Afrikaa tokkoomsuuf qondaaltonni Afrikaa hedduun sochii gara garaa taasisaa turaniiru. Qondaltonni Afrikaa darban kan akka Hayilesillaasee, Kuwaamee Nikuruumaa,Toomaas Saankaaraafaan Ardii Afrikaa tokkoomsuun ykn Paan Afrikaanizmii hundeessuun Afrikaa ardii dhiibbaa biyyoota kamiirraayyuu bilisa taateefi dhimma ofii ofiin furattu ijaaruuf carraaqqii guddaa taasisaa turaniiru.
Kaayyoonsaa Afrikaa Ardii ani siibeekaan osoo hintaane natu ofii beekaan of dandeesse taasisuuf gaggeessitoonni darban gatii baay’ee kaffaluurra darbanii sadarka injifannoo boonsaa galmeessisuurra gahaniiru. Kun kan isaan galateeffachiisuufi adeemsa dargaggeessa boruu keessattimmoo miira ofitti amanamummaa kan horuudha. Sochiin kun cimee olaantummaan adii akka hafu, walqixxummaan akka dagaagu, qabeenya ofiirratti ofii ajajuun akka gabbatu, gidduseentummaan akka hafu kan taasisuudha.
Jalqabbiin kun akka dhugoomuuf yaa’iin Gaggeessitoota Dargaggoota Afrikaa Itoophiyaatti yeroo jalqabaaf tibbana kan gaggeeffame yoo ta’u, kaayyoonsaa Afrikaa tokkoomsuun dhimma ofii ofiin raawwatachuu akka danda’aniif kan kaayyeffatedha.
Qondaaltonni Afrikaa darban kan akka Hayilesillaasee, Nelsen Maandeellaa, Kuwaamee Nikuruuma,Toomaas Sankaaraafaan Paan Afrikaanizmii ykn Afrikaa tokkoomsuun dhiibbaa biyyoota lixaa mara jalaa baasuun Ardii dhimma ofii ofiin furattu, ilaalchaafi gidduseentummaa Ardiilee biroon alatti ofii of dandeessee sochootu ijaaruuf warraaqsa gara garaa taasisaa turaniiru. Warraaqsi Afrikaa tokkoomsuuf eegalame kun Afrikaan ofiin of dandeessee dhiibbaa kamirraayyuu bilisa taatee akka dhaabattu kan gargaaru yoo ta’u, abbumman qondaaltota dargaggoota Afrikaa har’aafi ol adeemtota duuba jiran harka kan jiru ta’uun himameera.
Yaa’ii Gaggeessitoota Dargaggoota Afrikaa tibbana Itoophiyaatti yeroo jalqabaaf adeemsifamerratti, hoggantoonni dargaggoota Afrikaafi kanneen dhimmisaa ilaallatu biyyoota 50 olirraa walitti babahan kan hirmatan yoo ta’u, kaayyoonsaa Afrikaa dhiibbaa biyyoota alaa mara jalaa bilisa baasuufi miira nidandeenya jedhu dargaggoota Afrikaa keessatti uumuuf kan kaayyeffatedha.
Adeemsi Ardii Afrikaa tokkoomsuufi dhiibbaa jalaa baasuu kun imala mootummaa jijjiiramaa Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad hundeessan kana jalatti gurmaa’uun Afrikaa badhaateefi gadi qabaa kamiifuu hinjilbeeffanne ijaaruuf dirree tokkummaan itti ijaaramudhas jedhameera.
Yaa’iin kun guyyoota afuriif kan gaggeeffame yoo ta’u, Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad haasaa sirna cufinsasaarratti yaa’ichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, egereen Ardii Afrikaa dargaggoota har’aa harka jira. Afrikaa tokkoomsuuf ilaalcha Paan Afrikaanizmii hundeessuun qondaaltonni darban sochii gara garaa taasisuufi bu’aalee boonsaa galmeessisaniiru.
Dhaloonni har’aa keessumattuu Gaggeessitoonni Dargaggoota Afrikaa har’aa kun qaanqee tokkummaa Afrikaa gadi qabaa jalaa baasuuf qabsoo aanga’oonni darban jalqaban finiinsuun dhaloota ittaanutti dabarsuuf har’a cimanii hojjechuu akka qaban yaadachiisanii, yaanni afrikaa tokkoomsuuf jalqabame akka dhugoomuuf dargaggoonni sayinsiifi teknoloojiin akka ijaaraman, dandeettii kalaqaasaanii akka gabbifataniifi giddugalli saayinsiifi teknoloojii akka Afrikaatti tajaajilu jiraachuun isa ijoodha jedhu. Isa kanaaf immoo giddugalli Saayinsiifi teknoloojii Itoophiyaa keessatti babal’ataa jiru jajajbeessaa ta’uu eeranii, dargaggoonni kalaqa adda addaa qabatanii biqilaa jiran kan nama onnachiisaniidha.
Saayinsiifi Teknoloojiin qaramuufi ijaaramuun dhiibbaa biyyoota lixaarraa Ardii Afrikaarratti aggaamu qolachuu akkasumas dargaggoo biyyasaarraa baqatu osoo hintane kan biyyasaatti badhaadhee wabii biyyaa ta’u horachuun akka danda’amu gargaara. Haaluma kanaan imala jijjiiramaa ashaaraa magariisaa babal’isuu, omisha qonnaa dachaan dabaluu, teknoloojii babal’isuu Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad eegalan fakkeenya godhachuun Afrikaa eeggattummaa jalaa baasuuf hiyyuma seenaa gochuuf itti gafatamummaan dargaggoota har’aa harka waan jiruuf gamanumaa of qopheessuun barbaachisaa ta’ee argameera.
