Waancaan addunyaa hawwiidhaan eegamaa jira

Finfinnee: Waldaa kubbaa miilaa Addunyaa “FIFA”dhaan kan qophaa’u waancaan kubbaa miilaa Addunyaa biyyoota miseensota waldichaa jidduutti waggaa afuritti al tokko adeemsifamaa tureera.

Walmorkiin kan jalqabame ALA bara 1930 yoo ta’u, waggoota 92 lakkoofsiseera. Waggoota kanneen keessatti ALA bara 1942fi 1946 sababii waraana lammaffaa addunyaatiin addaan haacitu malee yeroo 20f biyyoota 17tti gageeffameera.

Biraaziil, Xaaliyaan, Jarman, Faransaayifi Meekisiikoon yeroo lama lama qopheessuuf carraa argataniiru. Biraaziil yeroo shan shaampiyoona ta’uudhaan addunyaarraa biyya duraatti. Jarmanifi Xaaliyaaniin ammoo al afur, afur mo’achuudhaan waancaa fudhataniiru.

Akkasumas Uraaguwaay, Faransaayifi Arjeentiinaan al lama lama shaampiyoona yoo ta’an Ingilaandifi Ispeen ammoo yeroo takka takka waancaa fudhataniiru.

Walmorkii kanarratti Ardii jaha irraa biyyoonni 32 kan hiramatan yoo ta’u, hanga ammaatti Ardii Awuroppaafi Ameerikaa Kibbaa keessa nannaana’a malee Waancaa addunyaa Ardii, Isiyaa, Afrikaafi Ameerikaa galee hinbeku.

Walmorkiin kun baranas Ardii Isiyaa Kuwaataaritti yeroo 21ffaaf gaggeeffamuufi umriin turban lamaa qophaa’uuf yoo isa hafu ummanni Adduynaa miira olaanaadhaan eegaa jira.

Taphichi Ramaddii saddeetiin biyyoota 32 jidduutti ALA Sadaasa 20 hanga Mudde 18 bara 2022 magaalota biyyattii shan, istaadiyoomota saddeetitti adeemsifama jedhamee eegama.

Haaluma kanaan ramaddii tokkoffaa keessatti qopheesitu waancaa Kuwaataar dabalate Ikuwaador, Seeneegaaliifi Neezarlaandii, lammaffaa keessatti Ingilaandi, Weelsi, masaanuwwan lameen Iraaniifi Ameerikaatu argamu.

Ramaddii sadaffaa keessatti ammoo Arjeentiinaa,Saudi Arabiyaa, Meeksiikoofi Polaandi, afraffaa keessatti Faransaayi, Awustiraaliyaa, Denmaarkifi Tuniziiyaa, ramaddii shanaffaa keessatti Ispeen, Kostaarikaa, Jarmaniifi Jaappaani.

Akkasumas ramaddii jahaffaa keessatti Beeljiyeem, Kaanaadaa, Morookoofi Kiroshiyaa, torbaffaa keessatti Yeroo shan shaampiyoona ta’uudhaan waancaa tokko kan dhunfaa kan godhate Biraazii, Sarbiyaa, Siwiizarlaandifi Kaameeruun, Ramaddii maahessaa saddeettaffaa keessatti ammoo Poolaandi, Gaanaa, Uraaguwaayifi Koriyaa Kibbaa ta’uun beekameera.

Akkaataa sagantaan waldaa kubbaa miilaa “FIFA” muldhisutti walmorkiin kun kan jalqabamu Sadaasa 20 bara 2022 Istaadiyoomii Albaayit jedhamutti qopheessituu waancichaa, Kuwaataariifi Ikuwaador jidduutti akka ta’u beekameera.

Istaadiyoomota Kuwaataar kanneen walmorkiiwwaan itti adeemsifaman keessaa guddichi daaw’ataa kuma 80 inni xinnaan ammoo kuma 40 keessummeessu akka danda’anis beekameera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 26 Bara 2015

Recommended For You