada. Du’a namaarraa fayyadamuurra hafuu wayya. Kanaaf dhaloota har’aaf kanin dabarsuu warri aartii keessa jiran guddummaa aartii hubatanii nama kakasaa, cimsaa, karaa gaarii agarsiisaafi dhaloota ijaaraa deemuu qabu, Aliirraas kanuma barachuu qabu.
Obbo Shimallis Abdiisaa (Pirezdaantii Oromiyaa)
Aliin qabsa’adha, sagalee bilisummaa ummata Oromooti, barsiisaa seenaafi duudhaa ummata Oromooti. Aliin obbolummaafi walqixxummaa ummattootaatiif hundaa’ol ammoo tokkummaaf nama halkanii guyyaa hojjetee aarsaa kanfaledha. Aliin Oromummaa haasaadhaan hinjiraanne umuriisaa guutuu gochaan jiraate.
Ummata Oromoofi Itoophiyaa tokkomsuu, soda malee bilisummaafi walqixxummaaf dhaabachuufi dubbachuu, hundaa ol ammoo injifannoo argame kununsuu, kan itti dabalamu dabaluu, kan hanqate qeequu, gorsuun beekama. Utuu dhibamuu waa’ee ummatasaafi biyyasaa nama dhiphatu, nam aijasaa keessatti ummatasaa kununsuudha.
Aliin dhaloota ijaaruun furmaata waa hundaa akka ta’e hubatee, ummanni keenya akka baratuufi dammaqu, akka gabrummaa sammuusaa keessa jiru cabsatu, akka injifatu umuriisaa guutuu ummata kan kakaase, dammaqseefi utubedha. Amma ummanni keenya gootasaa, hirkoosaa, sagaleesaa dhabeera. Alii haa dhabnu malee ergaawwansaa barabaraan nu waliin jiraatu. Aliin mataansaayyuu Itoophiyaadha. Afaan Itoophiyaa kana hundaan sirbee ummata kallattiilee afranii walitti fiduuf aartiidhaan hojjete hammasaa hinjiru. Kanaaf ummanni Oromoofi Itoophiyaa hapheesaa tokkicha dhabee jira.
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 3 Bara 2015