Jalqabbiiwwan gama kanana jiran jajjabeessaa waan ta’aniif cimuu akka qabu hariiroon hawaasummaa, siyaasaafi dinagdees xiyyeeffannoo argachuu akka malu ka’ee jira. Isa kanaaf immoo gaggeessitoonni dargaggoota har’aa abbummaan socho’uun fala ta’uu kan kaasan Doktar Abiyyi, yaa’ichi jijjiirama fiduuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.
Yaa’iin kun akka gaggeeffamuuf yaada kan dhiyeessan Doktar Abiyyi Ahmad yoo ta’an, Afrikaan qabeenya uumamaan badhaatuu osoo taatee jirtuu haalaan itti fayyadamuu dadhabuun dinagdeen cimuu hindandeenye jedhu. Ardiin Afrikaa dinagdeen, hawaasummaafi siyaasaan akka cimtuuf abdiin dargaggootarra jiru olaanaadha jedhanii, isa kanaaf immoo qabeenya uumamaa gahaa ta’e qabdu haalaan itti fayyadamuun hiyyumaa seenaa gochuuf hojjechuun murteessa ta’uu kaasaniiru.
Ardiin Afrikaa humna dargaggoota dhibbantaa 70 qabdu kana qisaasa’ama tokko malee haalaan fayyadamnaan eeggattummaa jalaa bahuun waan oolu miti. Waldorgommii giloobaalaayzeeshinii keessattis dorgomaa ta’uuf humnaafi beekumsa qabnuun qindoominaan hojjechuun dirqama dargaggootaa ta’uullee biyyoonni Afrikaa marti murtee asirratti darbe kana hojiitti hiikuun Afrikaan ardii ofiin of hoggantu akka taatuuf sochiin jalqabame cimee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru. Dargaggoonni yaada Paan Afrikaanizmii eegalame jala bu’anii hojjechuun tokkuma yaadame milkeessuuf hojjechuu akka qabanis yaadachiisaniiru.
Keessumattuu pirojektoonni hedduu akka Itoophiyaatti hojjetamaa jiran hirmaannaa dargaggootaan kan raawwataman ta’uu himanii, hojmaanni kun dargaggoota Afrikaa biyyoota 50rraa walitti dhufan kanaaf fakkeenya gaarii ta’u, eeggattummaa hambisuufi seenaan ardii Afrikaa itti haara’udhas jedhameera.
Ittigafatamaa Liigii Dargaggoota Oromiyaa Dargaggoo Adinaan Hajii gamasaan ibsa miidiyaaf kenneen, yaa’iin dargaggoota Afrikaa biyyoota 50 ol keessaa babahan walitti qabe kun egeree Afrikaatti abdii jijjiiramaa kan horudha. Muuxannoo gaggeessitoonni darban Afrikaa tokkoomsuuf dhalootatti dabarsanii kennan dargaggoota har’aaf galtee Paan Afrikaanizmii itti mirkanaa’u ta’uu hubachiiseera.
Rakkoo wabii midhaan nyaataa mirkaneeffachuuf Afrikaan itti rakkataa turte qabsoo warraaqsa dinagdee Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa tureen ofirra darbuun alergiif qaqqabuun waan ajaa’ibaa ta’uunis ka’eera. Misooma qamadii akka Itoophiyaatti eegalame afaaniin osoo hintaane wabii midhaan nyaataan of dnda’uurra darbee alatti erguuf qophiin taasifamaa jiru sammuu dargaggoota Afrikaa keessatti miira nidanda’amaa kan uumuufi eeggattummaafi hirkattummaa kan hambisudha.
Biyyoonni Afrikaaa hedduu dachee uumamaan badhaateefi kan qabeenya albuudaan guutamte osoo qabanii haalaan fayyadamuu dhabuun seeraan ala saamamaa eeggattummaaf saaxilamaa turaniiru. Amma Afrikaa keessatti teknoloojiin babal’achuu waan eegaleef jijjiiramoonni gaariin galmaa’aa waan jiraniif dargaggoonni hojiilee kalaqaafi teknoloojiin fagaatan hedduu horatamaa jiru.
Kun ammoo ilaalcha uummata gurraacharra ture kan cabsu, eeggattummaa kan hambisuufi dinagdeen dorgomaa kan nama taasisu waan ta’eef Afrikaaf abdiidha. Isa kanaaf dargaggoonni har’aa bor biyyaaf abdii ta’an imaanaa isaanitti kennameefi yaada Afrikaa tokkoomsuu eegalame galmaan ga’uuf kutannaan hojjechuun fala ta’uu Dargaggoo Adinaan dubbateera.
Kallattii Paan Afrikaanizmii cimsuuf taa’e kana hojiirra oolchuuf Itoophiyaan adda durummaan kan hojjettu ta’uu ibsee, biyyoonni Afrikaa hafanis miira kankooti jedhuun deeggaruun irra jiraata.
Walumaagalatti Yaa’iin Gaggeessitoota Dargaggoota Afrikaa alana Itoophiyaatti yeroo jalqabaaf gaggeeffame kun seena qabeessaafi imala Afrikaa tokkoomsuu qabatee kan ka’e yoo ta’u, keessumattuu dargaggoonni qooda fudhattoota ijoo ta’uu akka malan kallattiin taa’eera. Kaayyoonsaa yaa’ichaa Ardii Afrikaa dhiibbaa kamirraayyuu bilisa taate, dinagdeen, hawaasummaafi siyaasaan ijaaruu yoo ta’u, sochii eegalame cimsuun hiyyumaafi gidduseentummaa seenaa gochuuf imaanaan dargaggootarra jiru olaanaa waan ta’aeef Paan Afrikaanizmii cimsuun dirqama yeroon gaafatudha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 26 Bara 2015