Naannoo Oromiyaatti bara 2015 kilaboonni 93ni ni hirmatu

Finfinnee: Shaampiyoonaa kubbaa miilaa bara 2015 sadarkaa naannoo Oromiyaatti adeemsfamurratti kilaboonni 93 kan hirmaatan ta’uu Yaa’ii Kilaboota kubbaa miilaa Oromiyaarratti ibsame.

Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Saamiyaa Abdallaa yaa’ii kilaboota kubbaa miilaa Oromiyaa bara 2015 tibana magaaalaa Bishooftuutti adeemsifamerratti akka jedhanitti, kilaboota sadarkaa biyyaatti dorgomaa ta’an horachuuf gosoota ispoortii maraaf xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jraachuu adeesaniiru. Naannoon Oromiyaa liigii piriimeerii Ityoophiyaa keessaatti kilaboota naannicha bakka bu’an hedduu kan hinqabnne ta’u eeruun, kana furuuf kilaboota sadarkaa gadirraa cimsinee baasuun kilaboota dorggomaa ta’an horachuudhaaf hojjachaa jirras himaniiru.

Ittigaafatamaa Waajjira Federeeshinii Kubbaa Miilaa Oromiyaa Obbo Firoomsaa Laggasaa akka jedhanitti, bara waldorggommii xumurameetti kubbaa miilaa naannichaa guddisuuf hojii gaariin raawwatameera. Kilaboonni sadarkaa naannoo Oromoyaatti morkachaa turan shaampiyoonaa kilaboota naannoolee Ityoophiyaarratti hirmaachuun liigii biyyaalessaatti makamuus himaaniiru.

Yaa’ii waliigalaa federeeshinii kubbaa miilaa Oromiyaa gaggeeffame kanaan, liigiiin olaanaa Oromiyaa bara 2015 ramaddii sadiitti qoodamee magaalaa Jimmaa, Asallaafi Buraayyuutti akka gaggeeffamu itti gaafatamtichi adeesaniiru.

Liigii 1ffaa Oromiyaatti ammoo kilaboonni 58 ramaddii torbatti qoodamuun kan hirmaatan ta’uu himanii, bara kana liigii 1ffaa Oromiyaafi liigii olaanaa Oromiyaa keessatti kilaboonni 93 qooda fudhachuuf qophiirratti kan argaman ta’uus dubbataniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 26 Bara 2015

Recommended For You